Dorgomaan pirezidaantii Panaamaa hilikooptarrisaa bosona keessatti kufee miidiyaa hawaasaarratti birmannaa gaafate

Dimitriin bakka helikoptarri isaa itti kufte taa'ee

Madda suuraa, DIMITRI FLORES

Panaamatti namni siyaasaa pirezidaantummaaf dorgomaa jiru osoo helikopitara dhuunfan imalaa jiruu bosona keessatti kufee "naaf birmadhaa" jechuun karaa miidiyaa hawaasaa waamicha dhiyeeffate.

Dimiitrii Filoores nama siyaasaa yoo ta'u, filannoo pirezidaantummaa Panaamatti bara 2024'tti gaggeeffamuuf kaadhimamaa dhuunfaa ta'ee dorgomuuf fedha akka qabu beeksisee ture.

Dimiitriin helikoptarri isaa bosona guddaa keessatti erga kufeen booda, bakka helikopitarri isaa itti kufte taa'ee viidiyoo of waraabuun akka isa baraaraniif waamicha dhiyeeffate.

Dimitriin kan kufe bosona lixa Panaamaa bakka bosonni heddu itti argamuu fi gaarreeniin marfametti.

Dimitrii Filoores dabalatee helikopitaritii keessa namoonni jaha kan turan yoo ta'u, baay'en isaanii madaa'uu Dimirii waamicha karaa viidiyoo waraabe gadi lakkiseen ibseera.

Viidiyoo inni waraabe irratti Dimitriin, "Helikoparattiin caccadeetti. Galata Waaqayyoo hundi keenya lubuun jirra" jechuun dubbata miira dhukkubbii dhageessisaa.

"Maaloo gargaarsa nuuf erga. Miilli fi harki kunoo na cabee jira," jechuun gargaarsaaf iyyata Dimitriin.

Naannoo helikopitarri isaan baattee itti kufte sana naanna'ee yeroo viidiyoo waraabu, helikoptarri isaa caccabdee fi dameen mukkeetii caccabee mul'ata.

Viidiyicha irratti helikoptarri isaa ol fageenya meetira 1, 400 irra osoo jirtuu akka caccabde dubbata. Garuu maaltu sababa akka ta'ee fi bal'ina isaa waan dubbate hin qabu.

Abbaan Taayitaa Balalii Panaamaa ibsa kara Tiwiitaraa baasen, bakki helikptarittiin itti kuftee caccabde adda baasuu isaa fi hojiin namoota kana baraaruu itti fufee jiraachuu dubate.

Dimitriin ogummaadhaan nama seeraa yoo ta'u, filannoo bara 2024'tti Panaamaa kessattu gaggeeffamuuf jiruun dhunfaadhaan dorgomee Pirezidaantii biyyattii ta'uu barbaada.