'Waraanni xiyyaara, helikooptara, taankii, rookkeettii, boombii fi dirooniidha'

Daa’imni tokko sirna eebba barattoota aartii, naannoo Kharkiv magaalaa Derhachi keessatti, Waxabajjii 17, 2023, gamoo giddugala aadaa, haleellaa misaa’elaatiin rukutamee diigame fuulduratti alaabaa Yukireen qabattee fiigaa turte

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni tokko sirna eebba barattoota aartii, naannoo Kharkiv magaalaa Derhachi keessatti, Waxabajjii 17, 2023, gamoo giddugala aadaa, haleellaa misaa'elaatiin rukutamee diigame fuulduratti alaabaa Yukireen qabattee fiigaa turte

"Waraanni maalidha?" jechuun gaafattee, Yeevaan kan ganna 14, hiriyyoota ishee wajjin mana kitaabaa mana barumsaashee keessatti osoo taphattu.

"Waraanni xiyyaaroota, helikooptaroota, taankiiwwan, rookkeettii, boombii i diroonii akka ta'e nan beeka," jechuun xumurti.

Yevaan dhibee maraamartoo fi hanqina guddina sammuu giddu galeessa ta'e waliin kan dhalatte yoo ta'u, waraana jechuun kan namni tokko nama biraa miidhu jechuu akka ta'e hubatti, garuu kana caalaa baayyee hin beektuu jetti haati ishee Anaastaasiiyaa Paavlovaa.

Yeevaa Paavlovaa dirree taphaa keessatti seeqaa
Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni guutuun bara 2022tti jalqabee kaasee fayyaan sammuu fi haalli barnootaa Yeevaa itti hammaataa dhufeera jetti haatishee

"Hubannoo daa'ima waggaa shanii kan qabdu yoo ta'u, yeroo baayyee loltoota Yukireen namoota biroo waliin adda hin baaftu. Eenyu eenyuu waliin akka lolu guutummaatti hin hubattu," jechuun ibsiti.

Yeevaa fi haatishee magaalaa giddu galeessa Yukireen keessa jirtu Kryvyi Rih, Krivoy Rog jedhamuunis beekamtu keessa jiraatu.

Yeevaan mana barumsaa daa'imman fedhii barnoota addaa qaban 233 keessummeessuu keessatti baratti.

Yeroo akeekkachiiftuun ykn saayireniin haleellaa qilleensaa dhagaʼamutti, barattoonni hundi gamoo keessatti bakka boombii jalaa itti dhokatan keessa seenu.

"Yeroon sagalee guddaa dhaga'u hunda nan sodaadha," jetti Yeevaan.

"Achiniis, haatikoo kiniinii naaf kenniti, miira gaariin natti dhaga'ama."

Yeevaa Paavlovaa haadhaa Anaastaasiiyaa fi barsiiftuu ishee
Ibsa waa'ee suuraa, Yeevaan mana barumsaa daa'imman fedhii barnoota addaa qaban 233 keessummeessuu keessatti baratti

Erga waraanni guutuun bara 2022tti eegalee as fayyaa sammuu fi haalli barnootaa Yeevaa gadi bu'aa dhufeera.

"Yeroo haleellaan boombii rawwatamu, sadarkaan dhiphina Yeevaa ol ka'a, kunis dhukkuba of walaalanii kufuu kakaasuu danda'a," jetti haatishee. Haata'u malee sodaanshee guddaan magaalaan isaanii adda waraanaa ta'uu dandeessi kan jedhuudha.

"Yeevaan umuriinshee waggaa 14 yoo ta'u, akkuma shamarran umuriin walfakkaatu kaanii kamiyyuu bareedduu fakkaatti," jetti.

"Garuu hir'ina hubannoo sammuu qabdi. Sodaan koo inni guddaan gaaf tokko loltoonni Raashiyaa ishee miidhuu danda'u, yaadni sun ammoo rookkeettii kamiyyuu caalaa nama sodaachisa."

Baayyee saaxilamoo

Waraanni Yukireen keessatti geggeeffame fayyaa daa'ima hundarratti dhiibbaa hamaa geessiseera. Haata'u malee, akkuma rakkoolee biroo, daa'imman miidhama qaamaa qaban kanneen baay'ee miidhaman keessaa tokko jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Daa'immanii (UNICEF).

