Raashiyaan boba’a gara Awurooppaatti erguu addaan kutte deebistee bante

Madda suuraa, Alamy
Raashiyaan wagga waggaan ujummoo boba’aa gaggeessitu suphuuf jecha guyyoota 10’f ujummoo boba’aa gara Awurooppaatti dabarsu 'Noordik Stream1' jedhamu cuftee turte deebistee bante.
Waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirturraa kan ka’e qoqqobbii Raashiyaarra kaa’ame haloo ba’uuf Raashiyaan ujummoo boba’aa cufte jechuun Gamtaan Awurooppaa himataa ture.
Torban kana keessa Raashiyaan tarii dhiyeessi boba’aa kan addan kuttu yoo ta’eef hanqinni boba’aa akka hin mudanneef biyyoonni itti fayyadama boba’aa isaanii %15’n akka hir’isan Komishiiniin Gamtaa Awurooppaa akeekkachiisee ture.
Raashiyaan gaazii boba’aa %40 ta’u biyyoota Awurooppaaf dhiyeessiti.
Biyyi Jarman bara 2020tti ardicha keessaa biyya gaazii bituun sadarkaa jalqabaarratti argamtu yoo ta’u, waraanaa Yukireenitti ka’e hordofee gaazii Raashiyaa galchitu %55 irra gara 35tti hir’isuun dhaga’ameera.
Biyyi Jarman guutummatti boba’aa Raashiyaarra bituu addan kutuu barbaaddi.
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ammoo sodaa biyyoonni Awurooppaa dhiyeessii boba'arratti qaban hanga tokko hir’isuuf yaalaniiru.
Dhaabbanni mootummaa Raashiyaa guddichi boba’a dhiyeessuun beekamu Gaazpiroom waliigaltee mallatteeffamanii turan akka kabajuu gaazixeessitootatti himeera.
Ujummoon boba’aa kun har’a tajaajila kennuu kan eegale yoo ta’u, dubbi himaan dhaabbata dhiyeessi boba’aa kanaa %40 akka dhiyeessu beeksiseera.
Hammi dhiyeessi boba’a kun hir’atus ammatti dhiyaata jira.
Dhiyeessii boba’aa Raashiyaarratti kan hirkatte Jarman, Aab Puutin biyyoota Awurooppaa birootifillee boba’a hanga isaan barbaadan ni dhiyeessuuf abdii jedhu hin qabdu.
Ho’a cimaan miidhamaa kan jirtu Awurooppaan, yeroo qorraa hamaa dhufaa jirutti kuusaa gaazii boba’aa gahaa akka hin qabne ibsameera.
Biyyoonni Awurooppaa lammileen isaanii itti fayyadama boba’asaanii akka hir’isan itti himameera.
Kana malees biyyoota biroorra gaazii boba’aa argachuu yaalalutti kan jiran yoo ta'u, cilee dhagaarraas annisaa maddisiisuuf yaalamaa jira.












