Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leellistoota Kiristaanummaa Tiraamp Waaqatu erge jedhanii amanan
Tajaajila Dilbataatiin daqiiqawwaniin dura Waldaa Cuuphaa 'Grace Reformed Baptist Church Elgin', kan magaalaa namoota gara 2,000 qabduu fi kibba kutaa Oklaahomaa keessatti argamtutiin dura, Paastar Daastii Deevers, kan umuriin waggaa 36, uffata lubaa uffatee fula ifaatiin as bahee mul’ate.
Garee miseensota waldaa gara 100 ta'an, kan maatiin irra caalaasaanii adii ta'aniifi ijoollee hedduu qaban nagaa gaafatan.
Kutaa seensa waldaa keessatti barruulee xixiqqoo muraasi kan fakkii daa’ima du'an fakkaatu qabaniitu jiru.
“Amma yeroo keeyyata kana dubbiftaniitti, US'tti daa’imman sadii gadameessa haadha isaanii keessatti haqa malee qalamaa jiru,” jedha barreeffamni irratti barreeffame jiru. Ulfa baasuun “holocaust” bara keenyaa jechuun ibse.
Ulfa baasuu, dinagdee fi immigireeshiniitti dabalamee, filannoo pirezidaantii Sadaasa 5 dhufu irratti dhimmoota gurguddoo keessaa ijoodha.
Barruuleen xixiqqoo kunneenis, qophii filattoonni pirezidaantii haaraa filachuuf taasisan keessatti filattootni Pirootestaantii Ameerikaa kanneen leellistoota siyaasaa ta’an biratti siyaasnii fi amantiin akkamitti akka walitti hidhaman mallattoo ifaadha.
Guyyaa gannaa tokko keessaa, roobni cimaan yeroo roobu, tajaajilli akka biyyaatti sa’aatii 10:45 irraa eegale. Paastariin waldichaas gitaara taphachuu miseensota waldaa wajjin faaruu faarfataa ture.
Seenaatarri Deevers, kan Elgiin keessatti dhalatee tokko ijoollee jaha qaba. Barnoota amantiifi daldala qabeenyaatiin digrii lammaffaa qaba. Guyyaa Dilbataa wangeela lallaba; garuu Wiixata ammoo yaada seeraa dhiyeessuun Oklaahomaa Kaapitool keessatti argamuu danda'a.
Oklaahomaa keessatti namoonni siyaasaa waldoota naannoosaanii keessatti aangoo ykn walitti dhufeenya cimaa qabachuun kan baramedha.
Walitti dhufeenya hoggansa dachaa siyaasaa fi amantaa kunis Isteetiiwwan Ameerikaa Hidhata Kitaaba Qulqulluu (Bilbile Belte) jechaman kan Elgiin keessa jiruutti waan barameedha.
Naannoon kunis yoo xinnaate isteetiiwwan Riipblikaanootaa sagal kan hordoftoonni amantaa Pirotestaantii keessatti baayyatanii fi bakka pirezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp (Joriyaan alatti) filannoo pirezidantummaa itti injifateedha.
Kibba Yunaayitid Isteetisitti kan argamu, 'Bible Belt', wiirtuu madda geggeessitoota Pirootestaantii konsarvaatiivii dhiibbaa siyaasaa qabanii ta’ee ture.
Jidduugala hidhata kanaa Oklaahomaatti, isteetii amantii gadi fageenya qabuufi miseensonni Kaapitoolii naannichaa %80 ol Rippabilikaanotadha.
Siyaasa Oklaahomaa keessatti Waaqayyoo fi biyyi dhiibbaa guddaa kan qabu yoo ta’u, sababiin isaas Kiristaanonni konsarvaatiivii haalli jireenya aadaasaanii balaa warra libiraal jala akka jiru itti dhaga’ama.
Hidhata amantaa fi siyaasaa
''Waa'ee tajaajilichaa maal yaadda?'' jechuun gabaasaa BBC's gaaffii dhiyeessan Paastar Deeners, waa'ee amantaa isaa hubachuuf yaaliin fakkata.
Marii dheeraan boodas, jecha gabaabaadhaan, ajandaan siyaasaa isaa ulfa baasiisuun akka dhaabbatu, pironograafiin akka baduu fi galiifi taaksiiwwan qabeenyaa sassaabuun akka dhaabbatu gaafachu ta'u duubatan.
Haata'u malee karoora dheeraadhaan, galmiiwwan Deenevers baayyee guddaadha: Yunaayitid Isteet gara biyya Kirsitiyaanaatti jijjiruudha.
Ergama sana hojiirra oolchuuf ammoo tarsiimoo inni ijoon hanga sadarkaa olaanaatti gulantaalee siyaasaa qabachuudha.
