Sirna Ayyaantotaa fi Waaqeffattootaa Harsadii irraa dhorkameefi fala hin arganne

Namoota yeroo muka jalatti dhibaafatan

Irreecha Hora Harsadiitiin booda sanbatawwan itti aananii jiran ayyaantonnii fi hordoftoonni amantii Waaqeffannaa Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa Harsadiitti imaluun sirna matasaanii gaggeessu.

Jilattoonni kunneen torban irreechaa irratti Harsadiitti sirnoota wareega galchuu, daddarbannaa fi muudaa malkaa Harsadii irratti akka hin raawwanne dhorkamuu himatanii ture.

Dhorkaa kanaan boodas kanneen sirna kanaaf bakkichatti argaman sagantaawwan akka buna danfisuu fi qalma achitti raawwachuu dhorkamanis malkaatti marga qabatanii irreeffatanii deebi'uu BBCtti himanii ture.

Eegasii abbootii gadaa fi haadholiin siinqee akkaasumas qooda fudhattoonni amantii Waaqeffannaa qaamolee bulchiinsa magaala Bishooftuu waliin dhorkaa kana irratti marii erga taasisaniin booda sirna isaanii akka raawwatan waliin dubbatanii turuu eeran.

Ta'ulleen Dilbata Darbe sirna kanaaf namootni kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa malkaa Harsadiitti argamanii fi kumaatamaan lakkaa'aman irra deebiin dhorkamuu himatu.

Abbaan gadaa Ada'aa kan ta'an Obbo Addisuu Baldaa jalqaba gara bakka irreeffannaa sanuu akka hin seenne dhorkamnee ture jedhu.

"Namni kaleessa bakka sanatti argame kuma dhibbaan kan lakkaa'amu. Bakkuma sanawuu hin seentan jedhanii dhorkan. Booda abbootiin gadaa Haasofsiisnee jennaan gadhiisanii akka irreeffatan ta'e"

"Warri aanaa Harsadii bakkicha turan; amma meeshaan misoomaa bakka kanatti hojjetamaa jiru ka'utti malee hin dhorkamu nuun jedhan. Kuni dhugaa miti. Bunni jabanaa bakka kanatti yoo dhaabbate fanjiidhaa? Nitokka'aa?" jechuun gaafatu Abbaan Gadaa.

Ayyaantonnii fi Waaqeffattoonni akkaataa duudhaa isaaniitiin sirna kanaaf wantoota akka buna, beelladoota qalmaa fi kaan qabatanii dhufan hunda sirna isaanii osoo hin raawwanne ofirra akka deebi'an ta'uus himu.

"Waan kuni aadaa duriraa dhufe. Wannni dhorkamuuf kuni maali kan jedhu waanumasaatuu wallaalle. Waan kuni baayyee nudhibee jira" jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensa Koree Waldaa Haadholii Siinqee magaala Bishooftuu kan ta'an Haadha Siinqee Ayyaantuu Bulbulaas namoota sirna kanaaf sanbata darbe bakkichatti sagantaa akka hin raawwanne dhorkaman keessaayi.

"Malkaan kuni kan nama tokko lamaatii miti. Namni hunduu dhaqee itti irreeffata. Torban irreechaatti ayyaantuun akkuma jiruun sirna osoo hin raawwanne ofirra deebi'e. Yeroo kaan bakka kanatti buna danfisnee, ixaana aarfannee, kan qalu qalee, aadaa keenya raawwanna ture," jedhu.

Taatee kanarratti qaamolee bulchiinsa aanaa Harsadii waliin dubbachuu kan himan Haati Siinqee, 'aadaa durirraa ture namni isin dhoowwu hin jiru' deebii jedhu argannee ture jedhan.

Ta'ulleen Dilbata ganama warri sirnaa kumaatamanaan erga bakka malkaa gahetti akkuma torban darbeetti sirna isaanii raawwachuurraa dhorkamu himu.

Malkaa durirraa sirna itti raawwachaa dhufanirraa dhorkamuutti ayyaantonnii fi warri jilaa dallanuu kan himan namootni BBCn dubbise kunneen, 'Hanga waan kuni nuuf furamutti gaaffii keenya itti fufnee gaafanna' jedhan.

Dhibdee Ayyaantotaa fi warri Waaqeffannaa malkaa harsadii irratti kaasaa jiran kanarratti dhorkii Kanaan kan himatame Bulchiinsa aanaa Harsadii irraa bulchaa aanichaa bilbilaan dubbisuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.