Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artist Andu'aalam Gosaa du'a Qananiin shakkamee mana murtiitti dhihaate
Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtiitti dhihaate.
Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiheesse.
Jalqaba torban kana Kibxata barii erga kaadhimaan Andu'aalam, Qananiin, ''sababa ammaaf hin beekamneen [gamoorraa] kufuu[n]'' duute booda poolisiin isa to'ateera.
Haa ta'u malee, himannaa Andu'aalam irratti ka'e abukaatoon isaa waakkate.
Modeela, akkasumas beeksisa garagaraa dalaguun kan beekamtu Qananii Addunyaa umrii 25'tti du'uu seenaa dhalootaasheerratti ibsameera.
Owwaalchisees guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera.
Dhaddacharratti maaltu jedhame?
Dhaddacha har'aa irratti poolisiin Qananiin ALI Bitooteessa bultii 1, 2017 barii sa'aatii kudhanitti mana jireenyaashee gamoo shanaffaarraa kufuu dubbate.
''Isa waliin waan jiraattuuf…isa shakkinee to'annoo seeraa jala oolchinee jirra.
''Kanaafuu shakkii kanaan kaanee qorannoo akka gaggeessinuuf guyyaan 14 [qorannoof] nuuf haa kennamu jedhanii gaafatani,'' jedhan abukaatoon isaanii Obbo Liban.
Poolisiin dhaddacharratti hanga ammaa ashaaraa kaasuu, qorannoof reeffa hospitaalatti erguu akkasumas ragaa namaallee sassaabaa akka jiru dubbachuu himan.
''Amma suuraa galmee waliin walitti qabsiisuuf, jecha ragaa namootaa fudhachuuf, hanga qorannoon reeffaa dhufu qorannoo waan goonuuf,'' qorannoof guyyoota 14 gaafachuu dubbatan.
Gama kaaniin, abukaatoon Andu'aalam immoo shakkii poolisiin dhiheesse mormaniiru.
''Nummoo waliin jiraachuu malee gidduu isaaniitti homaa rakkoon akka hin jiraanne guyyaa sanis nagaan oolanii isheen footoo ka'aa innis hiriyyoota isaa waliin konsartiidhaaf qophaa'aa ture nagaan oolanii galgala gara manaa akka seenan.
''Wal dhabbiin homaatuu jidduu akka hin jirre erga tsoomiin hiikamee booda jaarsummaa ergee fuudhuudhaaf waliigalanii qophiirra akka turan.
''Kanaafuu jidduu isaaniitti homaa rakkoon waan hin jirreef inni ajjeesuudhaaf motive (yaada) akka hin qabaanne.
''Poolisiinis amma kuftee argamte jedhe malee inni akka kuffise inni akka darbate wanti agarsiise waan hin jirreef haala amma jiruun Aadde Qananiin of ajjeesuushee malee nama biraatiin yookiin maamila kiyyaan du'uunshee waan irra hin ga'amneef,'' wabiin akka bahu gaafatuu BBC'tti himan.
Dabalataan, Artist Andu'aalam ''teessoo gahaa waan qabuuf yeroo barbaadametti dhufuu waan danda'uf ammas bo'icharra gaddarra jira, bahee gadda isaa akka ibsatu mirgi wabii isaa akka eeggamu gaafanne,'' jedhan.
Wabiin dhowwame
Haa ta'u malee, manni murtii gaaffii mirga wabiin gadhiifamuu akka dide himan.
''Amma ajjeechaan waan shakkameef yeroodhaaf mirga wabii isaa hin ilaallu, bu'aan qorannoo reeffaa haa dhufu ragaanis walitti haa qabatuutii beellama itti aanutti dhimma wabii isaa ilaalla,'' jechuu dubbatan.
''Amma yoo bahe miidiyaa hawaasummaarratti wanti jiru xiqqoo waan ho'eef beellama tokkoffaadhaan mirga wabii isaa eegun xiqqoo rakkisaadha,'' jechuun abbaan seeraa beellama qabachuu himan.
