Booying paayiletoonni xiyyaara 787 oofan teessoo irra taa'an akka ilaallatan itti hime

Madda suuraa, Getty Images
Booying paayiletoonni xiyyaarota 787 Dreamliners balaliisan teessoo irra taa'an ilaalanii akka mirkaneeffataniif daandiiwwan qilleensaa gosa xiyyaara kanaa qabanitti hime.
Kun kan himame wayita xiyyaara Daandii Qilleensaa Laataam tibbana mudatee ture ilaalchisuun qorannoon gaggeeffamaa jiruttiidha.
Torban kana xiyyaarri Booying 787 kan Daandii Qilleensaa Laataam ta'e tokko osoo hin eegamiin tasa bu'uu isaatiin namoota xiyyaaricha keessa turan 50 irraan miidhaa geessisee ture.
The Wall Street Journal akka gabaasetti, keessumeessituun balalii tokko osoo hin beekiin iswiichii teessoo paayiletiin irra taa'utti buutee jennaan paayiletichi gara bakka to'annootti darbatame. Kun ammoo funyaan xiyyaarichaa akka gadi qajeeluuf dirqisiise.
Laataam ammoo qorannoo gaggeeffamaa jiru kanaaf deeggarsa gochaa jira.
Yeroo wanti kun mudatee turetti namoonni xiyyaaricha keessa turan baaxii xiyyaara Awustiraaliyaarraa garaa Niwu Ziilaanditti imalaa ture kanatti rukkutaman.
Imaltoota keessaa tokko kan ta'e Biriyaan Jookaat yeroo sana namoota hedduun mataasaaniirra miidhaan qaqqabuu dubbata.
Jookaat BBCtti akka dubbatetti, namoonni humna guddaan baaxiitti yeroo bu'an, "wantonni baaxii xiyyaarichaarra jiran gariinillee caccabaniiru" jechuun waan arge dubbata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka imalaan kun jedhutti, namni isatti aanee taa'u waanuma "baaxiitti maragame" fakkaata.
"Daqiiqaa muraasaaf yaadeen: Hangasumaagaa," ofiin jedhe keessa kootti.
Tajaajiltoonni balaa hatatamaa booda akka dubbatanitti, warra miidhaman keessaa namni tokko haala hamaa keessa jira.
Booying ammoo akkas jedhe: "Qorannoon balalii LA800 irratti gaggeeffamu itti fufee kan jiru yoo ta'u, nutis waan arganii adda baafatan kamiyyuu yoo jiraate aanga'oota qorachaa jiranitti dabarsineerra."
"Qajeelfamoota iswiichiiwwan toora teessoowwan balaliirra jiran sakatta'uufi suphuu dabalatee barruu bara 2017oppereetaroota 787 yaadachiisuurratti tarkaanfii fudhanneerra.
Oppereetaroonni "carraa suphuu itti aanee jiru" keessatti iswiichiiwwan akka sakata'aniif ni gorfama.
Qabeenya warra Chiilii-Biraazil kan ta'e Daandiin Qilleensaa Laataam, "qorannoo gaggeeffamaa jiru deeggaruudhaaf aanga'oota waliin wal tumsinee hojjechuu itti fufna," jedhe.
Xiyyaarichi Akkulaan irraa gara magaalaa guddoo Chiilii, Saantiyaagootti balali'uuf ture akka karoorri baheefitti.
Xiyyaarri kun balalliin isaa haqamee balaliin biroo haaraan Kibxatatti karoorfameera.
Wanti amma mudate kun baruma kana Amajji keessa xiyyaarri Booying tokko balalliirra osoo jiruu karri isaa irraa cabee kufeen booda ta'uu isaati. Yeroo sanatti akka himametti, karri xiyyaarichaa osoo balaliirra jiruu kan ittii buqqa'eef bilooniin isaa waan laafeef.
Torban kana keessa ammoo, hojjetaan duraanii Booying kan omisha kampaanichaa ilaalchisuun yaaddoo qulqullinaa qabu himuun beekamu US keessatti du'ee argameera.












