Donaald Tiraamp sanadoota icciitiin walqabatee himanni torba irratti dhiyaate

Madda suuraa, THE WASHINGTON POST
Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp sanadoota icciitii akka hin malletti qabateera jedhamuun himatame.
Faayiloota mootummaa icciitii qaban hayyama malee of harka kaawwachuu dabalatee himannawwan torba maanguddoo waggaa 76 kana irratti banamaniiru.
Akka miidyaaleen US gabaasanitti himannaawwan kunneen ammallee ifatti hin ibsamne.
Himannaan kun Tiraamp irratti yoo dhiyaatu kan lamaffaa yoo ta'u, himannaa federaalaan pirezidantii duraanii irratti dhiyaate kan jalqbaati.
Yeroo himannaan kun irratti banamaa jiru kanatti, inni filannoo bara 2014 gaggeeffamuun gara Waayis Hawusitti deebiyuudhaaf duula gochaa jira.
Ogeessonni seeraa garuu himanni amma irratti dhiyaate kun pirezidantummaaf dorgomuu isa hin dhorku jechaa jiru.
Miidyaa hawaasaa isaa Truth Social jedhamu irratti Kamisa akka barreessetti, yakka kanarraa bilisa akka ta'eefi mana-murtii Federaalaa Filooriidaa Miyaamiirratti akka dhiyaatu ajajame.
Kibxata dufu Tiraamp mana-murtii deemuudhaan to'annoo jala oolfamanii himannaa irratti dhiyaate dhaggeeffatu.
"Pirezidantii duraanii US tokko wanti kana fakkaatu ni mudata jedhee yaadee hin beeku," jedhe Tiraamp.
"Kun Ameerikaaf guyyaa dukkanni irra buufatedha. Biyya saffisaan kufaa jirru taaneerra. Haata'u malee, Ameerikaa irra deebinee guddoo ni taasisna."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abokaatoon Tiraamp Kiim Tirastii CNN'tti aikka himanitti pirezidantiin duraanii kun maal. maal irratti akka himataman ibsameeraaf.
Abokaatoon kun akka jedhetti galmeen himataa kun shira, ibsa sobaa, haqa hir'isuufi biyya ganuu kan jedhaman ilaalchisuun sanadoota icciitii olaanaa qabatan qabachuu kanneen jedhan keessatti argamu.
Waajirri Haqaa Ameerikaa yaada kennuu irraa kan of qusate yoo ta'u, himannichi uummataaf ifa hin taane.
Qaamoleen nageenyaa Ameerikaa Tiraamp fi gargaartota isaa akkamiin argatanii akka gara mana-murtii Miyaamii itti geessan irratti ni mariyatu.
Bara darbe keessa manni jireenyaa Tiraamp Filooriidaa Maaraa-Laagoo keessatti argamu sakatta'amee sanadoonni kuma 11 kan argaman yoo ta'u, isaan keessaa 100 kanneen ta'an icciitii cimaa warra qabtanidha.
Saba-himaaleen torban darbe akka gabaasanitti, Tiraamp Wayit Hawus gadhiisanii yeroo ba'anitti sanadoota icciitii cimaa qaban fudhatanii akka bahan yoo dubbatan sagaleen isaa waraabame galagalchi isaa harka abbootii alangaa galeera.
Akka seera Ameerikaatti pirezidaantii dabalatee aanga'aan federaalaa kamiyyu hayyamni osoo isaaniif hin kennamiin sanadoota icciitii qaban maqsuus ta'e dhoksuu hin danda'an.












