Maan Yunaayitid v Niiwukasil, Arsenaal v Biraayiten tilmaama morkii PL torban kanaa

Taphattoota Piriimer Liigii

Arsenaal Liigicha dursa qabatee Ayyaana Waggaa Gannaa/Qillee warra faranjootaa dabarseera. Ze Gaannars bara dorgommii kana dheebuu waancaa waggaa 20 olii bahuu laata?

Maanchester Siitiin ammoo gara jalqabaa waan laafe fakkaatee booda kana faana Arsenaal hin gadhiisu jechaa jira. Sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin, Arsenaal waliin qabxii lama qofaan caalame.

Torban darbe Maanchester Yunaayitidiin kan mo'ate Aston Viilaan sadarkaa sadaffaa qabateera.

Taphoonni Piriimer Liigii Ingiliiz torban 18ffaa Jimaata, Sanbataa fi Dilbata gaggeeffamu.

Xiinxalaa ispoortii BBC Kiriis Saatan tilmaama taphoota torban kanaa akkasiin kaa'eera.

Jimaata
Asxaa Maan Yunaayitid fi Niiwukasil

Maanchester Yunaayitid v Niiwukasil

Maanchester Yunaayitid torban darbe Aston Viilaan mo'amanillee taphattoonn isaa gahumsa agarsiisaniin dinqisiifatamaniiru.

Amma maanchester Yunaayitdiif gaaffiin guddaan sababa miidhamaan kan dhabe Buruunoo Fernaadeez malee akkamiin taphachuu danda'a kan jedhudha.

Garee Ruuban Amoorim kana yeroo ilaalan Buruunoo malee taphataan dursaa ta'uu danda'u jiraachuun shakkisiisaadha.

Taphataan sarara ittisaa Lisaandiroo Maartineez ittisa gara gidduurra ta'ee tapachuuf jiraa laata? Sababiin isaa ammoo taphataan kun dandeettii gaggeessuu waan qabuuf.

Niiwukasil tapha Chelsii waliin taasisanirratti goolii lamaan dursaa turanillee boodarra wal qixa xumuraniiru. Gahumsi isaan dirreetiin ala qaban ammoo dadhabaadha.

Maanchister Yunaayitid Buruunoo miidhamaan, taphattoota murteessoo ta'an biroo ammoo sababa Waancaa Afrikaatiin dhabeera.

Niiwukasil garee caalaa fooyyee qabu qabatee dhufa.

Sababa kanaan Niiwukasil akka mo'atun tilmaama.

Tilmaama: 0 - 1

Sanbata

Notigihaam Forest v Maanchester Siitii

Notingihaam Forest ammallee kufaatiirraa fagaatee hin jiru. Wiixata darbe ammoo Fuulhaamiin mo'amuun isaa haala jiru daran rakkisaa taasiseera.

Taphni kun Siitiif salphaa ta'uu baatus, gahumsi amma irra jiran garuu ajaa'ibadha.

Wayita barri dorgommii kanaa deemee dhufetti Maanchester Siitiin caalaa cimaa dhufeera.

Raayaan Cherkii fi Fiil Fooden dandeettiin isaanii bilchaataa jira. Kubbaa isaan Erliing Halaandiif mijeessanii kennan waan addaati. Karaa biraan ammoo goolii itti galaas hin jiru.

Tilmaama: 0 - 2

Arsenaal V Biraayiten

Hasxaa Arsenaal fi Biraayiten

Namoonni Arsenaal gatantaraa jira jedhu. Ani garuu tapha Woolvisiin booda gatantaruu isaa hin argine.

Everten waliin 1-0n mo'atellee, Everten kilaba cimaa morkattootatti qormaata ta'u akka ta'e ifadha.

Taphni Biraayiten waliin taasisanis salphaa ta'a jedhee hin tilmaamu. Taphoota afran darban keessaa tokkollee mo'achuu baatanis, Liiverpuul akkam akka qoran argeera.

Taphni Arsenaal waliin taasisanis kana akka fakkaatun tilmaama. Garuu ammas Arsenaal dirree isaarratti of eeggannoon taphataa gooliis ni lakkoofsisa.

Tilmaama: 2 - 0

Bireentifoord v Boornimaz

Dirree ofiisaaniirratti cimoo kan ta'an Bireentifoord, bara dorgommii kana keessa dirreetiin alatti yeroo jalqabaatiif torban darbe mo'ataniiru.

Taphni kun goolii baayyeen kan irratti lakkoofsifamu natti fakkaata. Sababiin isaa ammoo Boornimaz goolii lakkoofisullee daangaa isaa hin kabachiifatu.

