Paayileetii Yuukireen Sudaan Kibbaatti rasaasaan haleelamuun xiyyaara haala ajaa'ibaan qubachiise

Madda suuraa, Ukranian helicopters
Kaappiteen Seerhii Muuziyaakaa hojii xiyyaara balaliisisuu tokko jedhee kan jalqabe wagaa 43 dura Sooviyeet Raashiyaa jedhamuun yeroo sana kan beekamtu keessatti ture.
Lammii Yuukireen yoo tahu yeroo sooramatti dhiyaachaa jiruu kanatti garuu xumurrikoo kana taha jedhee yaadee hin beeku. Waan Sudaanitti isa mudate ammayyuu abjuu, akkasumas fiilmii itti fakkaata.
Ga'eessa waggaa 60 kun ergama nagaa kabachiisaa UN'f Sudaan Kibbaa osoo jiruu waan baay'ee ulfaataa fi takkaa na mudata jedhee hin yaadne keessa gale.
Yeroo tajaajila loltummaa waggaa Yuukireeniif kennaa turetti iddoowwan baay'ee ulfaatoo akka Afgaanistaan keessatti ergamee haala gaarii taheen xumuree deebi'eera.
Akka dhuunfaattis waliigaltee raawwachuun oppireeshinii baay'ee ulfaatoo jedhaman bahatee beeka.
Isaan keessaa tokko bara 2015 oppireeshinii namoota balaa xiyyaaraan miidhamanii fi lubbuun hafan Somaaliyaa keessaa baasuuti.
Garuu oppireeshiniin Sudaan Kibbaa Naannoo Apper Naayil, buufata waraanaa Naasir jedhamu keessaa loltoota hleelamanii madaa'an baasuu isa dhiyeenya yaadatamuu fi ulfaataa jedhamu gara biraati.
Akkuma inni xiyyaara isaa qabatee loltoota madaa'an achii baasuuf qubateen dhukaasni irratti baname. Garee balalistotaa isa waliin turan haleelamuun ajjeefaman. Loltoonni Sudaan Kibbaa hedduu lafa sana isa waliin turanis haleellaa isaanitti banameen lubbuu isaanii dhabana.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaappiteen Seerhii Muuziyaakaa dhukaasuma kanaan haleelamee madaa'eera.
Haaluma raajii nama jechisiisuun garuu irree isaa irraa dhahamee osoo jiruu xiyyaarittii kaasuun achii bahuuf qajeele. Isa qofa osoo hin taane xiyyaarri balaliisisuus haleelamuun miidhaan irra gaheera.
Akkasis tahee muuxannoo fi kutannoo qabuun xiyyaarittii kaasee loltoota hafan qabatee bakka nagaa qabeessa qubachiise.
Viidiyoo gabaabduu bilbila harkaa isaan kutaa balaliisiisaa keessa taa'ee of waraabe rasaasaan dhahamee dhiigaa jiraachuu isaa agarsiisa.
Foddaan xiyyaarichaa caccabeera. Kutaan to'annoo inni keessa taa'u dhiigaan guutameera. Isaa fi gargaaraan isaa xiyyaarittii lafarraa xiqquma ol kaasuun balali'anii achii bahan.
''Fiilmii natti fakkaata,'' jechuun BBCtti hime. Ammallee naasuun isaa isarraa hin galle.
''Waanuma abjuudhaan na mudate natti fakkaata,'' jedhe. Balaliisisiaan kun dhaabbata Helikoopteroota Yuukireen jedhamuuf hojjeta.
Taateen kun akkasiin raawwate.
Dhaabbanni UN loltoota haja madaa'anii jiran akka baasuuf dhaabbata dhuunfaa Helikoopteroota Yuukireen jedhu waliin waliigale. Loltoota dhukaasa irratti madaa'an keessaa tokko jeneraala tokkoo fi namoota biroo lama jaarsummaaf isa waliin turanidha.
