Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US haleellaa Israa'el Kataaritti raawwatteetti 'hin gammanne' jette
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haleellaa qilleensaa Israa'el Qaxar irratti raawwatte ilaalchisee '' itti hin gammanne'' jechuun ibsan.
Haleellaan kun ''kaayyoo Israa'eel ykn Ameerikaa kan tarkaanfachiisus miti'' jedhan.
''Kun murtee MM [Israa'el] Netaaniyaahuun murteesse ture, murtee ani murteesse hin turre,'' akkasumallee akka waraana Ameerikatti hin himamne ibsuun, garuu ''waan nama dhibu, haleellaa kana dhaabuuf yeroon isaa darbeera'' jedhan.
Waldhabdeen kun haala kanaan dura hin argamneen hammachuu hordofees yaaddoon waraanaa addunyaa irratti dabaleera
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaan kun hoggantoota sadarkaa olaanaa Hamaas kanneen haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwatame kan waraana Gaazaa jalqabsiiseef itti gaafatamummaa qaban irratti Xxiyyeeffate jechuun ibsan
Gareen Hamaas kun haleellaa qilleensaa Israa'el magaalaa guddoo Qaxar keessatti raawwateen miseensonni isaa ja'a du'uu isaanii ibsuun, garuu garee marii isaanii ajjeesuuf yaaliin godhame ''fashalaa'uu'' himan.
Qaxar tarkaanfii Israa'el kana, ''abshaalummaa'' fi ''seera idil-addunyaa ifatti kan cabsuu'' jechuun balaaleffatte.
Qaxar marii kallattii fi al-kallattiin Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifamu irratti Ameerikaa fi Masrii waliin jaarsummaa taa'aa turte.
Haleellaa sanaan ''gamoowwan mana jireenyaa miseensota Biiroo Siyaasaa Hamaas hedduu keessa jiraatan'' irratti kan xiyyeeffate ta'uu qondaaltonni Qaxar himaniiru.
Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) fi tajaajilli nageenya ''haleellaa sirrii hoggansa olaanaa Hamas irratti xiyyeeffate'' raawwachuu ibse.
Boodarra, Netaaniyahuu fi Ministirri Ittisaa Israa'el Katz akka ibsanitti, humnoonni nageenyaa Israa'el "haleellaa lubbuu namaa galaafatu Yerusaalem fi Gaazaa keessatti raawwatameen booda" haleellaa raawwatamuu danda'uuf akka qophaa'an qajeelfamni kennameera jedhan.
Kunis du'a lammiilee Israa'el jaha hidhattoota Falasxiinota lamaatiin buufata konkolaataa Yerusaalemitti argamutti fi du'a loltoota Israa'el afur haleellaa kaampii waraanaa magaalaa Gaazaa irratti raawwatame eeruudhaan.
Ibsi Hamaas irraa ba'e haleellaa Israa'el "yakka fokkisaa, weerara ifa ta'ee fi seeraa fi seera idil-addunyaa ifatti cabsuu" jechuun balaaleffate.
"Diinni jila marii keessatti obboloota keenya ajjeesuu akka dadhabe mirkaneessina" jechuun ibseera.
Gareen kun miseensota shan ajjeefaman jedhe adda baaseera, isaan keessaa Humaam ilma Khalil al-Hayyaa fi Jihaad Labad kan waajjira Hayya qajeelchu dabalatee ta'uu eere.
Kunis du'a lammiilee Israa'el jaha hidhattoota Falasxiinota lamaatiin buufata konkolaataa Yerusaalemitti argamutti fi du'a loltoota Israa'el afur haleellaa kaampii waraanaa magaalaa Gaazaa irratti raawwatame eeruudhaan.
Ibsi Hamaas irraa ba'e haleellaa Israa'el "yakka fokkisaa, weerara ifa ta'ee fi seeraa fi seera idil-addunyaa ifatti cabsuu" jechuun balaaleffate.
"Diinni jila marii keessatti obboloota keenya ajjeesuu akka dadhabe mirkaneessina" jechuun ibseera.
Gareen kun miseensota shan ajjeefaman jedhe adda baaseera, isaan keessaa Humaam ilma Khalil al-Hayyaa fi Jihaad Labad kan waajjira Hayya qajeelchu dabalatee ta'uu eere.
Hamaas deeggarsa waraana Israa'el irraa kan ka'e bulchiinsa Ameerikaa haleellaa kanaaf ''ittigaafatamummaa waloo'' akka fudhatus ibseera.
"Qatar, biyya walabummaa qabduu fi michuu dhiyoo Ameerikaa cimtuu taatee hojjechaa jirtuu fi nageeny buusuuf jarsummaa taa'aa jirtu keessatti boombii darbachuun Israa'el ykn kaayyoo Ameerikaa hin gargaaru," jedhu waayit Hawus ibsa baasen
Mootummaan Qaxar gocha Israa'el kana irratti aarii guddaa akka qabu ibsuun, "Haleellaan yakkaa kun tumaa fi seera idil-addunyaa hunda ifatti kan cabsu yoo ta'u, nageenya lammiilee Qaxar fi jiraattota Qaxar irrattis balaa guddaa fida" jedhe.
Biyyootni Arabaa biroos haleellaa kana ilaalchisuun ibsa aarii qabu kanbaasaa jiran yoo ta'u, Sa'udiin ''weerara gara jabeessa Israa'el'' jettee waamuun balaaleffatteetti.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoonii Guuteres haleelicha qeequun, ''abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Qaxar ifatti sarbuudha'' jechuun ibsaniiru.
Qaxar ''dhukaasa dhaabuu fi namoota booji'aman hundi akka gadhiifaman barbaaduu keessatti gahee baayyee gaarii taphachaa akka turte ibsuun,'' itti dabaluudhaanis: "Qaamoleen hundi dhukaasa dhaabbataa dhaabuuf carraaquu qabu malee xiqqeessuu hin qaban."jedhan.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon haleelichi ''sababni isaa maal iyyuu yoo ta'e fudhatama hin qabu'' jechuun yaada kan kennan yoo ta'u, MM UK Sir Keyir Starmer ammoo ''haalli nageenyaa naannicha keessatti daran hammachuu'' akka danda'u akeekkachiisuun namoota ugguraman gadhiifamuufi Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafataniiru.
Maatii namoota 48 butamanii ammallee Gaazaatti hidhamanii fi isaan keessaa 20 lubbuun jiru jedhamee yaadameef oduun kun yaaddoo haaraa kaasera.
Hogganaan paartii mormituu Israa'el Yahir Lapid yaaddoo maatii kanaaf tumsa qaban ibsaniiru.
Yeroo kanatti mootummaan Israa'el akkamitti du'a namoota butamanii akka geessisuu fi hin geessifne qulqulleeffachuu dadhabe jechuun gaafatan
Katz hoggantoota Hamaas yoo namoota butaman sanneen gadhiisuu fi hidhannoo hiikkachuu baate ''akka balleessan'', Gaazaan ammoo ''ni balleeffamti'' jechuun akeekkachiiseera.
Netaaniyaahuun gochi Israa'el Qaxar keessatti fudhatte ''waraanni akka xumuramuuf karaa saaquu'' akka danda'u yaada kennan
Israa'el karoora Ameerikaa kana irratti walii galuu ishee mirkaneessitee, ummanni Gaazaas akkasuma akka godhu jajjabeessitee, "Mirga keessanii fi egeree keessaniif dhaabbadhaa. Nu waliin nagaa buusaa" jechuun ibseera.
Akka ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu naannoo sana jirutti, erga waraanni kun eegalee kaasee haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 64,605 du'aniiru.