Tarkiin gaggeessaa garee Islaamik Isteet ajjeesuu beeksifte

Gaggeessaa garee Islaamik Isteet (IS) Sooriyaa keessatti ajjeessuushee Tarkiin beeksifte.

Pirezidaant Xaayib Erdohaan akka beeksisanitti, gaggeessan garichaa ajjeefame jedhame Abu Huseen al-Quraayish kan jedhamudha.

Abu Huseen gaggeessan garichaa duraanii waktii bonaa darbe keessa ajjeeffamnaan filatame.

Erdohaan miidiyaa biyyattii TRT Tark jedhamutti akka himanitti, gaggeessan IS kun opppereeshinii humnoonni tikaa Tarkii gaggeessaniin ajjeeffame.

Gareen Islaamik Isteet dubbiin kun dhugaaf soba ta'uu hanga ammaa homaa hin dubbanne.

Dubbii Pirezidaant Erdohaan kana BBCn addatti hin mirkaneeffanne.

Humni Tikaa Tarkii Abu Huseen al-Quraayish barbaadaa akka ture ibsan Erdohaan.

"Qabsoo dhaabbilee shororkeessitootaa irratti taasifnu ittuma fufan," jedhan Erdohaan.

Rooyitars maddeen Sooriyaarraa argadheera jedhee akka gabaasetti, Abu Huseen al-Quraayishin kan ajjeeffame Kaaba Sooriyaa daangaa Tarkii irrattiidha.

Bara darbe ji'a Sadaasaa keessa gareen IS gaggeessan isaa Abu al-Hassan al-Hashemi al-Quraayshi ajjeefamuu beeksisee ture. Abu al-Hasan kan ajjeesse garee hidhattoota Free Syrian Army jedhaman akka ta'e US beeksiftee turte.

Abu al-Hassan al-Hashemi al-Quraayshi dura garee Islaamik Isteet gaggeessaa kan ture Abu Ibrahim al-Hashimi al-Qurayshi yoo ta'u oppireeshinii US irratti gaggeessiteen ofiisaatin of ajjeese.

Gareen IS kanaan dura biyyoota akka Sooriyaafi Iraaq keessatti bu'uura cimaa ijaarrachuun magaalota gurguddoo sadarkaa to'achuurra gahee ture.

Oppireeshinii qindaa'aa biyyoonni akka US, Turkiifi Raashiyaa fa'aa fudhataniin bara 2019tti daangaa dhumaa to'atee ture keessaa baafame.

Haa ta'u garuu gareen kun ammayyuu yaaddeessaa ta'uusaa UN beeksisee ture.

Islaamik Isteet Sooriyaafi Iraaq keessaa loltoota 6,000 hanga 10,000 ta'an kan qabu yoo ta'u baay'inaan baadiyyaa keessa kan buufataniifi daandii ykn bakka dahootti eeggachuun haleellaa kan gaggeessaniidha.

Akkasumas gareewwan Islaamik Isteet wajjin hidhata qaban bakkeewwan waraanni jiru addunyaarratti baay'achuunsaanii yaaddoo uumera.

Akka gabaasa UNtti caasan garee kanaa baay'ee cimaa ta'e Afgaanistaan, Somaaliyaafi Chaad keessatti argamu.