Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Traamp waayee haleellaa Israa'el 'hunda beekna' jedhan, Iran UNtti US himatte
Ji'ootaaf Israa'el Iraaniin akka hin haleelle dhorkaa kan turan Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp, haleellaan kun akka raawwatamuuf deemu dursanii akka beekan himan.
Yaada bilbilaan Rooyitarsiif kennaniin haleellaa kana boodas ulaan marii nagaa akka jiru himan.
''Waan hunda beekna, salphinaa fi du'a Iraan hambisuuf yaaleera. Isaan oolchuuf guddoon tattaafadhe, sababnisaas waliigalteen raawwatamee arguu baayyeen jaaladha'' jedhan Tiraamp.
''Ammayyuu waliigaluu danda'u, badaa hin barfanne.''
Tiraamp Netaaniyaahuun haleellaa banuurraa akka barfataniifi dippiloomasiif carraa akka kennan watwaachaa bahan. Ammoo Tiraamp mataansaanii yoo Iraan dhimma nikuleeraa irratti waliigaluu baatte haleeluuf akeekkachiisanii turan.
Waayee haleellaa kanaa ejjennoon Tiraamp bakka lama jira. Jimaata darbe miidiyaalee biyya keessaaf ibsa yoo kennan ''baayyee gaarii'', ''hedduu kan milkaahe'' jechuun ibsaniiru.
Tiraamp murtee Israa'el haleellaa milkaahaa raawwachuuf fudhatte deeggaraa turan. Kaayyoonsaas Iraaniin hojii misooma niikuleeraa irraa dhaabuudha.
Gaaffii US haleellaa haaloo Iraanirraa Israa'eliin ni ittistuu jedhuuf deebii yoo kennan, Israa'eliin guutummaatti akka deeggaran dubbatan. Dabaluunis sababa haleellaa Israa'el kanaan naannichatti waraanni guddaan nu dhalata yaaddoo jedhu akka hin qabnes dubbatan. Ilaalchasaanii kana garuu bal'isanii hin ibsine.
''Israa'eliif michuu baayyee dhiyoo turre. Hundaa olitti michuusaanii tokkoffaadha'' jedhan Tiraamp. ''Wanta dhalatummoo ni ilaalla'' jedhan.
Jimaata darbe aanga'ootni olaanoon US lama waraanni US misaayeloota iraanirraa gara Israa'elitti dhukaafaman fashalsuurratti gargaaraa akka turan Rooyitarsitti himaniiru.
Tiraamp haleellaan Israa'el ''baayyee hamaadha'' jechuun Iraan ammallee sagantaa nikuleeraa hin miidhamne qabaaachuunshee ''hin beekmau'' jedhan.
Israa'el wiirtuulee sagantaan nikuleera itti gaggeeffamu haleeluu ibisteetti. Ejensiin anniisaa atoomawaa idila addunyaas wiirtuleen gurguddoon Iraan miidhamuu ibseera.
Miidhama Iraan hangaa kanaa boodas Tiraamp waayee marii dhimmi niikuleera Dilbata boruu Omaanitti gaggeefamuu haasa'aniiru.
Mariin kun ''hin duune. Isaan waliin Dilbata marii qabna. Marichi gaggeeffamuu fi dhiisuusaa hin beeku, garuu beellamni Dilbatatti qabame'' jedhan.
Kun kanaan osoo jiruu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aan Iraan haleellaa kana keessaa US harka qabdi jechuun himatan.
Amiir Sa'iid Iravaanii Israa'el ''hiree dippiloomasii ajjeesaa jirti'' jechuun ''kaayyoonshee naannicha waraana hin caamnetti galchuudha'' jedhan. Dabaluunis ''hirmaannaan US shakkii hin qabu'' jedhan.
''Warren sirna kana deeggaran adda durummaan Yunaayitiid Isteets gaafaamoo ta'uusaanii beekuu qabu'' jedhan yaa'ii Mana Maree Nageenyaarratti.
''Yakka kana gargaaruufi akka raawwatu gochuun balaa isa hordofee dhufuuf gaafatamoodha'' jedhaniiru.