Dubbiin Obaamaan Musliimota Indiyaa irratti dubbatan mootummaa mufachiise

Baraak Obaamaa

Madda suuraa, Getty Images

Hooggantootni dhaaba biyya bulchuu Indiyaa pireezidantiin duraanii US Baaraak Obaamaa yaada qabiinsa mirgaa Musliimota Indiyaarratti kennaniif komatan.

Obaamaan gaaffiifi deebii torban darbe tamsaasame irratti Indiyaan mirga uummata lakkoofsaan xiqqaa hin kabajju taanaan ''diigamuu jalqabdii'' jedhan.

Sagantaa CNN Kiristiyaan Amaanpuur irrati kan dubbatan Obaamaan pireezidantiin US Baayidan dimookraasiiwwan walaba hin taane waliin akkamiin hojjechuu qabuu gaaffii jedhuuf deebii yoo laatan kana dubbatan.

Yaada kana wayita kennan Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii daawwannaa hojiif US turan.

Moodiin pireezidantii US Joo Baayidaniin haala ho'aan simataman, Waayit Haawusittis affeerraan irbaataa miidhagaan taasifameeraaf. Modiin yaa'ii koongireesii Ameerikaattis dubbataniiru.

Obaamaan yaada mootummaa Indiyaa hin gammachiifne kana kan dubbatan Mooiin Koongireesii US'f haasaa gochuu dura.

Bara baallii US bulchuu harkaa qaban Obaamaan michuu gaarii Indiyaa turan.

Yaada isaanii falmisiisaa kanaan mootummaan Indiyaa mirga Musliimota biyyattii lakkoofsaan guddaa hin taanee kabajuu qaba jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Pireezidantichi Ministira Muummee Moodii waliin wal-argu yoo ta'e, biyya baayyinaan warri Hindii caalan keessatti Musliimootni lakkoofsaan muraasa ta'an mirgi isaanii eegamuu itti kaasanii dubbachuu qabu.

Ani osoon Minisitira Muummee Moodii, kaniin sirriitti beeku, dubbisa ta'ee yaadan ittiin morku tokko mirga sablammiilee lakkoofsaan xiqqaa hin kabajjan yoo ta'e yeroo wayii tokkorratti Indiyaan hiree gargar diigamuu ni qabaatti kan jedhu'' jedhan.

Kuni ammoo fedha Indiyaa akka hin taane dubbatan.

Ministirri maallaqaa Indiyaa Niirmaalaa Siitaaramaan kan paartii MM Moodiirraa ta'an Dilbata yaada miidiyaaleef kennaniin dubbii Obaamaa kanaan rifachuu dubbatan.

Biyyi isaanii wal-danda'uu amantaan akka hin komatamnes kaasanii, Obaamaan bara pireezidantii US turan, biyyootni Musliimota hedduu qaban akka Siiriyaa fi Yaman boombii US'n haleelamaniiru jedhan.

Ministirri Ittisaa biyyattii Raajnaat Siing ammoo yaada Wiixata kana kennaniin Indiyaan sababa amantaa isaaniin namoota miidhaa irraan geesse hin qabdu jedhan.

Itti dabaluunis ''namooni mirga uummata lakkoofsaan xiqqaa Indiyaa keessa jiraniirratti yaada yoo kennan ''biyya Musliimaa hammam akka haleelan yaaduu qabu'' jedhan.

Dhimma falmii kaase kana irratti Obaamaanis ta'e US ammatti yaada hin kennine.