Awurooppaan qabsoof qophaawuu qabdi- MM UK Kiir Istaarmar

MM UK Kiir Istaarmar

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri muummee UK Kiir Istaarmar, Awurooppaan uummata ishee, duudhaa ishee fi haala jireenyaa ishee tiksuuf jecha qabsoof of qopheessuu qabdi jechuun waltajjii nageenyaa Muunik kan hoggantoonni addunyaa irratti hirmaatanirratti dhaaman.

Sanbata duraa Kora Nageenyaa Muunik irratti haasawa kan godhan Istaarmar, UK fi Gamtaa Awurooppaa gidduu hariiroo cimaa fi tumsi akka jiraatu waamicha dhiyeessan.

Awurooppaan "Of dandeessee" akka dhaabbachuu qabdus hubachiisan.

Yunaayitid Kingdam yaaddoo Raashiyaa irraa itti aggaa'amu qolachuuf carraaqii godhamu cimsuuf jecha humna galaanarraa cimaa dha ta'e gara arkitikii fi kaabaa olaanaa akka bobbaaftu ibsan.

Istaarmar 'Kaaba Olaanaa' (High North) jechuun kan ibsan bantii kaabaa ibsuuf moggaasa dhimma itti bahamu yoo ta'u, bakki kun bantii arkitikii fi dhiyoo naannawa sanaa iddoowwan jiran dhuunfata.

Riijinii kanatti balaa Raashiyaa aggaamame qolachuuf carraaqqii godhamu keessatti Ameerikaa, Kaanaadaa fi michuuwwan NATO akka hirmaatan ibsan.

Waraana Yukireen xumuruuf gara fuulduraatti waliigalteen erga raawwatameen booda humna Raashiyaan waraanaa ishee "saffisaan" akka cimsattu ministirri muummee Istaarmar dubbatan.

Kanaaf jecha awurooppaan "haleellaa hambisuuf" yoo dhalates lolanii qolachuuf qophii ta'uu qabdi jedhan.

"Humna jabaa ijaarrachuu keenya ta'e qabna, sababni isaas bittaa fi gurgurtaan[humna waraanaa] jabana kanaa waan ta'eefi" jechuun hogganoota awu.

Asiin dura Pireezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp biyyoonni awurooppaa akkaataa qajeelfama NATO keewwata shaniitiin biyya haleellaan irra gaherraa irraa qolatuuf waadaa galan ni raawwatuu jedhee gaafatee ture.

Qajeelfamoota bu'uuraa NATO keessaa tokko kan ta'e keewwannin shan, biyya miseensa NATO taate takka ykn sanaa olirratti haleellaan banamu haleellaa miseensota hundumarratti banamu godhamee akka fudhatamu tumameera.

Gamtaan NATO bara 1949 kan hundaaye yoo ta'u, baba'ifannaa Raashiyaa (Gamtaan Sooviyeetii duraanii) gara awurooppaa godhu qolachuuf hundeeffame.

Miseensota biyyootaa 32 qaba.

Doonii waraanaa Biriitish xayyaarota lolaa baattu, kan naannawa Arkitikii to'atti jedhamtu

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa Biriitish xayyaarota lolaa baattu, kan naannawa Arkitikii to'atti jedhamtu

Gaaffii shakkii of keessaa qabu kan Tiraampi kaase laaffisuuf kan yaalan Istaarmar, Yunaayitid Kingdam keewwata 5 qajeelfama NATO'f kutannoon qabdu "akkuma yeroo kamiiyyuu cimaa dha" akka ta'e dubbatan.

"Shakkiin akka isin hin seenne, yoo waamamne Yunaayitid Kingdam har'uma isin gargaaruuf ni dhufti" jedhan.

Istaarmar dura kan dubbatan pireezdaantiin komishinii gamtaa awurooppaa Ursullaa voon deer Leeyen Istaarmar yoo ibsan, "michuu fi fira cimaa hin daddaaqne" jedhan

Gamtaan Awurooppaa fi Yunaayitid Kingdam "humna alaa gamtaa isaanii keessaan akka diigamu yaalaniin" balaan irratti aggaamame jedhan.

Sababa tarkaanfii Ameerikaa Awurooppaa haalli hin eegamne ishee mudachuu kan ibsan pireezdaantittiin ardittiin of eeguuf irra caalaa gaafatamummaa fudhachuu akka qabdu hubachiisan.

"Awurooppaan of duratti deemuu fi gaafatamummaa ishee bahuu qabdi " jedhan.