"Daa'imman miidhama qaamaa qaban ammoo keessumaa jeequmsa, buqqaatii fi yeroo dheeraaf dhiphinaaf saaxilamoo ta'u," jedha dhaabbatichi.

Erga waraanni guutuun jalqabee kaasee Yukireen keessatti namoonni 300,000 ol sababa miidhaa waraanaatiin walqabatee qaama kan miidhaman yoo ta'u, qaama miidhamtoonni miliyoona 1.8 gargaarsa namoomaa akka barbaadan dhaabbata walaba miti mootummaa kan ta'ee fi gareewwan leelliftoota qaama miidhamtootaa guutuu Awurooppaa bakka bu'u 'European Disability Forum' jedhamu ibseera.

Haati tokko ilma ishee qaama miidhamtuu waliin Pokorvsk irraa gara Bakhmut yeroo baqattu boossi.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qaama miidhamtoonni miliyoona 1.8 gargaarsa namoomaa akka barbaadan dhaabbata Qaama miidhamtoota Awurooppaa hime
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guutummaa Yukireen keessatti dhaabbileen hedduun daa'imman qaama miidhamtootaa fi maatiisaanii bakka nageenya qabu kennuudhaan, akkasumas deeggarsa xiinsammuu fi miiraa kennuudhaan deeggaru.

Dhaabbata akkasii keessaa tokko garee xiqqaa Kiiv keessatti argamu Litaay kan Vaaleentiinaa Uvaaroovaatiin hundeeffame yoo ta'u, haadha daa'ima qaama miidhamtuu taateedha.

Litaay, hiikni isaa afaan Yukireeniin "Balalii" jedhu yoo ta'u, daa'imman qaama miidhamtootaaf bakka baqannaa kan dhiyeessu yoo ta'u, waraana deemaa jiru akka dandamatan gargaara.

Bara 2014tti Luhansk, magaalaa naannoo Donbas kan Raashiyaan qabamte baha Yukireen keessa jirtu, baqattee kan turte Vaaleentinaa Uvarova nama biyya keessaa buqqaate taate. Qormaata guddaa baqattoonni waraanaa daa'imman qaama miidhamtoota guddisan mudatan sirriitti hubatti.

Karaa Litaayiin amma dubartoota birootiif gargaarsa namoomaa, koorsii barnootaa, fi wal'aansa aartii kennuudhaan, akkasumas daldala mataasaanii akka jalqaban gargaaruudhaan deeggarti.

Dhaabbatichi daa'imman qaama miidhamtoota ta'aniif qophiiwwanii fi imala ni qopheessa.

"Daa'imni kamiyyuu akka daawwataa qofatti osoo hin taane akka gootaatti fudhatama akka qabu itti dhaga'amuu qaba," jetti Uvaarovaa.

'Maatii haaraa'

Ji'a Guraandhalaa keessa guyyaa Dilbata qorraa tokkotti dubartoonni Litaay irraa ijoollee isaanii waliin magaalaa guddoo Yukireen Kiiv keessatti kaaffee tokkotti walitti qabamu.

Isaan keessaayis Naataaliyaa Gutnik, ganda xiqqoo naannoo magaalaa baha Yukireen kan amma Raashiyaa jala jirtu, Maariinkaatti argamtu irraa buqqaattee, ilma ishee ganna 12 Naazaar waliin achitti argamte.

Naazaar fi Nataliya Gutnik

Naazaar'n waraanni Yukireeniifi Raashiyaa bara 2014tti osoo hin eegaliin waggaa tokkoon funyaansaa eakkoo godhate dhalate. Waraanni waan inni beekuudha jetti haatiisaa BBCn.

''Ollaan keennya kallattiiwwan sadiin haleellaa irratti baname'' jechuun yaadatti. ''Haleellaan qilleensaa wali irraa hin citu ture. Waan lubbuun oolluu hin seene turre.''

Dhuma irrattis, tola ooltonni maatii ishee baasan. Boodarras ilmashee wajjin kophaashee gara Kiiiv kan deemte yoo taʼu, abbaan manaashee immoo magaalaa kan biraatti hojii argate.