Boornimaz taphoota afran darban wal qixaan xumure. Taphni kunis akkasuma waan ta'u natti fakkaata.

Tilmaama: 2 - 2

Barnilee v Everten

Leenjisaan Barnilee Iskoot Parker dhiibbaan itti cimaa jira. Namoonni hedduun garee kanaaf leenjisaa sirrii ta'uu isaa shakkuutti jiru.

Everten taphoota murteessoo ta'an dhabulleen, tapha kanarraa qabxii tokko waan argatu natti fakkaata.

Tilmaama: 1 - 1

Liiverpuul v Woolvis

Hasxaa Liiverpuul fi Woolvis

Madda suuraa, AP

Carra qabeessa kan hin taane Aleksaandar Isaak haalli isaa cittoorratti fanxoo itti ta'a ajira. Erga Niiwukasil irraa dhufe kan hin milkaa'iiniif jiru jifataan hiddhi dhaloota isaa Ertiraa lammummaan isaa garuu Siwiidin ta'e kun, sababa miidhamaan ji'ootaaf dirreerraa akka fagaatu dhaga;ameera.

Haata'u malee, Liiverpuuliif Huugoo Ekitiikeen hanga jirutti Isaak dhibuun yaaddoo waan ta'uuf natti hin fakkaatu.

Mohaammed Saalaah biyya isaa Masiri bakka bu'ee Waancaa Afrikaa Morookootti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jira. Doominiik Siboozilaay sababa adabbiitiin hin jiraatu. Tarii taphaa Filooriyaan Riitiz irratti sirriitti mul'atu ta'a.

Gabatee Piriimer Liigiirratti dhumarratti kan argamu Woolvis, tapha kanarraa wanti argatu jira jedhee hin eegu.

Tilmaama: 2 - 0

West Haam v Fuulhaam

West Haam tapha kanarraa qabxii sadii arachuu qaba. Taphoota shanan darban irraa qabxii lama qofa argate.

Nuunoo Espiriintoo Saantoo jalqaba ji'a sadaasaarratti waan fooyyee qabu agarsiisullee, torbanoota dhiyoo as keessa garuu gara sigigaachuutti waan deebiye fakkaata.

Fuulhaam injifannoo torban darbe argateen yaaddoo kufaatii keessaa baheera.

Tapha kanaan fuulhaam gammachun waan galu natti fakkaata.

Tilmaama: 1 - 2

Cheslii v Aston Viilaa

Hasxaa Chelsiifi Aston Viilaa

Aston Viilaan taphoota 10 walitti aanse emo'achuu danda'eera. Arsenaal, Maanchestr Siitii fi Maanchester Yunaatidiin dirree ofiisaarratti mo'ateera.

Morgaan Roojers gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira. Kabaja dorgomtoota waancaa jedhus isaaniif kennuu qabna.

Haata'u malee, Chelsiinis yeroo tokko gahumsa gaarii agarsiisuun waancaaf dorgomaa jiru jennee turre.

Deeggartoota kilaboota lamaanii nan beeka. Sababiin isaas kilaboota lamaaniifiyyu taphadheera. Tapha kanaan dhumarratti kan dhiichisan deeggatoota Chelsiidha.

Tilmaama: 2 - 1

Dilbata

Sanderlaand v Liids Yunaayitid

Liids Yunaayitid torbanoota dhiyoo as milkaa'ina ajaa'ibaa galmeessisaa jiru.

Sanderlaand sbaba Waancaa Afrikaatiin taphattoota baayyee dhabeera. Haata'u malee, hedduu isaan hin yaaddessu. Adurreen Gugurraalee [maqaa masoo Sanderlaand] goolii baayyee hin lakkoofsisan. haata'u malee, karra isaanii eeggachuun hin komataman.

Tilmaama: 1 - 0

Kiristaal Palaas v Tootenhaam

Kilaboonni lachuu yeroo ammaa kana gahumsa dhaabbataa agarsiisaa hin jiran.

Kiristaal Palaas sababa taphni wal walirra jalaa ooleef garee gahumsa dhaabbataa agarsiisuun isa rakkise ta'eera.

Sababa kanaan Tootenhaam tapha kanarraa waan tokko ni argata kan jedhu nan tilmaama. Kanarra darbees, leenjisaa Tootenhaam, Toomas Firaank ta[ha kanarraa milkaa'ina argachuu barbaada.

Gareen lachuu gahumsa gadi aanaarratti argamuu hordofee, tilmaamni kiyya wal qixa bahu kan jedhudha.

Tilmaama: 0 - 0