Biyyi dhiyeenya walabummaa ishee labsite Sudaan Kibbaa ammas gara waraana walii waliinii hamaatti akka hin galleef garee UN bobbaase jaarsummaa taa'aa turan.
Yeroo gareen kun deemu ammoo loltoonni ergama nagaa kabachiisaa UN'f ramadamanii achi turan nageenya isaanii akka kabachiisaniif bobbaafamaniiru.
Waraanni walii waliinii Sudaan Kibbaa akka isheen biyya taateen waggaa sadiin booda ka'e lubbuu namoota 40,000 galaafachuun waggoota shaniif ammoo itti fufe.
Pirezidaanti Saalvaa Kirii fi itti aanaa isaanii Reek Maachaar diina walitti godhe.
Lameenuu gosa isaanii irraa deeggarsa qabu. Gaggeessitoonni lameen bara 2018 waraanicha dhaabuuf waliigalan. Akkaataa wlaiigaltee isaanii kanaatti humna waraanaa gama lamaaniin jiru bakka tokkotti fiduun humna waraanaa biyyattii akka tahan gochuu ture.
Tibbana walitti bu'insi buufata waraanaa Naasir keessatti mudate ammoo sababa harkifannaa waliigaltee kanaan wal amantaa dhabuun gidduu isaanii jiraachuu agarsiisa.
Naannicha ammoo hidhattoota Waayit Armii [Humna Adii] jedhutu buufata.
Yeroo waraana walii waliinii sana gareen kun Rek Maachar deeggaruun lolaa turan.
Hawwaasni naannichaa humna waraanaa idilee irraa amantaa waan hin qabneef humni waraanaa garee lamaan irraa ijaarame akka bobbaafamuuf gaafataniiru.
Haa tahu malee ji'a darbe loltoonni idilee biyyichaa bobbaafaman. Reek Maachaar kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana dura galle kan cabsudha jechuun balaaleffate.
Kun ammoo walitti bu'insi jabaan akak ka'u taasise. Saalvaa Kiir akkuma barame loltoota wal jijjiirudha malee waan haaraa miti jedhus haalichi yeruma gabaabaa keessatti jijjiiramuun hidhattoonni Waayit Armii jedhaman gaafa Bitootessa 4 buufata waraanaa mootummaa to'atan.
Yeroo kanadha egaa kaappiteen Kaappiteen Seerhii Muuziyaakaa fi gareen isaa akka loltoota marfaman baasaniif kan waamaman.
Gaafa Bitootessa 6, 2025 bakka dhaabbata UN'f adda bahetti bu'uun namoota kudhan achii baasanii nagumaan deebi'an.
Guyyaa itti aanus nagumaan deebi'anii deeman. Hanga namoonni isaan achii baasuuf deeman xiyyaara galuu jalqabanitti haalli hundumtuu karuma nagaa deemaa ture.
Kanuma gidduutti dhukaasni yoo banamu waanuma taheyyuu hubachuu hin dandeenye jedhe balaliisisaan xiyyaarittii.
Waan hamaan akka mudate kan galeef garuu yeroo dhiigni irree isaa irraa dhangala'uu argedha.
Kana gidduutti to'ataan balalii isa waliin ture Sergii Pirihoodkoo tokko osoo nama UN bakka bu'uun jaarsummaaf deeme fuuldura dhaabbatuu rasaasaan dhahamuu arge.
Yeroo kanadha balaa hamaa akka isaan mudate hubachuun muuxannoo waraana keessatti qabu fayyadamuun tarkaanfii itti aanu kan fudhate.
''Fuulduraan, karaa miraa fi bitaas dhukaasni nurratti baname. Yeroo kana helikoopterakoo hamma danda'e ariitiin ol kaase..''
Akkuma xiyyaaricha xiqqoo ol kaaseen loltoota lafatti kukkufan hedduu karaa foddaa arguu hime.
''Waan mudate jechan ittiin ibsu hin qabu. Keessumaa daqiiqaa dhukaasni jalqabee hanga xiyyaarittii ol kaasu gidduu sekendoota jiran ibsuun ulfaataadha.''