"Amma, Naazaar yeroo hunda natti dhihoo turuu qaba. Yeroo hunda harka isaa qabachuu qaba. Du'uu ykn baduun danda'a jedhee sodaa guddaa qaba," jetti. "Wantoota keessa darbine hunda irraa kan ka'e, ammallee dubbachuuf rakkachaa jira."

Naazaar Gutnik kitaaba banee kaameeraa ilaalaa
Ibsa waa'ee suuraa, Amma Naazaar jechoota muraasaa fi hima gabaabaa qofa bulchuu danda'a

Amma Naazaar jechoota muraasaa fi hima gabaabaa qofa bulchuu danda'a. Dandeettiinsaa sirriitti dubbachuu jalaa badeera.

Naataaliyaadhaaf garuu qaama Litaay ta'uun deggersa qofa osoo hin taane isheedhaaf waan caaludha. "Maatii haaraa akkan argadhe natti dhagahama," jetti. "Asitti, abdii waliin qooddanna."

'Bakka ciminaafi jaalalaa'

Ilmi Tetiana Saienko kan ganna 12, Serhii bara darbe balaa bishaaniin liqimfamuu erga mudateen booda komaa duubatti hin deebine keessa jira. Laamsha'ee, of wallaalee, dubbachuus dadhabe.

"Apaartimentii gamoo 4ffaa irra jiraanna turre. Yeroo dhohinsi magaalattii raasu hundatti ollaan keenya hundi gara kutaa gamoo jalaatti fiigaa turan. Garuu ilmikoo baay'ee guddaa waan tureef baachuu hin dandeenye," jechuun Tetiana yaadatti.

Kanaafuu "Magaalattiin boombii yeroo haleelamtuutti siree isaa bira turuu malee filannoo biraa hin qabu ture."

Tetiana Saienko siree hospitaalaarratti ilmashee Serhii dhungataa
Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi Tetiana Saienko kan ganna 12, Serhii bara darbe balaa bishaaniin liqimfamuu erga mudateen booda komaa duubatti hin deebine keessa jira

Teetiyaanaan ilmasheetiif bakka nageenya qabu argachuuf abdii kutattee, garuu ammalleen dinqii abdachaa, gargaarsaaf harka ishee diriirsite.

Yeroo sanatti dhaabbata tola ooltummaa Yukireen kan naannoo daangaa Roomaaniyaatti argamu 'Chernivtsi jiru Misto Dobra' irraa deebii argatte.

Bara 2016tti Maartaa Levchenko'n kan hundeeffame dhaabbanni 'Misto Dobra' amma Yukireen keessatti dahoo daa'immanii osa guddaadha.

Dhaabbatichi daa'imman 280 kan qabu yoo ta'u, irra caalaansaanii maatii kan hin qabnesha. Gareen ogeeyyii fayyaa 73 of keessaa qabu isaan kunuunsaa jiru.

Daa'immanni gamoo Kaalynivkaa, kaabaa Kiiv'tti argamu fuuldura dhaabbatanii, Fulbaana 15, 2022.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman qaama miidhamtoota ta'an kanneen waraana Yukireen keessatti miidhaman keessaa tokko ta'uu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Daa'immanii (UNICEF) ibseera

"Yeroo jalqabnu dhaabbata keenya 'bakka jabinaa fi jaalalaa' jennee waamna turre," jechuun Levchenko BBC'tti hima.

"Daa'imman qaama miidhamtoota ta'an yeroo baayyee tibba waraanaatti hubannoo hin argatan, asitti garuu haala walqixeetti ilaalla. Kunuunsa wal fakkaatu, jaalala wal fakkaatu argachuun isaaniif mala. Hunda isaanii akka ijoollee keenyaatti ilaalla," jetti.

Tetianaanis kanaan waliigalti. Serhii dubbachuu kan hin dandeenye ta'us, harka gaarii keessa akka jiru itti dhaga'ama, yeroo hunda masaajii fi yaala argachaa jira.

"Innis akka asi jaallatu nan amana. Fayyaa fakkaata, ulfaatinni qaamaasaa dabaleera. Waggootaan booda yeroo jalqabaatiif abdiin waa'ee egeree natti dhaga'ama," jetti.