Lammiileen Chaayinaa 'seelii Faangasii balaafamaa' seeran ala gara Ameerikaa galchuun himataman

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan vaayirasii fi fangasoota adda addaa labaraatoorii keessatti oomishuun weerara dhukkubaa akka ta'u goote jedhamuun yeroo adda addaa himanni irratti dhiyaataa ture.
Tibba kanas lammiileen Chaayinaa lama fangasii qondaaltonni ''seelii baayoloojiikaalaa balaafamaa'' jedhaniin gara Ameerikaa galchan jedhaman irratti himanni dhiyaatera.
Waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa Michigan Yankung Jiyan kan umurii 33 fi Zhuang Liwu umurii wagga 34, dhiiraa fi dubartii Chaayinaa, shira, ibsa sobaa kennuu fi hanna viizaatiin himate jechuun beeksiseera.
Abbaan alangaa akka himanitti, Mr Liyuun fangasii kana buufata xiyyaaraa Detroyit keessaa seeraan ala galchuuf yaale, kunis laaboraatoorii Yunivarsiitii Michigan bakka jaalalleen isaa Aadde Jiyaan hojjettutti qorannoo irratti gaggeessuuf yaale.
Fangaasiin kun maqaa saayinsaawadhaan 'Fusariyum giramineharum' kan jedhamu yoo ta'u, dhukkuba midhaanii akka qamadii, baaqelaa, boqqolloo fi ruuzii guutummaatti balleessuu danda'u kan fidu akkasumallee yoo liqimfame garaa kaasaa hamaafiduu fi kalee irratti miidhaa geessisuu danda'a.
Seeliin kun saayinsiidhaan ''meeshaa waraanaa shororkeessummaa qonnaa ta'uu danda'u'' jedhamee ramadamas jedhame.
Akka Waajjirri Abbaa Alangaa Ameerikaa kun jedhutti, ''waggaatti addunyaa guutuutti kasaaraa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu'' fiduu akka danda'us ibseera.
Qondaaltonni itti dabaluudhaan Aadde Jiyaan qorannoo dhibee kana Chaayinaa keessatti akka taasiftuuf mootummaa Chaayinaa irraa maallaqa argatatti jechuun himatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas miseensa Paartii Koominiistii Chaayinaa ta'uu ishee himachuun qondaaltonni himannaa dabalataa bananiiru.
Abbaan seeraa Ameerikaa Jerome F. Gorgen Jr. himannaa kana "balaa nageenya biyyaalessaa hamaa" jechuun ibsaniiru.
"Lammiileen biyya alaa lamaan kun fangasii 'meeshaa waraanaa akka shororkeessummaa qonnaatti fayyadamuu danda'u' jedhamee ibsame gara naannoo Ameerikaatti geejjibsiisuun himataman, achitti sagantaa isaanii itti fufsiisuuf laaboraatoorii Yunivarsiitii Michigaan fayyadamuuf yaada qaban'' jedhan
Qorannoon kun Biiroo Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) fi Gumuruukaa fi Eegumsa Daangaa Ameerikaa waliin ta'uun gaggeeffamee jedhame
BBC'n yaada kennuuf Yunivarsiitii Michigaan fi Imbaasii Chaayinaa Waashingitan DC jiru qunnamee jira.
Himannaan kun kan dhiyaate yeroo waldhabdeen Chaayinaa fi Ameerikaa gidduu jiru cimaa ta'etti yoo ta'u, Pirezidaanti Tiraamp viizaa barattoota Chaayinaa akka haqan erga doorsisanii guyyoota muraasa booda kan dhiyaatedha.
Jalqaba torban kanaa barataan Chaayinaa Yunivarsiitii Michigaan tokko filannoo bara 2024 irratti seeraan ala sagalee kennuudhaan himatamees ture.












