Imalaan foddaa banuun koochoo xiyyaaraarra deeme hidhame

Madda suuraa, Getty Images
Meeksikootti namichi foddaa xiyyaaraa yeroo balaa tasaa akka ulaa ba'umsaatti tajaajiluuf tolfame, banuun koochoo/goflaa xiyyaarichaarra osoo deemuu argame to'annoo seeraa jala oole.
Namichi kun tarkaanfii kana kan fudhate wayita xiyyaarri gara magaalaa Guwaatemaalaatti balali'uuf ture kun yeroo dheeraaf sochii malee dhaabbateeti.
Xiyyaarichi osoo imaltoota qabatee hin ka'in, ukkaamamee akkasumas imaltootaaf bishaan osoo hin dhiheessin sa'atii hedduuf dhaabbateera.
Buufati Xiyyaaraa Idiladdunyaa Meeksikoo sababa kanaan miidhaan imaltootarra ga'e akka hin jirree fi namni gocha kana raawwates poolisiitti dabarfamee kennamuu ibse.
Namoonni namicha tarkaanfii kana fudhate waliin imalaa turan garuu namichi kun sirriidha jechuun ibsa deeggarsaa waloon baasaniiru.
Taateen kun kan mudate Kamisa darbe naannawa sa'aatii 11:30 irratti.
Xiyyaarri Aeromeico ta'e Meeksikoo Siitii irraa ka'uuf sagantaan qabame sa'atii sadi erga darbee boodadha namichi karaa foddaa kan ba'e.
Barfannaan xiyyaara kanaa sababa rakkoo teeknikaa xiyyaaricha mudateen ta'uu fi xiyyaarichi suphamaa akka ture gabaafameera.
Wayita imalaan kun hifatee karaa foddaa balaa tasaa ba'u xiyyaaricha jijjiiruuf karoorfamaa ture.
Namichi kun ergasii maalirra akka jiru hin beekamu. Mana hidhaa jiraachuu fi dhiisuun akkasumas maaliin himatamuu akka danda'u ifa miti.
Imaltoonni kaan ammoo taatee kana kallattii biraan ilaalan.
Barreeffamni harkaa imaltoota xiyyaaricha keessa turaniin barreeffame akkas jedha.
''Imaltoonni balalii Meeksikoo Siitii irraa gara Guwaatemaalaa xiyyaara lakkoofsa balalii AM 0672 ta'een imalaa turan hunduu imalaan foddaa yeroo balaa tasaa bane nageenyummaa imalaa hundaa eeguuf ture.
Deeggarsa nama hundaa qaba. Barfannaa fi xiyyaarichi keessi ukkaamamuun dhiphina hamaa uumee waan tureef. Rakkoon ture fayyummaa imaltoota hundaaf yaaddessaa ture.''















