Namtichi icciitii Booying saaxile US keessatti du'ee argame

Joon Baarnet, hojjetaa duraanii Booying

Madda suuraa, JOHN BARNETT

Namni hojjetaa Booying tureefi sadarkaa qulqullina omisha kampaanichaa ilaalchisuun icciitii saaxilaa ture US keessatti du'ee argame.

Namni maqaan isaa Joon Baarnet jedhamu kun du'uu isaa guyyaa tokko dursee himannaa kampaanicharratti baname ilaalchisee ragaa seeraa icciitiin sassabamaa jiruuf odeeffannoo kennee ture.

Booying ammoo ibsa baaseen du'a hojjetaasaa duraanii kana baayyee gadduu himeera.

Namni kun hanga bara 2017 sooramaan gadhiisutti waggaa 32 Booying keessa hojjeteera.Obbo Baarnet soorama kan ba'es sababa fayyaa dhabuutiin akka ta'e himameera.

Aanga'aan Kaawontii Chaarlestan du'aan boqochuu Mr. Baarnet kana Wixata BBCf mirkaneesseera.

Namni umuriinsaa waggaa 62 ta'e kun Bitootessa 9 "miidhaa ofiin ofirra geessiseen" du'e jedhame; poolisiin ammoo du'a isaa ilaachisuun qorannoo gaggeessaa jira.

Bara 2010 irraa kaasee warshaa Kampaanichaa Chaarlestan Kaabaa jiru 787 Dreamliner omishu keessatti manaajera qulqulllina omishaa ta'ee hojjechaa tureera.

Joon Baarnet hojjetoonni dhiibbaa jala jiran ta'e jedhanii qaama xiyyaarichaatti meeshaa sadarkaasaa hin eeggatiin galchaa turan jechuun bara 2019 BBCtti himee ture.

Keessumaa meeshaaleen Oksijiin rakkoo akka qaban eeruun haguuggiin Oksijiiniin yeroo balaan mudatu gargaaran afur keessaa tokko akka hin hojjenne odeeffannoo baasee ture.

Joon Baarnet erga gara buufata Booying Kibba Kaarolaayinaatti jijjiiramee boodas xiyyaaronni gabaaf akka qaqqaban gochuuf jecha saffisaan ykn 'ga'i ga'iin' hojjetamu ture; kun ammoo nageenya isaa yaaddessaa taasisa jechuun yaaddoo qabu kaasee ture.

Booying ammoo komii inni dhiyeesse kana dhara jechuun ibsee ture.

Xiyyaara Booying

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nammni kun itti dabaluun BBCtti akka himetti taanaan, Kampaanichi qajeelfama barbaachisu hordofaa waan hin turreef meeshaaleen tokko tokkoyyu osoo hin galiin dagatamu.

Meeshaaleen qulqullina hin qabne tokko tokkos balfa keessa funaanamanii akka galuuf gochuun xiyyaarri akka dafee xumuramu taasifama jechuun dubbatee ture.

Baarnet dhimma kana ilaalchisuun yaaddoo qabu hoggantoota isaati beeksisullee deebii akka hin argatiin dubbbate.

Yaaddoo Baarnet dhiyeesse Booying waakkatullee Abbaan Taayitaa Aveeshinii Ameerika (FAA) bara 2017 qorannoo taasiseen komii inni dhiyeessa sirrii ture jedheera.

Keessumaa meeshaaleen tokko tokko hanqina qulqullinaa kan qaban ta'uufi haguugguun Oksijinii rakkoo qabaachuu hubachuu isaa Abbaan Taayichaayyu bira akka gahe himuun, hatattamaan akka sirreessuuf ajaja kennee ture.

Joon Baarnet erga soorama baheen booda Kampanicha waliin atakaaroo keessa seenee ture.

Yaaddoo nageenyaa jiru saaxiluukoorraa kan ka'een hojiifi jiruun kiyya akka hin malle ta'eera, akkasumas kan hin ta'iin na taasiseera jechuun Kampaanicha himatus Booying garuu himannaa kana waakkateera.

Baarnet wayita du'a kanatti gara Kaawontii Chaarlistan kan dhufeef dhimma kanaan walqabatee adeemsa seeraa jiruuf gaaffiifi deebii taasisuuf ture.

Beellama Sambatarra qabu irratti osoo hin argamiin hafuu isaatiin eessa buuteen isaa yeroo qoratamu konkolaataasaa bakka konkolaataa dhaaban keessa jiru keessatti du'ee argameera.

Booying fi dhaabbanni meeshaaleen xiyyaaraa barbaachisoo ta'an omishi Ispiriit Eeroo-sisteem sababa qulqullina omishaatiin komiin baayyeen irratti dhiyaataa jira.