Fuulleen xiyyaarichaa hanga samiiti ol ka'utti rasaasaan dhahamaa ture. taankeriin boba'aa dhahamuun miidhameera.
Kaayyoon isaanii buufata xiyyaaraa magaalaa naannichaa keessaa Malakal gahuu ture. Inni ammoo sa'a tokko fagaata. Kookpiit bakka kaappiteeniin taa'u keessaan yoo ilaalu haalichi ulfaataadha.
''Siistemoonni xiyyaarichaa gariin miidhamaniiru. Bakka gommaa xiyyaarichaa fi kaanis miidhameera.''
Balalii irra osoo jiranii carraan xiyyaarri kun kufee caccabuu guddaa tahuu kan hubate kaappiteenichi hamma danda'e gara lafaatti gadi siqee meetira 100 irratti saffisa guddaan balaliisisaa ture.
Haala kanaan yoo balaan mudate sekendii 20 keessatti ariitiin qubachuu haala danda'an mijeesse.
Gareen isa waliin jiran ammoo lafa mukti hin jirre akka isaaf ilaalan itti hime.
Yeroo kana injiinerri balalicha irra ture tiishartii isaa fayyadamee irraa kaappiteenichaa dhiigaa ture hidheefii akka dhiigne isaa dhangala'aa ture dhabbatu godheef.
Viidiyoo irraa akka mul'atutti tiishartii baqaqsanii irree isaa gubbaa hidhamuun dhiigni taa'umsa isaa kofoo isaarra guutee mul'ata ture.

Madda suuraa, Ukranian helicpters
Namni kaappiteenicha gargaaraa tures madaa'eera. Karaa foddaa yeroo itti dhukaafame sana caccabaan isaa darbamee kan isa muredha malee.
''Karaa harka mirgaa isaa isa dhukkubaa ture'' jedhe kaappiteen Muuziyaakaan.
Garuu akkuma gara buufata xiyyaaraa Mlakalitti dhiyaachaa dhufaniin rakkoon isaan mudate.
Gommaan xiyyaarittii gara fuulduraa jiru qubachuuf yoo yaadan gadi hin bahu. Dhukaasicha keessa haleelameera.
Xiyyaarittiin rasaasa 20'n reeamteetti. Abidda sana keessaa xiyyaara qabatee bahe kana balalii ajaa'ibaa daqiiqaa 49 booda nagumaan qubachiise.
''Aara galfii guddaadha,'' jedhe. Erga qubachiiseeti akka rukutameeru dhukkubbiin guddaan kan itti beekame. Waanuman hirriba wayii keessaa dammaqe natti fakkaata jedhe.
Yeroo balaliisisaa humna waraanaa tahee hojjete al takkaa qofa bara 1987 Afgaanistaan keessatti dhukaasni isarratti banamee ture.
Balalii halkanii irratti rasaasa na bira darbaa ture argaan ture jedhe.
Akuma buufata xiyyaaraa Malakal gahaniin isaa fi gareen Sudaan Kibbaa isa waliin turan mana yaalaa galfaman.
Haa tahu malee to'ataa balalii isa waliin ture Piriikhoodoo lubbuun oolchuu hin dandeenye. Miidhaa ira gaheen boqate.
''Amanuu hin dandeenye'' jedhe.
Dhaabbanni isaanii badhaasa UN olaanaa argate. Hoganaan ergama UN Sudaan Kibbaa haleellichi akka seera idil-adunyaatti yakka waraanaa of keessaa qaba jedhan.
Miiltoo isaanii of biraa dhabuu akkasumas biyyi isaanii Raashiyaa waliin waraanatti jiraachuu yoo yaadu ammoo gaddi isaa guddaadha.
Kaappiteen Muuziyaakaan yaalaaf gara biyya isaa Yuukireen deemeera. Soorama bahuu gaheera. Garuu ammas ciminni waan natti dhagahamuuf balaliisuu ittan fufa jedhe.












