Sa'udiitti konkolaataan namoota Umraaf deeman fe'ee ture kufuun 20 ol du'an

Konkolaataan gubate TV Al Ekhbariya irratti mul'ate

Madda suuraa, AL EKHBARIYA

Sa'ud Arabiyaatti konkolaataan namoota Umraaf deeman fe'ee ture garagaluun yoo xiqqaate namoonni 20 ta'an du'an, 29 irra ammoo miidhaan ga'eera.

Konkolaataan kun Muslimoota Umraaf gara magaalaa Makkaa geessaa ture.

Kibba-lixa bulchiinsa Asir wayita ga'u riqicha rukutuun erga garagalee booda abidda uumeen gubate.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame konkolaataan kun osoo gubatuu agarsiisa.

Aanga'oonni ammallee sababa balaa kanaa qorachaa jiru, garuu gaazexaan Okaz jedhamu rakkoon kan luugamni ykn fireeniin to'annoon ala ta'uu gabaase.

Miidiyaan Sa'ud Al Arabiyaa akka gabaasetti kanneen miidhaman lammiilee biyyoota garaagaraati, garuu lammiileen Sa'udiis keessa jiru.

Namoonni kunneen sirna hajjii isa guddicha dursuun Umraa raawwachuuf imalaa turan.

Sirni Umraa sirnoota hajjii tokko tokko of keessatti qabatus, garuu gabaabaa fi xiqqaadha.

Namoonni sirna kana raawwatanis garee gareedhaan muraasa ta'aniiti.

Jalqabbii ji'a Ramadaanaa wayita balaan kun mudatetti namoonni sirna Umraa raawwachuuf imalan ni heddummaatu.

Sirni Umraa kan namoonni irratti lubbuu dhaban kun osoo hajjii guddichi namoota miiliyoona lama hirmaachisu hin eegalin ji'a sadi durseeti.

Bara 2019 keessas balaa walfakkaataan mudatee ture.

Yeroo sana konkolaataan namoota Umraaf deeman fe'ee Madiinaa irraa gara Makkaa imalaa ture konkolaataa biraan walitti bu'uun namoonni 35 du'an.