Biyoonseen walaloo muuziqaa haaraa ibiddarra ishee kaa’e jijjiirte

Weellistuun beekamtuu Ameerikaa Biyoonseen wallee haaraa baaste keessa walaloon waldhabsiisaan erga argamee booda ijoo dubbii taateetti.

Sababa kanaaf komiin guddoo irratti ka’e.

Wiixata har’aa ammoo walaloo dubbii kaase haqxee lammata waraabuuf akka ta’e dhagahameera.

Keessumaa kanneen qeeqa irratti dhiheessan kanneen qaama -miidhamtootaaf falmanidha.

Wallee Jimaata gadhiifame keessa jechi jiru namoota socho’uu rakkataniifi madaala isaanii eeganii adeemuu dadhaban [cerebral palsy] gad-buusanii ilaaluuf namootni itti fayyadamu.

Piromootarri artistii kanaa BBC’tti akka himanitti, jechichi Ameerikaatti hiika biraa qaba jedhan.

Beekaa waan wallee keessa akka seenu taasifame miti jechuun ibsan.

"Walaloon kuni kaaniin bakka buufama," jechuun himan.

Biyoonseen dhiifama gaafattee toora walaloo hiika badaa qabu keessaa haqxee deebistee gadhiifte.

"Waan tokko ifa gochuun barbaada. Afaan kaan gad-qabu beekisuuf tasa yaadee miti," jechuun ibsa miidiyaa hawaasummaarratti qoodameen ibsite.

"Akka dubartii gurraattii furdoo Ameerikaatti, jechoota nama miidhan anarratti dubbatame waaniin beekuuf humna jechoonni qaban nan hubadha," jechuun beekaa akka itti dhimma hin baane himte.

Yeroo deeggartoonni ishee gaafa Jimaataa walaloo kana dhagahan, miirri isaa akka waan "fuula keessa kabalamaniiti" jechuun kanneen qaama miidhamtootaaf falmitu Hannaah Devineey BBC’tti himte.

Dhaabbati qaama miidhamtootaarratti dalagu, Scope, Biyoonseen wallee ishee akka lammata waraabdu gaafate.

"Ilaalcha badaa qaama midhamtoonni guyyuu isaan qunnamu waan jabeessuuf jechoonni murteessoodha," jedhan maanaajarri miidiyaa dhaabbatichaa Waaran Kiriwaan.

Deeggartoonni ishee kaanimmoo jechichi Ameerikaa keessa hiika biraa qaba jechun isheef falman.

Jechi isheen fayyadamte Ameerikaatti hiikaa "gammachuun of wallaaluu’’ jedhu qaba.

Taatullee, kanneen rakkoo fayyaa sammuu qaban kan ilaalcha keessa galche miti.

Atakaaroo kanaan ala garuu albamni torbaffaa Biyoonsee Renaissance jedhamuun moggaafame gurgurtaan gabaa addunyaa mataa gubbaa jira.