Namni ajjeechaa Aadde Adaanach kumsaan shakkame to'atameeraa?

Aadde Adaanach Kumsaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Namichi hojjettuu baankii ajjeessuun reeffa bineensi akka nyaatu godheera jechuun shakkame to'atame kan jedhu 'oduu sobaati' jedhe Poolisiin.

Ajjeechaa 'sukaneessaa' hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Alaltuu kan taate Aadde Adaanech Kumsaa irratti raawwatameen booda namni gocha kanaan shakkame miliqee poolisiin barbaadaa akka jiru ibsee ture.

Guyyoota muraasa darbe kana ammoo namni gocha kana raawwachuun shakkame too'atameera oduun jedhu miidiyaa hawaasummaa irratti Yoo qoodamu mul'ataa ture.

Ajajaan poolisii Magaala Sandaafaa Bakkee Komaander Ayyalaa Ashinee shakkamaan kun too'atame kan jedhu oduu dogogorsiisaa fi sobaati jedhan.

"Namootni yaaduma akkas jedhanii odeessu malee shakkamaa kana poolisiin ammayyuu hordoffii cimsee itti fufera. Too'atame kan jedhu oduu sobaati" jedhan.

Hawaasni Nama ajjeechaa sukaneessaa kana raawwachuun shakkame kana eeruu kennuun hordoffii poolisiin gochaa jiruuf akka tumsuus gaafatan.

Dubartiin ajjeefamte Adaanech Kumsaa jedhamtu hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu yoo taatu, jireenyaan Magaala Sandaafaa Bakkee jiraachaa turte jedha Poolisiin.

Akkamiin ajjeefamte?

Qajeelcha Poolisii Magaala Sandaafaa Bakkeetti itti-gaafatamaa Kutaa Qorannoo kan ta'an Itti aanaa Komadaraa Nigaatuu Alamuu BBCtti akka himanitti, ajjeechaa sukaneessaan kuni A L I Muddee 6, bara 2018 raawwatame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuuti miidhamtuun kuni. Jireenyaan magaala keenya keessa jiraatti. Taateen kuni A L I gaafa Muddee 06, bara 2018 halkan naannoo sadiitti raawwatame."

"Magaala Sandaafaa Bakkee Gomaaxaa jedhamutti halkan sa'aatii 3tti ajjeechaan kuni kan raawwatame," jedhan.

Maatiisheefi dubartii ajjeefamte kana namni beeku BBCtti akka dubatetti, shakkamaan kun kanaan dura hanga bakka hojiisheetti deemee ishee dorsisaa turuu maatiisheetti himattee turte jedha. Haata'u malee, obboleessishee angafti Kaasahun Kumsaa garuu namni ishee doorsisuu jiraachuu maatiin isaanii akka quba hin qabne himan.

"Nuti obbolaan hunduu asuma jirra. Waan isheerra gahe wanti dhageenye hin jiru," jechuun miira gaddaadubbatu.

Haadha ijoollee lamaa kan taate Aadde Adaanech bakka dhalootashee Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaatti hojjettuu misoomaa turte garuu konkolaachisaan dhaabbata ijaarsa Saanshaayin jedhamuu tokko 'sossobee fudhatee' akka gara Finfinnee fidee ijoollee lama waliin godhatanii booda adda bahan dubbatu obboleessishee Obbo Kaasahun Kumsaa.

Ijoolleeshee gargaaranii guddisuu dabalatee akka barattu kan gargaaran, Obbo Kaasahun, "isheenis cimtuu waan taateef erga Akkaawonting baratteen booda dorgomtee Baankii Daldala Itoophiyaatti hojii argachuu dandeesse," jedhan.

Isaan booda ijoolleshee lamaan waliin Sandaafaa mana kireeffattee baankii keessa hojjechaa akka jireenyashee gaggeeffattu kan duubatan Obbo Kaasahun, "jiila duraan qabdurraa kan ka'een waan isheerra gahu dhokfattee," jechuun gaabbiin dubbatu.

Shakkamaan eenyudha?

Adaanech gaafa ajjeefamte Finfinnee ooltee akka galte kan dubbatu obboleessishee angafaa kun, ijoolleesheetti galuuf osoo ariifachaa jirtuu shakkamaan kun karaarratti eegee waliin hoteela deemuu dhaga'uu hima.

"Guyyaa gaafa ajjeefamtuu sana Finfinnee naannoo Meksiikootti leenjiirra Baankii Daldalaa Itoophiyaan kennurra ooltee galte. Galgaluma ajjeefamtu sana halkan keessaa saatii tokkoo hanga lamaa gidduutti namootatti bilbilaa turte," jedha namni maatiishee akka beeku dubbates.

Walitti dhufeenyi Adaanech shakamaa kana waliin qabdi akka hin beekneefi erga taateen kun raawwatamee booda ijoolleeshee, ollaa, hiriyyootasheefi poolisiirraa odeeffataa jiraachuu kan hime Obbo Kaasahun, hojiishee hojjetachaa ijoolleeshee nagaan guddifachaa akka jirtu qofa akke beekan kaasu.

