Tilmaama tapha ramaddii jalqabaa Waancaa Awurooppaa

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Awurooppa (EURO 2024) Jarmaniin keessummeessiturrati taphoota 51tu taphatama.
Tapha guyyaa baniinsaa gaggeeffamuun Iskootlaandifi Jarman istaadiyeemii Baayr Muniik Aliyaanz Areenaa irratti waliif bahu.
Gareen bakka já’atti ramadaman har’a irraa kaasanii guyyaa guyyaan taphoota garee lamaa hanga afuriitti gaggeessu.
Taphoonni kunneen waaree boofa sa’aatii 10:00 irratti halkan ammoo sa’aatii 1:00 fi 4:00 irratti istaadiyeemota magaalota Jarmanii kudhan keessatti argamanitti gaggeeffamu.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan taphoota 51 taphataman eenyu akka mo’atu jala bu’ee tilmaama dhiyeessa.
Tapha guyyaa baniinsaa Jarmaniifi Iskootilaand gaggeessanirraa kaasee hanga Adooleessa 14 waancaatti jiru tilmaama isaa ni kaa’a.
Kan har’a galgala (Waxabajji 14) hanga Waxabjii 18 jiru akka itti aanutti kaa’eera.
Jimaata Waxabajji 14
Jarmanii v Iskootilaand
Tilmaama: 2 – 0
Sambata Waxabajji 15
Hangaarii V Siwiizerlaand
Tilmaama: 1 – 1
Ispeen v Kirooshiyaa
Tilmaama: 2 – 1
Xaaliyaan V Albaaniyaa
Tilmaama: 1 – 1
Dilbata Waxabajji 16
Silovaakiyaa V Denmaark
Tilmaama: 0 – 0
Sarbiyaa V Ingliiz
0 – 2
Polaand V Neezerlaand
Tilmaama: 1 - 2
Wixata Waxabajji 17
Ostiriyaa V Faransaay
Tilmaama፡ 1 – 2
Romaaniyaa V Yukireen
Tilmaama: 1 – 1
Beeljiyeem V Silovaakiyaa
Tilmaama: 2 – 1
Kibxata Waxabajji18
Turk V Joorjiyaa
Tilmaama: 1 – 1
Poorchugaal V Cheek Rippabliik
Tilmaama: 2 – 0












