Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa sigiga lafaa Godina Jimmaatti mudateen lubbuun haadhaafi ilmaa darbuun ibsame
Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti bokkaa cimaa Caamsaa 3, 2025 halkan sa'aatii dheeraadhaaf roobe hordofee sigiga lafaa uumameen haatiifi ilmi du'uu itti gaafatamaan Waajira Bulchiinsa Aanaa Shabee Somboo BBC'tti himan.
Itti gaafatamtichi Obbo Mohaammad Abbaarashaad, balaa bokkaa cimaa bubbee hamaan dabaalamee sa'aatii dheeraaf roobeen Aanichatti ganda Mirgaanoo Basoo Zoonii Abdii Boruu jedhamu keessatti kan maatiin kunneen du'anii, qabeenyarras miidhaan gahe.
Maatiin balaan irra gahe kunneen lafa ol jedheerra kan jiraatan yoo ta'u, warqee, maasaa fi qabeenya isaan qe'eedhaa qabanirras badii qaqqabuu himan aanga'aan kun.
Ganna darbes balaa sigiga lafaa, "qonaan bulaan dhibbaa ol qe'eesaarraa buqqisee ture. Lafa heektaraa heduurraa nama buqqise. Lubbuun namaa garuu hin darbine ture. Kan baranaa reefu akkuma jalqabeen lubbuu namaa galaafate" kan jedhan itti gaafatamaan kun, jiraattonni bakka balaan sigigoo irra deddeebiin itti mudaturraa siquu akka qaban dhaaman.
Balaa mudate kana hordofee koreen gaaddisa Buusaa Gonofaa Aanichaan hundaa'ee maatii balaan irra gahe deebisee dhaabuuf hojiitti akka gale kan kaasan itti gaafatamaan kun, namoota lubbuun darbes awwaaluun maatii jajjabeessaa jiraachuu himu.
"Balaan kun yeroo filatee miti kan dhufu" kan jedhan aanga'aan kun, "qonnaan bulaan naannoo tabbaa jala fi lafa ol-jedhaa jala jiru of eeggannoo cimaa" akka taasisus dhaaman.
Bakka balaan kun itti uumamuu malu hundarraa fagaachuun maatiif qabeenya isaanii baraaruu akka qabanis dabaluun gorsu aanga'aan kun.
Hubannoo sigiga lafaa rooba cimaa hordofee uumamuun balaa mudatu hir'isuuf hubannaa uumamaa tureen namoonni gara bakka yaaddoo hin qabnetti siqan jiraatanis, kanneen naannolee sodaa qaban hin gadhiisnes jiraachuu kaasuun, "lubbuun namaa miidhamuurra, [mana] ijaarree" dirqiin bakka sodaa qaburraa sochoosuuf yaada akka qabanis ibsu aanga'aan kun.
Kanaan duras gandoota lama aanichatti argaman keessatti balaan sigiga lafaa irra deddeebiin uumamuun qabeenyarraan miidhaa geessisuu kan yaadachiisan aanga'aan aanichaa, ammas namoonni naannawaa tulluu fi tabbaa jiraatan of eggannoo akka taasisan akeekkachiisan.
Naanawaa tabbaarraa fagaachuun lafa diriiraatti siquun balaa kana akka hir'isanis dhaaman.
Bara darbe balaa sigiga lafaa rooba gannaa hordofee Walaayittaa Goofaatti mudateen lubbuun namoota 250 ol kan gaaga'ame yoo ta'u, godina Jimmaa dabalatee kutaalee biyyattii gara garaattis balaan hamaan lubbuuf qabeenyaarraan miidhaa qaqabsiisuun ni yaadatama.