TikTok Elon Maaskitti gurguramuu danda'a dubbiin jedhu 'dhara'-Dhaabbaticha

Madda suuraa, Getty Images
TikTok dubbii Chaayinaan kampanii miidiyaa hawaasaa kana dureessa addunyaa Elon Maaskitti gurguruuf jedhu "dubbii dharaati" jedhe.
TikTok miidiyaa hawaasaa oppereeshiniin isaa US ta'eefi qabeenyummaan isaa ammoo kan dhalataa Chaayinaa ta'eti.
Yaadni miidiyaan hawaasaa kun, deebii gabaasa Bloomberg aanga'oonni Chaayinaa yoo manni-murtii Olaanaa US applikeeshinicharra dhorkaa kan kaa'u ta'e biizinasii isaanii Ameerikaa jiru kana dureessicha addunyaatti dabarsanii gurguruu filannoo jedhu iaalaa jiru jedheeti.
Abbootiin seeraa Mana-murtii Olaanaa, TikTok hojii isaa Ameerikaa keessaa qabu gurguruu ykn biyyattii keessatti haa dhorkamu kan jedhurratti murteessuuf Amajji 19 irratti beellama qabataniiru.
TikTok oppereeshinii isaa US keessatti gaggeessaa jiru hin gurguru jechuun irra deddeebiin himeera.
"Oduu dharaa" irratti yaada kennuun nurraa eegamuu hin danda'u," jechuun BBCtti hime dubbi-himaan TikTok.
Bloomberg ammoo namoota dhimmichatti dhiyeenya qaban eeruun kan gabaase yoo ta'u, carraa jiru tokko qondaalonni Chaayinaa ilaala ajiran miidiyaan hawaasaa Maask X jedhamu oppereeshinii TikTok akka dhuunfatudha.
X ammoo yaada akka kennuuf BBCn gaafatee ammatti deebii hin kennine.
Maask michuu pirezidantii US haaraa filatame Doonaald Tiramp yoo ta'u, yeroo filannootti cinaa dhaabbatee deegaraa tureera.
Tiraamp ammoo Amajji 20 waayit Hawusitti deebiya.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a darbe, Tiraamp Manni-murtii Olaanaa dhimma kanarratti murteessuu hanga inni gara Waayit Hawusitti deebiyee "fala siyaasaa" barbaadutti akka tursiisuuf gaafateera.
Gorsaan seeraa isaa ibsa mana-murtiif dhiyeesseen Tiraamp, "TikTok dhorkamuu ni morma"; kanaaf "yeroo gara waajiraatti deebiyutti karaa siyaasaatiin dubbiin kun akka fala argatu ni hojjeta," jedhe.
Kun kan dhaga'ame Tiraamp hoji-gaggeessaa TikTok Shuu Zii Chew waliin Filooriidaa mana isaa Mar-a-Lago keessatti wal argee torban tokkoo boodadha.
Wixata seera-baastonni Dimokiraatotaa lama, Senaatar Ediwaard Maarkey fi bakka-bu'aa Roo Kahaanaa kongirasiirratti pirezidant Joo Baayiden guyyaa dhumaa beellamame Amajji 19 akka dheeressuuf gaafataniiru.
Torban darbe yeroo Mana-murtii Olaanaarratti dhimmicha dhiyaataa ture, abbootiin seeraa seera jiru hojiirra oolchuuf guyyaa beellamni qaba akkuma jirutti akka ta'u fedhii qabu ture.
Falmii turtii sa'aatii sadiitti siqu taasifameen, abbootiin seeraa saglanuu irra deddeebiin kan kaasanii dubbataa turan dhimmicha seeraan ilaaluun kan barbaachiseef yaaddoo nageenya biyyaalessaa waliin waan walqabatuuf jedhan.
Bulchiinsi Baayiden yoo gurguramuudhaa baate, TikTok Chaayinaadhaaf akka meeshaa basaasaafi siyaasa ooffachuuf gargaaruu mala jedha.
Kampaanichi garuu dhiibbaan paartii Komunistii Chaayinaa irraa dhiibbaan tokkollee akka irra hin jirre irra deddeebiin waakkateera. Kana waan ta'eefis oppereeshinii isaa US keessa jiru dhorkuun mirga yaada ofii ibsachuu kan First Amendment jedhamu fayyadamtoota US dhorka jedha.












