UN gabbisa nuukileeraan wal qabatee Iraan irratti qoqqobbii guddaa dabarsuufi

Qoqqobbiin dinagdee fi waraanaa cimaan Iraan irratti irra deebiin darbuuf akka jedhu UN ibse.

Waliigaltee gabbisa nuukileeraa taasifameen waggootan kurnan dura qoqqobbii cimaan Iraan irratti darbee ture ka'ee ture. Amma qoqqobbiin kun irra deebiin Iraan irratti dabarfamuuf jedha.

Ji'a darbe UK, Faransaayii fi Jarmantu Mana Maree Nageenyaa UNtti xalayaa barreessuun Iraan waadaa ishee hin eegne jechuun himate.

Iraan karaa dippilomaasii waa'ee gabbisa nuukileeraa ittiin himatamte kana akka furtuuf guyyaan 30 kennameeraaf.

Yoo tahuu baate qoqqobbii cimaatu ishee eeggata.

Pirezidaantiin Iraan masuud Pezeshkiyaan qoqqobbii idil-addunyaa Iraan irratti darbuuf jedhu kana balaaleffatan.

''Haqa qabeessa kan hin taane fi seeraan ala'' jechuun qeeqan.

Wixineen Chaayinaa fi Raashiyaan qoqqobbichi ji'a jahaaf akka turu dhiyaate miseensota 15 keessaa sagalee deeggarsaa afur qofa argatee hin milkoofne.

Qoqqobbichi Dilbata dhufu kana hojiirra ooluu jalqaba.

Erga Ameerikaan bara 2016 waliigalticha keessaa baatee Iraan gabbisa nuukileeraa ishee dhorkamee ture itti fufte.

Tiraamp yeroo marsaa duraa aangoo qabate Ameerikaa wlaiigalticha keessaa baase. Waliigaltichas qeeqaa ture.

Erga Ameerikaa fi Israa'el gidduugala gabbisa nuukileeraa Iraan haleelanii Iraan Ejensiin Atoomikii Aannisa Idil-addunyaa akka buufaticha keessa galanii qorannoo hin gaggeesine dhorkite.

Ji'a Waxabajjii keessa Ameerikaa fi Iraan gabbisa nuukileeraa kana dhaabuu irratti waliigalteerra gahuuf marii irra turan. Garuu osoo hin milkaa'iin hafe.

Pirezidaantiin Iraan biyyi isaanii meeshaa nuukileraa oomishuuf akak fedha hin qabne ibsaniiru.

Pirezidaanti Masuuf miidiyaaleetti akak dubbatanitti humnoota alaatu naannichatti abidda qabsiisuuf akka haal-dureetti kana dubbataa jira jedhan.

Doorsisa jiru akkuma jirutti tahee Iraan Waliigaltee Gabbisa Nuukileeraa dhimma nagaaf ooluu hin dhiistu jedhan.

Iraan sagantaa gabbisa nuukileeraa ishee qixa barbaadameen qofa adeemsisuuf Israa'el akka buufata ishee hin rukunneef wabii argachuun qaba jette.

Waliigaltee nuukileeraa irra akka hin gahamneef Ameerikaa kan himatan pirezidaantichi ji'a Waxabajjii keessa marii gaggeeffame Ameerikaan cimsiteema hin ilaalle jedhan.

Qoqqobbiin Iraan irratti darba jedhame:

  • Dhorkaa gurgurtaa meeshaa waraanaa
  • Dhorkaa gabbisa yuuraaniyeemii
  • dhorkaa oomisha misaa'eloota baalistikii nuukileera baachuu danda'anii
  • qabeenya qondaalota olaanoo Iraan ugguruu fi dhorkaa imalaa
  • Biyyoonni Daandii Qilleensa Iraanii fi Doonii Fe'umsaa isaanii akka sakatta'an eeyyamu.

Yoo furmaanni tokko argame malee qoqobbiin UN kun jalqaba hojiirr aoola. Itti aansee ammoo Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii biraa irratti dabarsa.

Ministeeronni Dhimma Alaa Iraan wixinee mana maree nageenyaa UN kana dhaabsisuuf yaalaniiru. Kunis Iraan qaama UN gabbisa nuukileeraa hordofu waliin tahuun akka qorannoon gaggeeffamu deeggaruu fi gabbisa nuukileeraa iseef itti gaafatama akka fudhattu gochuuf yaalan.

Garuu hin milkoofne. Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arragachii '' Ameerikaan waliigaltee dippilomaasii jalqabne nu gante'' jedhan.

''Garuu guutummaatti kan awwaale ammoo UK, Faransaayii fi Jarman'' jedhan.

Biyyoonni Lixaa gabbisni nuukileeraa Iraan dhimma nagaaf qofa miti jechuun akka amantaa irraa hin qabne ibsu.

Iraan garuu aannisaa fi dhimma nagaaf malee meeshaa waraanaanuukilera oomishuf itti hin fayyadamu jette.

Kun kana tahee osoo jiruu Raashiyaan gidduugala gabbisa nuukileeraa afr ijaaruuf Iraan waliigaltee doolaara biliyoona 25 mallatteessite. Kunis Kibba Iraanitti ijaarama jedhame.