''Waayit Hawuus gara Teessoo Waaqaatti jijjiruu feetaa?'' jechuun gaafataman. ''Kan lafa kanarra jiru hundinu teessoo Waaqayyooti'' jechuun deebiisan.
Itti dabaluunis ''caasaa aangoo jijjiruu qabna'' jedhan seenaatarri Ripablikaanootaa kun. Deevers akka paastaroota 'Bible Belt' kaanitti illeen Tiraampiin guutummaan akka bakka bu'e itti hin dhagahmu.
''Tiraamp Paartii Ripablikaan gara maddiitti harkiisaa jira'' jechuun falmu.
Deevers waliin kan hojjatu Aaroon Hoofmaan, abbaan ijoollee durbaa shanii kan umuriin ganna 37, yeroo ammaa kana paastarii waldaa Baaptisitii haaraa Oklaahomaa ta'uuf qophaa'aa jiru. Sarara waldaa fi isteetii gidduu jiru dukkanneessuun hiika akka hin qabne amana.
“Amantaa Kiristaanummaa siyaasa irraa addaan baasuun hin danda'amu” jechuun osoo imiimmaan ija isa guutuu, “Ameerikaanonni Kiristoosiin dagataniiru” jechuun dubbatan.
Hoggansa amantii
Lolli aadaa kun jireenya guyyaa guyyaa namoota idileerratti dhiibbaa qabaa? Deebiinsaa eeyyeedha.
Bara kana keessa qofa murtoon siyaasaa gama amantii qabu, yoo xiqqaate isteetiiwwan Bible Belt sadii keessatti dabarfameera.
Luwiiziyaanaa keessatti, manneen barnootaa keessatti dareewwan barnootaa hundi Abboommiiwwan Kurnan keenyaasaanii irratti akka maxxansan kan ajajaman yoo ta'u, Alaabaamaa keessatti ammoo Manni Murtii Olaanaa micireewwan firiijii keessatti qabbanaa'an "daa'imman" ta'uu murteessee. Kunis kilinikoonni walhormaata vitro muraasniyeroodhaaf akka cufaman taasise.
Akkasumas Oklaahomaa keessatti, qondaalli barnootaa olaanaa, Riyaan Waaltarsi, ji’a Waxabajjii keessa qajeelfama manneen barnootaa mootummaa isteetii keessaa hundi Macaafa Qulqulluu barsiisuu dirqama taasisuu baaseeniitti, guutummaa biyyattii keessatti mata duree oduu ta’un falmii bal’aa kaase.
Oklahomaan isteetiiwwan biyyattii keessatti hanqina barsiisotaa cimaa qaban keessaa tokko kan taatee, oduun kunis barsiisota qajeelfamni kun faallaa bilisummaa amantiiti jedhan heduu biratti fudhatama guddaa hin simatamne.
Suuzi Isteefansan, kan umuriin ganna 44, Pirootestaantii fi barsiistuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa duraanii, “Waldaa isteetiin adda baasuu qabna” jetteetti.
Waaltars, Kiristiyaana Rippabilikaan kan Caamsaa 2023 gamtaa barsiisota Oklaahomaa “dhaabbata shororkeessummaa” jedhee waamu qeeqti.
Waaltarsi BBC waliin gaaffii fi deebii dhiyaateef ni didan. Maatiiwwan hedduunis murtoo kanaan mufatanii ture. Isaan keessaa tokko hundeessituun Qindomiina Manneen Barnoota Baadiyyaa Oklaahomaa kan taate Erikaa Raayit ni argamti.
"Macaafa Qulqulluu akka baramu gochuurra hiyyummaa manneen barnootaa keessa jiruuf yaaddoo qabaachuu qabu."
Raayit, Kiristaanaa fi Rippabilikaan Oklaahomaan, manneen barnootaa isteetiicha keessa jiran maallaqa gahaa sababii hin qabneef ijoolleen naannoo baadiyyaa muraasni mana keessatti soorata madaalawaaa hin nyaatan jetti.
Yeroo Noble, magaalaa kibba Oklaahomaa keessa deemamu, namoota muraasa konkolaataa dhaabbate keessa jiraatan argina.
“Maallaqni macaafa qulqulluu bitachuuf illee hin jiru” jetti. Oklaahomatti ummanni 15% ta'u, garuu kutaalee bulchiinsichaa tokko tokko keessatti baay’ee ol’aanaadha.
Saamu’eel Peeriin, Yunivarsiitii Oklaahomaatti piroofeesara kan ta’aniifi lola aadaa tibbanaa jidduutti, kitaabota waa’ee siyaasaa fi amantii hedduu kan maxxansan, qajeelfamni kun qaama ajandaa bal’aa ta’uu amanu.
