Maddi Covid-19 wayi bira gahame laataa?

Madda suuraa, Getty Images
Madda weerara dhibee Covid-19 ilaalchisee biyyoonni lixaa laaboraatoorii Chaayinaa keessaa bahe jechuun komataa turan.
Chaayinaan ammoo maqa ballleessidha jechuun deebii kennaa yoona gahan. Dhiyeenya kana ammoo qorattoonni Chaayinaa bu'aa qorannoo isaanii ifa godhaniin, maddi vaayirasii kanaa bakka kana jechuun rakkisaa akka ta'e himan.
Gareen qorattoota Chaayinaa kun sumuda qorannoof ta'u bakka jalqaba weerarri Covid-19 irraa ka'e irraa fudhachuun waggoota sadan darban qorannoo gaggeessaa kan turan.
Bakki jalqaba mallattoon Covid-19 itti mul'ate bakka bineensonni galaana keessaa fi bineensonni bosonaa itti gurguraman Huwanan jedhamuudha.
Qorattoonni tokko tokko vaayirasichi bineensota irraa namatti akka darbe himu.
Kaan ammoo qorannoon Chaayinaan gaggeessite kun ifa gochuuf maalif waggaa sadi fudhate jechuun falmu.
Vaayirasiin Covid-19 tasa laaboraatoorii bulchiinsa Chaayinaa Wuhan jedhamtu keessaa miliqifamee bahe kan jedhanis jiru.
Ragaa qabatamaan hin jiru
Qorattoonni Chaayinaa bu'aa qorannoosaanii jalqabaa Guraandhala 2022 maxxansanii turan.
Haata'u malee odeeffannoo qaccee sanyii saamuda bakka gabaatii fudhame keessatti argamu guutummaa isaa hin baasne.

Madda suuraa, E HOLMES
Bu'aan qorannoo garee qorattoota Chaayinaa sumudni bakka gabaa bineensonni galaanafi bosonaa itti gurguramanii fuudhame muraasni vaayirasii qabaachuu qabaachuusaa agarsiisa.
Akkasumas bineensonni vaayirasiin kanaan qabamuuf carraa qaban bakka gabaa vaayirasiin Covid-19 jalqaba itti mul'ate sanatti gurguramaa turuus ibsaniiru qorannoo isaanii keessatti.
Garuu immoo qorannoon isaanii kun vaayirasichi akkamitti eegale ragaa qabatamaa akka hin arganne ibsu qorattoonni Chaayinaa kun.
"Sumudni naannichaa fudhatame bineensonni sun [vaayirasiidhan] faalamuu isaanii hin mirkaneessu], jedha qorannichi.
Gama biraan ammoo namni illee vaayisarii Covid-19 gara bakka gabaa sanatti fiduun bineensota faalee turuu akka danda'us ni eera qorannoon kun.
Pirofeesar Deevid Robertsan Yuunivarsiitii Gilaasgootti vaayirologistiifi erga weerarri Covid-19 ka'ee qorannoo qaccee irratti hirmaataa ture.
"Waanti baay'ee murteessa ta'e, qorannoon kun [kan qorattoonni Chaayinaa hojjatan] maxxanfamuu isaati, qorattoonni kaan irratti hojjachuu danda'au," jechuun BBCtti hime.
US weerarri Covid-19 laaboraatorii Chaayinaa keessaa akka ka'e amanti. Mootummaan Chaayinaa garuu kana hin fudhatu.












