Itoophiyaatti dhaabbileen siivilii USAIDn deeggaraman qabeenyaafi maallaqa akka hin dabarsineef dhorkaman

Ejansiin dhaabbilee hawaasa siivilii Itoophiyaa keessatti argamanii fi kanneen deeggarsa maallaqa Dhaabbata Deeggarsa Misooma Ameerikaa (USAID)n argatan ''hayyama ifaa'' abbaa taayitichaa malee qabeenyaa amma hin gurgurree fi maallaqa akka hin dabarsineef akeekkachiise.

Dhaabbiileen hawaasa siivilii akeekkachiisan kana cabsan irrattis tarkaanfii akka fudhatu abbaan taayitichaa akeekkachise.

Waajjirri dhaabbilee hawaasa siivilii to'achuufi hordofuudhaaf aangoo qabu kun akeekkachiisa kana kan kenne Kibxata kaleessaa Guraandhala 4, 2025 ibsa ariifachiisaa baaseeniidha.

Ibsi abbaa taayitichaa, kan murtee dhaabbanni deeggarsa misooma Idil-addunyaa (USAID) kan ilaalatuudha.

DHiheenya marsaa lammaffaaf aangoo kan qabatan pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, ajaja dabarsan hordofee, dhaabbanni deeggarsa miisooma idil-addunyaa Ameerikaa deeggarsa addunyaa maraatti taasisuu dhaabeera.

Bulchiinsi Tiraamp dhaabbatichi waajira dhimma alaa biyyattii jala akka galuuf karoorsuu ibseera.

Ameerikaan bara 2023tti qofa Itoophiyaa dabalatee biyyootaa garaa garaatiif deeggarsa doolaara biiliyoona 72 taasiftee jirti.

Odeeffannoon Waajjiira Dhimma Alaa Ameerikaa akka agarsiisuutti, USAIDn Itoophiyaatti miidhaa sababii walitti bu'iinsaa fi jijjiramni qilleensaatiin mudate dandamachuudhaaf bara 2020 irraa kaasee deeggarsa namoomaa birrii biiliyoona 3.6tti tilmaamamu taasiseera.

Dhabbatichi, sirna fayyaa biyyaaleessaa Itoophiyaa cimsuudhaaf waggaadhaan doolaara miiliyoona 154 akka baasu odeeffannoon waajirichaa ni agarsiisa.

Dabaltaanis dhaabbatichi dhaabbilee hawaasa siivilii deeggaruu fi dandeettii sabaa himaa cimsuudhaaf deeggarsa akka taasisuu beeksiseera.

Abbaan Taayitaan Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen, ''Dhaabbanni deeggarsa misooma Ameerikaa murtee deeggarsa dhaabuu taasisuu'' hubachuu ibseera.

Murtee deeggarsa dhaabuu dhaabbatichaa kanas ''itti dhiheenyaan hordofaa'' jiraachu kan beeksiise abbaan taayitichaa, ''haalawwan bal'inaa bu'uurreeffachuudhaan itti fufiinsaan deeggarsaa fi hordofiin barbaachisu kan raawwatamu ta'a'' jedheera.

Haata'u malee, abbaan taayitichaa, Itoophiyaatti dhaabbileen hawaasa siivilii USAID irraa deeggarsa maallaqaa argatan murtee kana hordofuun qabeenyaa fi maallaqa qaban irratti jijjirama akka hin taasifne dhaangeessuuf akeekkachiisa dabarseera.

Dhaabbileen hawaasa siivilii hayyama ifaa abbaa taayitichaatiin ala qabeenyaa akka hin dabarsine, akka hin dhabamsiifnee ykn akka hin gurgurre akeekkachiiseera.

''H#Dhimmoota hojiiwwan pirojektii idileetiin wal qabateen alatti haala kamiinuu maallaqaa fi qabeenyaa qaama sadaffaatti dabarsuun kan dhorkame ta'u cimsuunan akeekkachiisa'' jechuun dhorkaalee dabalataas ifa taasiseera.

Abbaan taayitichaa dhaabbiilee hawaasa siivilii akeekkachisan kana ''cabsuudhaan socho'an irratti tarkaanfii barbaachisu'' akka fudhatu ibsa baase kanaan beeksiiseera.

BBCn sababbii abbaan taayitichaa murtee kanarra itti gaheerratti odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofneef.

Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii dhaabbiilee hawaasaa siivilii miseensummaa hammate gamasaatiin dhimmicharratti ibsa akka baasu ibseera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.