Ajandaan kun hoggantoota gara harbeessitoota ta’aniiniifi qajeeltoowwan sabboonummaa Kiristaanummaa hordofaniin kan durfamu ta'uu amana. Kunis ilaalcha jireenya siiviilii Ameerikaa fi aadaa sabaa Angiloo-Pirootestaantii konsarvaatiivii gidduutti walitti makamuu kan guddisu ta’uudha.
"Sabboonummaan Kiristaanummaa babal'achuun dimokiraasii Ameerikaa irratti balaa fida" jedha.
‘Tiraamp Waaqayyotu ergame’
Paastaroonni Bible Belt keessa jiran waldoota xixiqqoo hawaasa hiyyeeyyii ta’an keessatti hundeessuudhaan, amantoota biratti dhiibbaa guddaa kan qaban yoo ta’u, baay’eensaanii gara damee Paartii Rippabilikaan isa caalaatti konsarvaatiivii ta’etti qajeelchu.
Akkasumas waggoota dhiyoo asitti gareen kun guddina agarsiisuudhaaf Tiraamp konkolaataa gaarii ta'eefiira. Paastariin Oklaahomaa Jaaksan Laahmeyer nama amanamaa Tiraampiiti.
Hundeessaa garee Pastors4Trump (Pastors for Trump) kan ta’an Laahmeyer, “Tiraamp biyya kana akka bulchuuf Waaqayyoon ergame jedha.
Kaayyoon isaas filannoo ittaanu irratti Tiraamp deeggaruuf “sagalee wangeelaa sochoosuudha.”
Laahmeyer pirezidaantiin duraanii kun walakkeessa baatii Adooleessa keessa hiriira siyaasaa irratti yaalii ajjeechaa irraa hafuunsaanii “dinqii waaqaati” jedheera.
“Biyya keenya keessatti waraana sivilii irraa tarkaanfii tokko fagaannee turre,” jedha kaadhimamaa seeneetii duraanii kun Tulsaa, Oklaahomaa irraa.
Paastariin Pirootestaantii fi rogeessi siyaasaa kun akka sabboonummaa Kiristaanaatti adda baafamuu hin fedhan.
“Kun maqaa pireesiin akka balaa dimokiraasiitti nu agarsiisuuf nutti maxxansee'adha,” jedha. “Dhugaa miti,” jedhan
Akkasumas Paastar Pool Bileer, hogganaan Waldaa Cuuphaa Feerviyuu, kan magaalaa naannoo Oklaahomaa magaalaa Edmonditti argamu, akkasitti of ibsu.
“Ani Kiristaanaa? Eeyyee. Ani sabboonaadhaa? Eeyyee” jedhee. “Garuu akka isaan maqaa natti moggaasuu barbaadanitti ani sabboonummaa Kiristaana jechuu miti.
“Sabboonummaa Kiristaana ta’uun arrabsoo ta’eera” jedhan.
Paastarii fi kaadhimamaa seeneetii duraanii Oklaahomaa kunis suuraawwan yeroo dhuma bara 1980moota keessa taphataa kubbaa miilaa piroofeeshinaalaa sarara injifataa Chikaagoo Bears turetti quba qabuun akkas jedhan.
Har'a Bileer ittigaafatamoo Kaampiiwwan Leenjii Paastar Libartii, bakka dureewwan pirotesitaantii ajndaa amantaa saanii siyaasa keessatti itti beeksiifatan itti barataniidha.
Leenjii Kaampii keessatti, paastaroonni mata dureewwan akka dhiibbaa kiristaanni mootummaa keessatti qabaatu ykn ittisa bilisummaa lammiilee qoratu jedha Bileer.
“Leenjiichis paastaroonni gama jireenyaasaanii hunduma keessatti macaafa qulqulluutti akka yaadaniif kan qophaa’edha,” jedha. Innis qaama garee hoggantoota naannoo Pirootestaantii guutuu US keessaa kanneen “paastaroota gootoota” (“patriot pastors”) jedhan keessaa tokkodha.
Akkuma warra baay’ee kaaniitti, Bileer US gara dudhaashee yeroo itti hundeeffamtee, kan yeroo Labsiin Walabummaa bara 1776 itti mallattaa’etti deebi’uu qabdi jedhee yaada.
“Seenaadhaan Kiristaanonni yeroo hunda mootummaa irratti dhiibbaa qabaatu” jedha.
Bileer filannoo bara 2020 irratti Tiraamp injifataa seera qabeessa ta’uu fi namoonni Amajji 2021 haleellaa Kaapitool irratti raawwatame keessatti hirmaachuu hidhaman “hidhamtoota siyaasaati” jedhe amana.
Amma ammoo Sadasa 5, Tiraamp kan filannoo darberratti Oklaahomaatti sagalee %65 (kan biyyattii keessatti sagalee olaanaa caalmaa qabu keessaa tokko) injifate, yeroo lammataaf pirezidaantii Ameerikaa akka ta’u abdii qaba.
