Gosi mpox Itoophiyaatti argame 'balaafamaa fi saffisaan kan tamsa'uudha'- Ministeera Fayyaa

Nama vaayirasii Mpox qabu

Madda suuraa, Reuters

Ji'a tokko dura Itoophiyaatti argamuun kan barame gosti vaayirasii maaree jaldeessaa (mpox) ''balaafamaa fi lubbuu hedduu galaafachuun kan beekamu,'' akkasumas ''saffisaan kan tamsa'u'' ta'uu Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ibsan.

Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa daa'imi ji'a tokkoo du'uu torban lama dura jaarmiyaaleen mootummaa Itoophiyaa kunneen ibsanii turan.

Caamsaa 16 Itoophiyaatti kan argame vaayirasiin kun, torbanoota lama gidduutti namoota 18 irratti argamuu jaarmiyaaleen kunneen ibsan.

Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ibsa kaleessa galgala (Waxabajjii 11, 2025) ''haala yeroo irratti'' baasaniin namoota hanga ammaatti qabaman keessaa shan ''guutummaatti'' bayyanachuu beeksisan.

Ibsa kana keessatti eenyummaan daa'ima torban lama dura vaayirasii kanaan lubbuun darbee ibsameera.

Haaluma kanaan daa'imi kun namoota lama jalqaba Oromiyaa, magaalaa Mooyaleetti qabaman keessaa tokko ta'uun mirkanaa'eera.

Jalqaba wayita mpox Itoophiyaa seenuun mirkanaa'u kan qabaman daa'ima guyyaa 21 fi haadha ta'uun isamee ture.

Guyyaa vaayirasiin kun Itoophiyaatti argamuun mirkanaa'erraa eegalee hanga ibsi kaleessa galgala ba'utti namoota 102 ta'anif qorannoon laaboraatoorii taasifameera.

Akka ibsa kanaatti gosa vaayirasii kanaa adda baasuuf namoota qabamanii wal'aanamaa jiran samuuda isaanii fudhachuun qorannoon qaccee sanyii gaggeeffameera.

Bu'aan qorannoo kun gosi vaayirasii mpox Itoophiyaatti argame Clade 1b kan jedhamu akka ta'e mirkaneesse.

Gosi vaayirasii kun birqabaan yoo ilaalamu ''saffisaan kan tamsa'u'' fi ''lubbuu hedduu kan galaafatu'' ta'uutu ibsame.

Gosi mpox- Clade 1b maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa bara darbe Hagayya keessa dhibeen maaree jaldeessaa (mpox) akka addunyaatti balaa fayyaa ta'uu kan inni labseef tokkoffaan sababa babal'ina gosa vaayirasii ''Clade 1b'' jedhamu kanaati.

Kanaan dura gosa mpox maqaan Clade jedhamu kennameef jalatti ''Clade 1A'' fi ''Clade 2'' kan jedhaman tatamasa'anii turan.

Gosoota vaayirasii duraan turan irraa adda kan ta'e ''Clade 1b'' bara darberraa eegalee bal'inaan tatamsa'aa jira.

Dhibeen kun Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo fi biyyoota ollaa weerareera.

Biyyoota kanaan dura keessatti mul'atee hin beekne kanneen akka Burundii, Keeniyaa fi Yugaandaattis babal'ateera dhibeen kun.

Gara Itoophiyaa kan seenes gosa vaayirasii kana ta'uun ibsameera.

Gosi vaayirasii kun bifa weeraraan ka'uunsaa yeroo jalqabaaf kan mirkanaa'e bara darbe ta'us, jiraachuunsaa kan barame garuu Fulbaana 2023.

Yeroo sana kutaa kibba Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo, Kiivuu, keessatti kan argamu magaalaa Kaamituugaa jedhamtu keessatti ture.

Oomisha worqeen kan beekamtu magaalaan Kaamituugaa sochiin namootaas itti heddummaata.

Akkasumas daldalli saal-quunnamtii ballinaan kan keessatti adeemsifamu ta'uu aanga'oonni biyyattii dubbataniiru.

Akka aanga'oonni biyyattii jedhanitti daldalli saal-quunnamtii madda maallaqaa beekamaa ta'e kun tatamsa'ina dhibee kanaaf sababa ijoodha.

Haata'u malee vaayirasiin kun haadharraa daa'imatti, daa'immanirraa gara daa'immaniitti daddarbee kan argame yoo ta'u, ulfa baasuu waliinis walqabatee mudatee beeka.

Gosi vaayirasii ''Clade 1b'' jedhamu kun gosoota mpox kaan caalaa gochoota saal-quunnamtii kanneen akka dhungoo fi tuttuqqii qaamaan bal'inaan daddarba.

Pirofeesarri Yunivarsitii Oksifoord Tiruudii Laang gosi mpox kun akkaan adda ta'uu ibsan.

Sababni isaa shifiin qaama namaatti yaasu kan warra kaanii caalaa hedduu fi balaafamaadha jedhan ogeessi fayyaa kun.

''Dhibeen yeroo dheeraaf waan namarra turu fakkaata. Hunda caalaa karaan ittiin daddarbaa jiru quunnamtii saalaa fi tuttuqqii qaamaatiini. Ammoo foon bineensota bosanaan walqabachuusaa homaa wanti argine hin jiru,'' jedhan.

Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ibsa baasaniin weerara vaayirasii kanaa yeroo gabaabaa keessatti to'achuuf jecha ''to'annoo fi hordoffii qindaawaa cimsuu akkasumas dursanii to'achuu fi erga mudatee deebii kennuurratti'' xiyyeeffatanii hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkibbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhiddhiita'uufi wanta kamirrattiyyuu fedhii dhabuutu irratti mul'ata.

Gubaan qaamaa yeroo irra jiru ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba.

Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee hirreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.

Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha.

Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa.

Kanarra darbees godaannisa hambiseellee darbuu danda'a.

Giddugalli Ittisa Dhibee Afrikaa (CDC) Hagayya bara darbee dhibeen kun Afrikaa keessatti yaaddoo fayyaa hawaasaa ta'uu labse.

Ergasii hanga Ebla darbeetti biyyoota ollaa Itoophiyaa ta'an Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee biyyoota Afrikaa sagal keessatti mul'ateera.