Taphni Euro 2024 Ingilaandiif Sarbiyaa 'balaa guddaa ni qabaata' jedhan aanga'oonni Jarman

Dorgommii Waancaa Awurooppaa, Euro 2024

Madda suuraa, Getty Images

Aanga'oonni Jarman wancaa Awurooppaa Jimaata dhufu eegaluun taphni Ingilaandiif Serbiyaa gidduutti godhamu ''balaa guddaa qaba'' jedhan.

Gareen lameen ramaddii tokko keessa kan jiran yoo ta'u tapha ramaddii isa jalqabaan guyyaa afur booda wal falmu.

Wanti yaaddoo guddoo uume garuu hammeenya deeggartoota bira jiruudha.

Poolisiin naannoo Gelseenkirsheen ibsa baaseen wanbadootni Sarbiyaa 500 ta'an daawwattoota tapha kanaa dirreetti argaman kumoota keessa waan jiraniif taphni kun balaa ni qabaata jedhe.

Deeggartootni jeequmsaan beekaman kun Sarbiyaarraa akka dhufan ibsame.

Yaaddoo jeequmsa deeggartoota gidduutti dhalatuu malu kanaaf jecha alkooliin dirree sanitti gurguramu akka xiqqaatu, deeggartootni gareelee lamaaniis walirraa fagaatanii akka taa'an, akkasumas poolisiin 1,000 dirreetti argamee akka eegu murtaa'eera.

Maanejiing Dayireektariin Euro 2024 Andiriyaas Shaar yaada BBCf kenneen durumaanuu aanga'oonni Jaraman taphni kun hammeenya ni qabaata jedhanii turan jedhe.

Yaaddoo qofa osoo hin taane rakkoo mudachuu malu hanqisuufis eeggannoowwan gochuuf hojjetamaa ture jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Sarbiyaan yeroo murtaaheef dorgommiirra hin turre. Kanaaf wanta dhufu hin beeknu- deeggartootni garee lamaanii akkamiin deebii walii kennu? kuni gaaffii banaa taa'udha. Nuti akka qopheessitootaatti seenaa walitti bu'iinsa guddaa waan hin qabneef baayyee hin yaaddofne, garuummoo yaaddoon walitti bu'insa uumu ni jira, yoo hin eeggannu ta'e hammaachuu danda'a.''

Qopheessitootni dorgommii kanaa dorgommii kilaboota Awurooppaa keessa baroota lamaan darban jeequmsi deeggartootaa yaaddeessaa hin turree jedha. Dorgommii idila addunyaarratti ammoo inumaayyuu gad aanaadha jedha.

Haata'u malee Sarbiyaan dorgommii liigii biyya keessaa baroota darban muraasaarratti jeequmsa deeggartootaa keessummeessiteetti. Gariin jeeqxota Raashiyaa deeggaran, kaan fedha siyaasaa garee biraa warra deeggaran, kaanis garee yakkaati.

Ji'oota dura tapha gulaallii Bulgaariyaa waliin godhame irratti dirreen kubbaa miilaa Sarbiyaa gariin cufamee ture.

Deeggartootni Sarbiyaa waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante deeggaru. Gareen biyyaalessaa biyyattiis garee Awurooppaa isa jalqabaa Raashiyaa kan dhorkaan irra kaahame waliin tapha michoomaa gaggeessuuf waliigaleedha.

Haalli qabatamaa jiru yaaddoof sababa ta'ullee, deeggartootni Sarbiyaa baroota as dhiyoo keessa dorgommii idila-addunyaa biyya isaaniin alatti godhamerratti hokkara hamaa kaasanii hin beeekan jedha gaazexessaan BBC damee Baalkaan.

Yeroo dhumaaf dirree ormatti hokkora kan kaasan bara 2010 Xaaliyaanitti ture. hokkara sanaan dorgommiin gulaallii Waancaa Awurooppaa adda citeera. Wanti irratti hokkora kaasan garuu deeggartoota garee masaanuu mormuurratti osoo hin taane Federeeshinii Kubbaa miilaa biyya isaanii balaaleffachuurraa kan ka'e ture.

Ergasii dorgommiiwwan kilabootaa Awurooppaa irratti Liivarpuul, Ispaarsiifi Maanchister Yunaayitiid gara Beelgireed imalanii dorgommii hokkora irraa bilisa ta'e gaggeessaniiru.