US Raashiyaafi Yukireen Waxabajji dhuftu waraana akka dhaaban barbaaddi - Zelenskii

Madda suuraa, State Emergency Service of Ukraine
Pireezidantiin Yuukireen Vooloodmiir Zelenskii Ameerikaan waraannii Yukireeniifi Raashiyaa Waxabajjii dhuftu akka dhaabbatu barbaaddi jechuun biyyooti lamaan torbee dhuftu mariidhaaf US'tti akka waamaman hime.
''Ameerikaan yeroo jalqabaaf qaamoti marii lamaan- Yukireeniifi Raashiyaan Ameerikaa Maayaamiitti torbee dhufu akka wal argan barbaaddi. Nu akka hirmaannu mirkaneessineerra,'' jedhe.
Dhimma kanarratti Waashingitan ykn Moskoo irraa waanti jedhame hin jiru. Tahus Pireezidant Tiraaamp erga gara aangootti dhufee lolli kuni akka dhaabbatuuf tattaafachaa ture.
Raashiyaan garuu bu'uuraalee misoomaa annisaa haleeluu itti fufuun Yukireen keessatti ibsaan akka dhaamu gochuun namoonni qorra hamaa keessatti mana isaanii ho'isuu rakkachaa jiru.
Marii marsaa lammataa gidduugaltummaa Ameerikaan Abu Daabiitti biyyoota lameen gidduu torbee darbe geggeefame firii otoo hin argamsiisiin xumuramuu Zelenskiin Sambata kaleessaa gaazexeessitootatti himeera.
Zelenskiin ''dhimmooti jajjaboo ammallee hin geeddaramne,'' kunis waliigaltee daangaa, Yukireen akka fudhattu dhiibbaan irratti taasifamaa jiru dha.
Mariin hogganoota gam-sadee yeroo jalqabaaf geggeefamuu akka danda'u himuun garuu ''kanaaf dhimmooti murteessoo barbaaachisan jiru,'' jedhe.
Waliigalteedhaaf daangaan yeroo kennameera yoo taheef gaafatamnaan hogganaan Yukireen kuni ''warri Ameerikaa waan hundi Waxabajji dhuftu akka goolabamu barbaadu,'' jedheera.
Waxabajjii kan jedhaniif ammoo dhimmi biyya keessaa Ameerikaa waan jiruufi Sadaasa dhuftu filannoon taasisan madaala aangoo Ameerikaa irratti dhiibbaa ni qabaata, isas ni hubannaa jedhee Zelenskiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dippiloomaasiin itti fufus Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa aannisaa Yukireen haleeluu hin dhaabne.
''Yakkamtoonni Raashiyaa bu'uuraalee misoomaa Yukireen irratti haleellaa jabaa geggeessaniiru,'' jedhe ministarri annisaa Yukireen Deenys Shamyahaa ergaa Teeleegiraam irratti barreesseen.
Yukireen keessatti namoonni 6,000 tahan yeroo Raashiyaan haleellaa raawwattu ibsaa dhabu.
Kiiv keessatti jiraattoonni buufata baaburaa keessa fa'a bulaa jiru. Isaan keessaa tokko kan tahe Oksaanaa Kaaykaateenkoo ''warri Raashiyaan namaa gaditti akka jiraannu, ibsaafi ho'a malee akka jiraannu nu gochaa jiru,'' jedhe.
Yukireenis akkasuma Raashiyaa keessatti warshaalee boba'aa oomishan kan lixa biyyattii bulchiinsa Tiveer keessatti argamu haleelushee miidiyaaleen qondaalota nageenyaa Yukireen eeruun gabaasaniiru.
Buufata boba'aa bulchiinsa Saaraatoov jedhamu keesstti haleelamuus Yukireen ibsiteetti.
Raashiyaan haleellaa Yukireen raawwataa jirtu kanaaf deebii hin kennine.
Sababa qorra hamaa Yukireen keessa jiruun Donaaldi Tiraamp Raaashiyaan humnoota aannisaa haleeluu yeroof akka dhaabuuf gaafannaan hojiirra oolchitee ture. Wiixata darberraa qabee garuu haleellaatti deebiteetti.
Dhaabbanni aannisaa irratti hojjetu DTEK haleellaan misaayelaa bara kana Raashiyaan raawwatte bu'uuraalee annisaa irratti ''miidhaa jabaa qaqqabsiise,'' jedhe.
''Moskoon qorraan Yukireen miidhuuf humni fayyadamtu irraa molqamuu qaba,'' jechuun Zelenskiin X irratti Sambata darbe barreesse, yeroo haleellaa Raashiyaa boodanaaf deebii kennetti.
Raashiyaan gama biraan Yukireen nagaa waarawaa fiduudhaaf kutattuu miti jechuun himatti.
Ministarri Hajaa Alaa Ameerikaa Sergee Laavroov Yukireen jeneraala Raashiyaa olaanaa haleeluun ''adeemsa marii nagaa gufachiisuu barbaaddi, '' jedhan.
Tahus hamma yoonaa jeneraalicha eenyu akka haleele hin beekamne.
Loltoonni Yukireen 55,000 erga Raashiyaan bara 2022 weerartee qabee ajjeefamaniiru jedhe Zelenskiin torbee darbe.
Gama Raashiyaan namoonni lola irratti hirmaatan 160,00 ajjeefamuu BBC'n mirkaneesseera.












