Loltoonni humna galaanaa Ameerikaa lama Chaayinaaf basaasuun himataman

Miseensoonni humna galaanaa US lama odeeffannoo icciitii waraanaa Chaayinaaf kennuun shakkamuun Kaaliforniyaa keessatti himataman.

Loltuun US kan ta'e Jinchao Wei dargaggoo waggaa 22 fi kan seeraan lammummaa US argatee odeeffannoo waraanaa basaastoota Chaayinaaf erguun himatame.

Qondaalli sadarkaa gadaanaa kan biraa Wenheng Zhao, 26, ammoo suuraaleefi waraaabbii viidiiyoo icciitii ergeef maallaqa fudhachuusaatiin shakkamee to'atame.

Miseensonni humna galaanaa kunneen lamaanuu odeeffannicha kennuuf dhaabbanni tikaa Chaayinaa walfakkaatu waliin hojjataa haaturaniifi haa dhiisanii ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

Miseensonni waraanaa lama guyyaa Roobii Kaaliforniyaa keessatti kana to'ataman yoo ta'u, Aab Wei gara hojii buufata Humna galaanaa Saan Di'egoo keessaa dhaquuf daandiirra ture.

Abbootiin alangaa himannicha ibsa Kamisa Saan Di'egoo keessatti kennaniin ibsan.

Doonii waraanaa USS Essex jedhamu irratti kutaa mootaraa keessatti hojjataa kan ture Aab Wei, sababii gaheesaatiin waa'ee doonittii odeeffannoo icciitii argataa ture.

Innis osoo lammummaa US fudhachurratti argamu ture Gudhaanala 2022 keessa basaasaan Chaayinaa tokko itti dhiyaachuun kan dubbise.

Miseensi humna galaanaa Ameerikaa miseensa loltuu maqaaa Paatriik Wei jedhamuun beekamu kanaaf suuraalee, viidiyoo fi odeeffaowwan kaan kenneef basaasaa Chaayinaa irraa doolaara kumaatama akka fudhate shakkama.

Aanga'oonni kutaa Haqaa US akka jedhaniitti, loltuun kunis basaasaa Chaayinaatiif waa'ee miseensoota humna galaanaa Ameerikaa amma leenjiirratti argaman ilaalchisee odeeffannoo kenneera.

''Loltuun tokkoo ykn akka miseensa humna galaanaatti biyya irra maallaqa caalsiifatee odeeffannoo nageenyaa biyyaaleessaa dabarsee kennuun biyya haaluu yoo raawwate, nutis deebii kennuuf qophaa'uu qabna,'' jedhaniiru Abbaan Alangaa US Raandii Giroosmaan.

Chaayinaan hanga ammaatti sochii himannaan irratti dhiyaate kamuu akka hin beekne himti.

Miseensi waaraa kan biraa shakkamee Zhao kan maqaa Tomaas Zhao jedhamuun beekamu ammoo, humna galaanaa Loos Anjalasiitti argamu keessa tajaajilaa ture.

Zhao bara 2021 keessa murtee invastimantiif akka qorataatti odeeffannoon barbaada jechuun basaasaan Chaayinaa tokko itti dhiyaachutu himame.

Basaasaan Chaayinaa kunis Zhao'f suuraaleefi waraabbii viidiyootiif doolaara gara kuma 15 ta'u kanfaluu akkasumas odeeffannoo waa'ee raadaara humna qilleensaa waraana Ameerikaa Jaappaan Okiinaawaatti argamu akka fudhate dhagahame.

Shakkamtoonni kunneenis balleessaan irratti mirkanoofnaan, hidhaan waggaa 20 ta'u itti murtaa'u danda'a.

Aanga'oonni akka jedhaniitti, gochaan biyya haaluu miseensoonni waaraanaa lamaan kunneenis raawwatanis qaama yaalii Chaayinaan odeeffannoo icciiitii Ameerikaa argachuuf taasiftuuti.

Baatiiwwan muraasaan duras afuuffeen Chaayinaa samii Ameerikaa irra balalii'aa ture walitti dhufeenya biyyoota lamaanii laaffisee kan ture yoo ta'u, booda keessa garuu qondaaltoonni Ameerikaa afuuffeen guddichi samii biyyattii irra balalii'aa ture odeeffannoo omaatu akka hin fudhane ibsuun isaanii ni yaadatama.

Shakamtoota miseensa waraanaa kanneen kan bakka bu'u abbookaatoon dhaabbaticha ilaalchisee garuu hanga ammaatti kan jedhame homtu hin jiru.