DR Kongootti lolaafi sigiga lafaan lubbuun namootaa 400tti siqu darbe

The villages of Bushushu and Nyamukubi were engulfed by flood water

Madda suuraa, AFP

Baha Demokraatik Rippabliik Kongootti torban dabre keessa lolaafi sigiga lafaa qaqqabeen, lakkoofsi namoota du'anii 400tti siqe.

Qondaalonni biyyattii rooba cimaa Kamisa roobeen namoonni 200 lubbuu dhabuu himanii turan.

Mandaroota qarqara Haroo Kiivuu argamanitti, namoonni miseensa maatii isaanii barbaacha harkaanillee otoo hin hafin biyyee keessa barbaacha itti fufaniiru.

Tola ooltonni Fannoo Diimaa Kongoof hojjetan, ammatti korojoon reeffa keessa tursan jalaa dhumeera.

Mandaroota Bushushufi Nyamukubi kan bulchiinsa Kiivuu Kibbaatti argamanitti, reeffa namoota hedduu uffata qorraan maruun bakka tokkotti kuusaa jiru.

Communities have been trying to find bodies among the mud and debris

Madda suuraa, AFP

Erga balaan lolaa hamaan kun mudatee guyyaa afreessoo kan gahe ennaa tahu, lakkoofsi namoota du'anis dabalaa jira - ammatti 394 qaqqabuutu himame.

Harmeen Nyamubuki jiraataniifi gadda guddaa keessa jiran, abbaan warraasaanii lubbuun oolee hospitaala jirus, ijoolleen isaanii hunduu lubbuu dhabuu himan.

"Guyyoota dhumaa addunyaa fakkaata," jechuun dubbatte dubartiin ganna 27 Gentille Ndagijimana, abbaafi haadhashee akkaumas obbolaashee lama balaa kanaan dhabde.

Naannichatti manneen mukaa fi qorqorroon ijaaraman lolaa cimaa kanaan fudhatamaniiru.

Mandara Bushushuutti, manneen bishaaniin hin fudhatamin hafan kaan ammoo, walakkaan dhoqqee jalatti awwaalamaniiru.

Roobni cimaa torban dabre keessa Haroo Kiivuu gama achaanuun mudates, biyyattii ollaa Ruwaandaatti du'a namoota 130f sababa taheera.

Hoogganaan UN Antooniyoo Gutereez, lolaan kun jijjiiramni qilleensaa akkaan hammaachaa dhufuu isaatiif mul'istuudha jedhan.