Dhimmi atileet Firewayinii hooggansa Federeeshinii Atileetiksii gargar baase maalidha?

Olompikiin paaris ganna kana ALI Adoolessa 26 hanga Hagayya 11, 2016'tti gaggeeffama. Atileetonni Itoophiyaa olompikii kanarratti hirmaatan ifa ta’aniiru.

Kana keessatti dhimmi atileet Firewayinii Hayilee ijoo dubbii ta’ee jira. Ergaa viidiyoodhan miidiyaa hawaasaa irratti beeksifteen filannoo atileetota Olompikii Paaris irratti hirmaatanii ilaalchisee komii qabdu ibsateetti.

“Meetira 1,500fi meetira 5,000 irratti xiyyeeffadheen hojjataa ture. Bara kana gahuumsin 1,500 irratti agarsiise gaaridha, sababni isaa fiigicha mana keessaa irratti warqee injifadheera.

''Sa’aatii gaaris galmesseera,” jechuun atileetonni isheedhaa gadi galmeessan olompikiidhaf filamuu BBCtti himte.

Dorgommii 5,000m irratti eeggattuu kan taate atileet Firewayiniin, “Keessumaa meetira 1500 irratti kanneen si’a shanii ol na waliin dorgomanii ani injifadhe keessaa olompikiif filamteetti.

''Bara kana sa’aatii gaariin [minimaa] qaba, isheen garuu sa’aatii bara darbe galmeessite ilaalameefi filatamte,” jechuun komiishee ibsatte.

Dorgommii fageenya 5000m irrattis atileetin kun sa’aatii gaarii osoo qabduu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetota biroo sa’aatii bara darbe galmeessaniin akka filate himatti.

“Federeeshinichi atileetota filachuuf ulaagaan baase ifa miti. Dhiirota irratti ‘bara kana gaarii kan fiigan’ jedhamanii filaman.

''Dubartoota irratti garuu sa’aatii caaluufi gahuumsa caalu osoon qabuu hin filamne,” jechuun Federeeshinichaaf xalayaa barreessitee komii qabdu ibsattus hanga ammaa deebii kallattiifi quubsaa ta’e akka hin arganne himti.

“Kanumaaf jechan uummanni akka beekuf viidiyoo gadi lakkise,” jechuun BBCtti dubbatte.

Waggaa guutuu shaakala gochaa of-qopheessaa akka turteefi meetira 1,500 irratti akka hirmaattu, meetira 5,000 irratti immoo eeggattuu taatee akka filamtu eegaa akka turte kaasun filamuu dhabuusheetti gadduu himatti Firewayiniin.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa sababa maalin dorgommii kana keessaa akka ishee hambisees “anaafuu gaaffidha” jechuun sababasaa akka hin beekne himti.

Firewayiniin barana fageenya meetira 5,000tiin daqiiqaa 14 fi sekondii 20 kan galmeessite yoo ta’u, atileetin Olompikii Paaris irratti hirmaachuf filamte daqiiqaa 14fi sekondii 34 akka galmeessite dubbatti.

“Kanneen dhimmi ilaallatu dubbisuuf yaalera garuu argachuu hin dandeenye. Murteen akkaanaa gaafa si mudatu dhibbansaa ulfaatadha.

''Ta’us, sirreeffama godhanii akka itti na dabalan abdiin qaba. Dorgommiiwwan ittaananiif of-qopheessuu garuu hin dhaabu,” jechuun abdii qabdus kaasti.

Federeeshiniin Atileetiksii maal jedhe?

Oloompikiis ta’ee dorgomiiwwan sadarkaa biyyaafi idil-addunyaatti gaggeeffaman irratti atileetota hirmaatan filachuuf itti gaafatamummaa kan qabu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaati.

Pirezidaantii Ittaanaa Federeeshinichaa kan ta’an Obbo Gazzaahany Abarraa atileetonni barana filataman itti gaafatamummaadhuma federeeshinichaaf kenameen akka ta’e BBC'tti himan.

Haa ta’u garuu, murteen darbe “sababa nuti hin beeknen jijjiirameera” jedhan.

“Olompikii Paarisiif atileetota filachuuf hanga yeroo dhiyootti gahuumsa isaanii hordofaa turre.

''Bifuma kanaan Jimaata darbe maqaa namoota filamanii qopheessineerra. Sadarkaa hoji raawwachiistuu federeeshinichaatinis irratti mariyanneerra,” jechuun waliigalteerra gahanii akka turan kaasu.

Akkaatudhama irratti waliigalameen dorgommiiwwan sadii irratti hirmaachuf kan gaafatte atileet Gudaaf Tsaggaayi lama qofarratti akka hirmaattufi atileet Firewayiniin ammoo tokkorraatti akka biyya bakka buutu ture.

"Gudaaf meetira 10000, 5000, fi 1500 fiiguf iyyattee turte. Nutu murteen nuti dabarsine lama irratti akka dorgomtuu fi Firewayiniin ammoo meetira 5000 akka dorgomtuudha," jechuun boodarra murtichi akka jijjiirame himu Obbo Gazzahaany.

Gaafa Jimaataa, Waxabajjii 26, 2016 ALItti murtee kana ibsuuf yeroo jedhamutti Kamisa isaa wal-gahiin tasaa akka waamame kaasu.

Haa ta'u garuu, atileetota filatee kan ergu koree oloompikii osoo hin taane koree teeknikaafi hojii raawwachiiftuu federeeshinii waan ta'eef pirezidaantii ittaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan ta'an Obbo Gazzahaany dabalatee "miseensonni hoji raawwachiiftuu hedduu" walgahicharratti osoo hin argamin hafan.

"Atileetota filannee erga xumurree booda murteefi wal-gahii kan jedhame. Kanaaf miseensonni koree hoji raawwachiiftuu argamuu hin dandeenye.

''Walgahiin pirezidaantin [Daraartuu Tulluu] irratti argaman ammoo Firewayinii meetira 5000 irratti eeggattuu godhee murtee dabarse.

''Hojii namoota dhuunfaati kan hojjatamaa jiru. Walgahicha kan waame pirezidaantii federeeshinichaati, nuti ammoo walgahii koree olompikii waliin taa'amu irratti hin argamnu, [korichi] nuuf filuus hin danda'u jennee hafne," jedhu Obbo Gazzaahany.

Atileetonni Itoophiyaa dorgommii Oloomkii Paaris irratti hirmaatan maqaansaanii Koree Oloompikii Idi-laddunyaatif kan ergame yoo ta'u, atileet Firewayinii Hayiluus dorgommii meetira 5000tin eeggattuu taatee maqaanshee ergameera.

Koreen Olompikii Itoophiyaa hojii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessa galeera kan jedhan Obbo Gazzaahany, kuni ammoo akkaataan atileetonni itti filataman iftoomina akka hin qabaanneefi ogummaan kan deeggaramne akka hin taane akka taasise komatu.

Komii atileet Firewayinii kana ilaalchisee pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan taate Daraartuu Tulluu akkasumas gaggeessitoota federeeshinichaa filannoo atileetotaa jijjiirame keessatti hirmaatan jedhaman qunnamuuf irra deddeebin yaalii goonus hin milkoofne.

Yeroo Olompikittii filannoo atileetota irratti komiifi dhibdeen yoo dhalatu kuni yeroo duraaf miti.