Adaanechiifi shakkamaan kun duraan hariiroo jaalalaa qabaachuu isaanii wanti shakkitan jiraa jedhamanii kan gaafataman obboleessishee, waan barbaadeyyu taanaan namni wal jaallate gocha akkasii namarratti hin raawwatu jedhan.

"Ajjeefamuun ishee xiqqaatee bineensaaf laatamte," jechuun gaddi isaan mudate hadhaawaa ta'uu dubbatu Obbo Kaasahun.

"Gochi akkasii nama osoo hin taane bineensiyyu hin raawwatu. Inni ajjeesee bineensaaf laate kun bineensa sanarra hin jiru," jedhu obboleessi Adaanecha Kumsaa Obbo Kaasahun Kumsaa.

Namni ajjeechaa dubartii kanaan shakkame magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Gulallee kan jiraatuufi maatii kan qabu akka ta'eefii bakka dubartiin kun hojjettuu ammoo akka kontirakteraatti pirojektii waan qabuuf deddeebiyee hojjeta jedhe namni itti dhiyeenyaan beeku kun.

Shakkamaan kun yeroo baayyee maaskiifi kishaafee [manatsarii] gurraacha godhatee akka deddebiyyuufi yeroo konkolaataa keessa seenu qofa akka ofirraa fuudhullee namoonni yeroo baayyee isa argan akka himan dubbata.

Akka namni kun jedhutti, shakkamaan kun Adeenechin 'sin fuudha' jechuun irra deddeebiin doorsisaa ture.

Haadha ijoollee lamaa kan taate Adaanech garuu gaa'ela kanaan dura keessa turteenis jiila waan qabduuf, kaayyoo ijoolleeshee guddifachuu malee gaa'ela biraa akka hin barbaadne dubbata namni itti dhiyeenyaan beeku kun.

Akkaataa yakki kuni ittiin raawwatame irratti qorannoon poolisiin hanga ammaatti taasise akka mul'isutti, miidhamtuun tunii fi shakkamaan Obbo Tsagaayee Asaalifoo jedhamu hariiroo jaalalaa kan qaban yoo ta'u, galgala sana hoteelatti nyaata ajajatanii nyaachuu ibsa.

Haata'u malee, Adaanech shakkamaa kana waliin hariiroo jaalalaa akka hin qabneefi dirqamaan akka ishee doorsisaa ture hima namni akka maqaan isaa hin eeramne gafaate.

"Jarri kuni lamaan galgala sana Hoteela Yeroosan jedhamutti nyaata ajajatanii dhibdee isaan gidduu tureen miidhamtuun kuni nyaata sanalleen osoo hin nyaanne dhiistee baatee deemte."

"Ergasii shakkamaan kuni konkolaataa kaafachuun duuka erga bu'ee konkolaataa keessa seensiseen booda bakka Gomaaxaa jedhamuu fi magaalarraa bahee jiru kana geessuun shugguxiidhaan ajjeese" jedhan.

Namni Adaanech beeku BBCtti dubbates, hoteelatti 'nama harka dhiqachuuf' deemu fakkaattee yeroo isheen baqattu' shakkamaan kun duukaa bu'e.

Dubartii kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee deemuun gara Magaalaa Alaltuutti akka miliqee fi konkolaataa fi shugguxiin yakki kuni ittiin raawwatame achuma magaala keessatti gatee miliquu ibsan.

"Konkolaataa fi meeshaan yakka kana ittii raawwate magaalaa Alaltuutti gatee miliqe. Yakkichi konkolaataa kana keessatti akka raawwatame dhiignii fi shugguxiin konkolaaticha keessaa ragaadha," jedhan Komaandar Nigaatuun.

Suuraa shakkamaa

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa shakkamaa

Shakkamaan kuni dubartii ajjeefamte kana rasaasaan erga ajjeeseen booda achumatti gatee waan deemeef reeffi miidhamtuu kanaa aluma bulee qaamnishee bineensaan nyaatamuus eeran.

Eeruu hawaasarraa dhufeen galgala sana namootni naannoo sanaa dhukaasa naannichatti dhagahuu fi konkolaataan bakkicha turtes kan too'atamte kanaan kan walfakkaatu akka ta'e himanii jedha poolisiin.

Haftee reeffa bineensaan nyaatame kana walitti qabuun qorannoodhaaf Hospitaala Phaawuloos erga geeffameen booda maatiin fudhatanii awwaaluus himan.

Shakkamaan yakka kana raawwate konkolaataa fi meeshaa yakka kana ittiin raawwate gatuun bakka biraatti akka miliqee fi poolisiin hordofee seeratti dhiheessuuf tattaaffii gochaa jiraachuun himame.

Adaanechn maatii guddaa barate keessaa kan dhalatteefi quxisuu maatii sanaa turte.

Sirni awwaalcha Adaanech Kumsaa bakka maatiifi firoonni jiranitti kaleessa raawwatameera.