Facebook waraana Itoophiyaa 'hammeessuun' Keeniyaatti himatamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddiichi abbaa qabeenyaa Facebook, Meta'n waraana Tigraayiitti mudatee booda naannooee ollaa Amaaraa fi Affaariitti babal'ate keessaa ga'ee qaba jedhamuun Keeniyaa keessatti himatamu akka danda'u manni murtii olaanaa Keeniyaa murteesse.
Meta waraanaan hamaa lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amaniifi qabeenyaa hedduun ittii bade keessatti qabiyyeewwan gara ajjeechaa fi okkoraatti geessan beeksiiseera jedhamuun kan himatame yoo ta'u, himannaa kana ilaaluudhaaf manni murtii olaanaa Keeniyaa aangoo akka qabu murteessuu isaa Amanasti Intarnaashinaal irraa Maandii Mudaariikwaa Kamisa kaleessaa Ebla 3, 2025 ibsan.
''Murteen kunis dhaabbilee teknolojii gurguddoo sarbama mirgoota namaatiif gummaachan itti gaafatamoo gochuudhaaf tarkaanfii gaariidha.
Kan haqaaf daandii banuu fi yeroo dhaabbileen teeknoloojii gurguddoonni itti gaafatamummaa jalaa miliqan darbuu isaa kan agarsiisuudha'' jedhan
Facebook tibba waraanaa Tigraayiitti ergaawwan jibbaa fi walitti bu'iinsa kakaasan tamsaaseera jedhamuudhaan beenyaa doolaara biiliyoona lamaa akka kanfaluuf himannaan kan irratti baname waggaa lamaan dura baatii Muddee keessa ture.
Gareewwan seeraa Meta gamasaanitiin, dhaabbatichi sababii kan Ameerikaa keessatti galmaa'e ta'ef dhimmichi Keeniyaa keessatti ilaalamu hin qabaatu jechuun falmaa turan.
Dabalataanis sarbamiinsi raawwatamaniiru jedhamanis sababii Itoophiyaa keessatti raawwatamaniif Keeniyaa keessatti ilaalamu hin qaban jechuun yaada falmii dhiyeessanii kan ture yoo ta'u, manni murtii Keeniyaa himannicha ilaaluudhaaf aangoo seeraa qabaachu mirkanneessera.
Kanneen Keeniyaatti dhaabbata Meta himatan keessaa tokko Abrihaam Maa'irag kan waraanaa Tigraay keessatti sababii barreeffama Fecebook irratti maxxanfameetiin Abbaan isaa jalaa ajjeeffame tokkoodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baahirdaar Yunivarsitiitti barsiisaa kan turan abbaansaa Pirofesar Maa'irag Amaara, sababii barreeffama saba isaarratti xiyyeeffachuun Facebook irratti maxxanfameen rasaasaan ajjeeffaman jedha himannichi.
Barreeffamni sunis kan maqaa fi teessoo pirofessar Maa'irag qabate akkasumas akka ajjeeffamuuf waamicha kan taasisu ture.
Osoo abbaansaa hin ajjeefamiin dura Abrihaam barreeffamoonni kunneen akka kaafamaniif Facebook'tti gabaasa taasisulleen miidiyaa hawaasaa kun barreeffamicha kaasuuf hayyamamaa akka hin turre himannichaan kaafameera.
Namoonni ajjeechicha raawwatanis namoonni karaa sana darban Pirofesar Maa'irag akka hin gargaarreef sababii akeekkachiisaniif eenyumtuu isaan oolchuuf hin yaalle.
Pirofeesar Maa'irag erga rasaasni itti dhukaafamee sa'aatiiwwan torbaan booda ALI Onkololeessaa 24, 2014 lubbunsaanii darbe.
Facebook'n Abrihaamiif deebii kan kennee erga inni gabaasa taasisee torbanoota sadiin booda, erga abbaansaa ajjeeffame guyyoota saddeetiin booda ture.

Madda suuraa, FOXGLOVE
''Fafebook'n osoo haasaa jibbiinsaa to'atee fi barreeffamoota fuula isaarratti maxxanfaman haalaan qulqulleessee ture abbaankoo hin ajjeeffaman ture'' jechuun ture Abrihaam BBCtti kan dubbate.
Abrihaam jecha mana murtiitti kenneen, algorizimiin Facebook ergaawwan ''jibbiinsaa fi walitti bu'iinsa kakaasan'' akka beeksiisan dubbateera. Ergaawwan walfakkaatanis hirmaannaa fayyadamtootaa waan dabalaniis akka hin buufamne dabaluun dubbateera.
Himataan gara biraa qorataa dhaabbata Amanastii Internaashinaal kan turan Obbo Fisihaa Takleeti. Obbo Fisihaan waraanaa Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefame keessatti hojii mirga namoomaa Itoophiyaatti hojjataa turaniif haleellaawwan keessumeesseera.
Keeniyaa kan jiraatan Obbo Fisihaan sababii qabiyyeewwan Facebook'n tamsa'anitiin nageenyaasaaniitiif sodaatanii akka turan ibsan.
Lammiileen Itoophiyaa lamaan kanneeniin alatti dhaabbanni Keeniyaatti mirgaaf falmus Meta irratti himannaa dhiyeesseera.
Himattoonni kunneenis jibba Facebook irratti tamsa'een wal qabate miidhaa qaqqabeef beenyaa doolaara biiliyoona lamaa akka kanfalamuuf akkasumas algorizimii Facebook irra jijjiramni akka taasifamu gaafatan.
''Sarbamoota mirgaa dhaabbileedhaan biyyoota hedduu keessatti raawwatamaniitiin namoonniifi gawaasoonni miidhaman baayyeen haqa argachuuf rakkatu. Dhaabbileen akka Met'a jiran waliigaltee tajaajilsaaaniitti fayyadamuun aangoo argama manneen murtii daangeessuudhaan miidhamtoota hedduu bira akka hin qaqabne taasisuuf yaalu'' jedhan Maandii Mudaariikwaan.
Meta'n barreeffamoonni walitti bu'iinsa kakaasanii fi jibbi jajjabeessan akka tamsa'aniif waltajjii ta'udhaan waraanni sukkanneessaa akka itti fufuuf gahee baheera jechuun himannaan irratti dhiyaate.
Kanaanis Facebook qabiyyeewwan walitti bu'iinsa kakaasan akka fayyadamtoota bira gahan taasisuu dabalate sababii badiinsa lubbuu namootaa ta'era jedhamuun himannaan irratti dhiyaate.
Gaaffii qaamooleen himannaa dhiyeessan kunnneen gaafatan keessaa tokko, kanneen sababii qabiyyeewwan haasaa jibbiinsaa fi kan walitti bu'insa kakaasanitiin miidhaan irra gaheef beenyaa doolaara biiliyoona 1.6 fi dabalataan ammoo miidhaawwan qabiyyeewwan Facebook ispoonsara ta'eefiin qaqabaniif beenyaa doolaara miiliyoona 410 akka kanfalu kan jedhuudha.