Kun abdii hoggantoonni siyaasaa Pirootestaantii konsarvaatiivii 'Bible Belt' keessa jiraniifi “ergamni waaqummaa” isaanii aangoo siyaasaatti fayyadamuun amantii isaanii babal’isuu ta’e qooddatan hundaati.
Haala kamiinuu Tiraamp fi kaadhimamaa ittaanaa pirezidaantii isaanii JD Vaans namoota waldhabdee siyaasaa sana of keessaa qaban ta’aniiru.
Tiraamp fi ulfa baasuu
Deeggartoonni Tiraamp, wantoota raaawwate keessaa, yeroo aangoo isaaniitti abbootii murtii Mana Murtii Olaanaa sadii seena qabeessa ta’e muudamuudhaan, waggoota hedduudhaaf qaama haqaa olaanaa biyyattii keessatti sagalee caalmaa konsarvaatiivii mirkaneessuu isaaniif isa galateeffatu.
Galanni harka caalmaa konsarvaatiivii, Manni Murtii Olaanaa bara 2022tti murtii mirga ulfa baasuu biyyattii keessatti walakkaa jaarraa tokkoof jechuun haala danda’amuf wabii ta’e kuffisee, murtiin kanas harka isteetiiwwan hundatti kan dhiiseef haata'u.
Isteetiiwwan Bible Belt kan akka Oklaahomaa fi Arkaansaas ulfa baasuurratti seera baay’ee daangessu qabu: yoo lubbuun haadha balaarra kan bu'u ta'e qofa raawwatama.
Haata'u malee, qeeqxonni dhukkubsattuun ulaagaa sana guutuushee mirkanneessuun doktarootaaf rakkiisaa ta'aa jedhu.
Filannoo ammaa keessatti dhimmoota gurguddoo keessaa tokko ulfa baasuudha. Sababiin isaas,Kutaan Paartii Rippabilikaan kan konsarvaatiivii ta'eefi kan 'Bible Belt' keessatti humna guddaa qabu, dhorkaan ulfa baasuu guutummaatti akka jiraatu barbaadu. Kanaafis Tiraamp gara aangootti yoo deebii'e kun ta'a jedhanii yaadu.
Pirezidaantii duraanii waliin garaa garummaa qabaatanilleen, kan namoonni hedduun akka nama bilisa Niiw Yoorki ta'eetti ilaaluun, dudhaa amantii gadi fagoo qabaachuu baatulleen, abbaan qabeenyaa kun bara mootummaa isaatti hoggantoota Pirootestaantii beekamoo konsarvaatiivii ta’aniif balbala Waayit Haawus kan bane yoo ta’u,qophiiwwan gurguddoo paastaroota wangeelaa waliin irratti hirmaachuu itti fufeera.
Warra Wangeelaa Waayit Haawus keessa jiran?
Tiraamp bara bulchiinsa isaaniitti ajaja hojii raawwachiiftuu waajjira mootummaa haaraa 'Faith and Opportunity Initiative' jedhamu uumuuf mallatteessanii ture.
Yeroo sanada kana mallatteessanis, "Amantiin mootummaa caalaa humna qaba, wanti Waaqayyoo caalaa humna qabu hin jiru" jechuun dubbatan.
Boodarra, Tiraamp bara 2020tti wayita filannoon mo’aman, “paastaroonni gootaa” ykn “Paastaroonni "Ameerikaa Ammas Guddaa Gochuu” jedhaman ba’uun pirezidaantummaan akka jalaa hatame labsan. Hedduunsaanii sochii haaraa ijaarame kan 'Far right ReAwaken America Tour', kan daldalaa Oklaahomaatiin hundeeffameetti makaman.
Har’as sochiin kun qophiiwwan warra wangeelaa, leelliftoonni qawwee, sochiin farra godaantotaa, farra LGBTQ+ fi farra komunistootaa fi nama dubbii Tiraampiin bakka bu’ee itti dhaga’amu kamiyyuu irratti hirmaatan qopheessuu itti fufe.
Baay'een isaaniis loltoota Waaqayyoo warra faallaasaanii (left) irratti lola hafuuraa lolan ta'uu dubbatu. Yaadota kana keessaa muraasni Pirojektiitoota 25, yaada falmisiisaa gorsitoonni duraanii Tiraamp mootummaa federaalaa fi wantoota ijoo jireenya Ameerikaa haaromsuuf dhiyeessan keessatti hammatamaniiru.
Tiraamp pirojekticha irraa of fageessan illeen, yoo Rippabilikaanonni gara Waayit Haawusitti deebi’an ta'e gareewwan konsarvaatiivii fi amantii dhiibbaa guddaa qaban kaka'umsa kana duuba jiran ajandaa sana irratti fe’uuf ni yaalu jedhanii amanu.