Akkaatuma kanaanis, qorannoof poolisiin guyyoota 14 gaafate keessaa guyyaan 13 eeyyamamee beellamni itti aanu ALI Bitootessa 17, 2017 qabamuu BBC'tti himan.
'Shakke malee ajjeese hin jenne'
Owwaalchi Qananii guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qul. Sillaaseetti raawwatameera.
Owwaalcha dura qorannoon reeffaashee Hospitaala Daagmaawwii Miniliikitti taasifame. Ammatti bu'aan qorannoo reeffaa ifa hin taane.
Abbaan Qananii Obbo Addunyaa Waaqoo addatti turtii BBC waliin taasisaniin intalli isaanii waan kufte jedhan akka hin amanne dubbatani.
''Bilbilaniima mucayyoon fooqiirraa kufte kan je'u himani. …fooqirraa mucayyoon hin kuftu.
''Mucayyoon nama tasgabbooftuudha, nama jijjiiramaaf, nama of jijjiiruuf nama maatii jijjiiruuf hojjettu.
''Waan boruu yaaddi malee waan akkasitti talkaashaa hojjettu miti.
''Ishiin of waanii goote jedhu kana naan seenu naan seenu. Yooma namni miidhaarra geessisee akka godhu godhe malee,'' jechuun seerri akka qoratu gaafatan.
Dabaluunis, ''Haqa qofa barbaanna nuti. Dhiiga mucayyoo keenyaa barbaanna malee waan biraa waan barbaannu takkallee hin jiru,'' jedhan.
Haa ta'u malee, Andu'aalam fi Qananiin ''Hariiroo gaarii akka qabanittin quba qaba,'' jedhani.
Abukaatoon Artist Andu'aalam immoo ''waan waliin jiraataniif qulqulleessuudhaaf isa to'annoo seeraa jala oolchine jedhan [poolisii] malee isatu ajjeese wanti jedhan hin jiru,'' jedhan.
Dhaddacharratti ''Isa shakkine jedhanii jiru. Garuu, shakkiidha malee inni ajjeesuusaaf ragaan agarsiisu hanga ammaa hin argamne hanga ammaa hin sassaabamne jedhan.''
Andu'aalam guyyaa Roobii owwaalcha Qananiirratti poolisiin dabaalamee argamuufi gaddasaa ibsatuu BBC'n kanneen bakkicha turanirraa mirkanesseera.
Andu'aalam weellistoota Oromoo muuziqaa ammayyaan gurra horataa jiraniifi beekkamtiin isaanii kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye birallee dabalaa jirudha.
Qananiin eenyudha?
Sirna owwaalcha isheerratti akka ibsame taanaan Qananiin umrii ishee 25'n boqotte.
Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Miicataatti kan dhalatte Qananiin, ijoollummaa irraa eegalee barumsaan cimtuu ta'uu seenaasheerratti himameera.
Barnoota sadarkaa lammataaf ''qabxii olaanaan xumurte'' Yunivarsitii Arbaa Mincitti Muummee Haayidiroolikiifi Waatar Injinaringii ALI Bara 2011 eebbifamte.
Achis Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojjechuun ibsameera.
Eegasii garuu modeela akkasumas beeksisaafi bohaartii garagaraa keessa hirmaachuun beekamti.
Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo miidhagdee mul'atti.
Abbaan ishee Obbo Addunyaan ''Isheen maatii ijaartee, barumsasheetti itti fuftee of dandeessee hanga kaampaanii,'' hundeessutti akka karoorsite dubbatu.
''Gabaabumatti nama amala gaarii qabdu, nama maatii kabaju nama fira kabajudha.''
Erga duuni ishee dhagahamee booda namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa ishee qooduun gadda isaanii ibsaa jiru.
Akkaataa du'asheerratti poolisiin qoratee waan argate ummataaf akka ifa godhu beeksiseera.