Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma simbirrootu balaa xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaa qaqqabsiisee?
Aanga'oonni Kooriyaa Kibbaa balaa xiyyaaraa biyyattiitti Dilbata darbe mudateen lubbuun namoota 179 erga darbee booda, qorannoo hatattamaa gaggeessaa jiru.
Xiyyaarichis qubachuuf sa'aatii muraasa dura, to'annoon tiraafikaa qilleensaa haleellaan simbirrootaa jiraachuu mala jedhee akeekkachiisa kennee ture.
Qorannoon kunis haleellaa simbirroonni balaa kanaaf sababa ta'uusaa, ykn wantoonni biroo jiraachuu mirkaneessuuf gaggeeffama.
Haleellaan simbirroo maali?
Halleellaa simbirroo jechuun simbirroo fi xiyyaarri balali'aa jiru walitti bu'uu jechuudha.
Simbirroonni yoo mootorri jeettii keessa seenan sababii humna dhabuuf xiyyaarota irra balaa geessisuu danda'a. Rukutaan simbirootaa ammoo baay'ee baramaadha.
US keessatti, bara 2023tti haleellaan bineensota bosonaa 19,600 ol Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaatti kan gabaafame yoo ta'u, harki caalaansaanii simbirroota kan ilaallatudha.
Akkasumas UK keessattis bara 2022tti haleellaan simbirroonni 1,400 ol kan raawwataman yoo ta'u, isaan keessaa gara 100 qofatu xiyyaarota miidhe jedha ragaan Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii.
Rukuttaan simbirrootaa hangam balaa qaba?
Haleellaan ykn rukuttaan simbirrootaa kufee caccabuu xiyyaaraa hanga lubbuu balleessuutti kan dhiyaate baayyee xiqqoodha.
Yoo simbirroonni keessa galan mootarri xiyyaaraa dhaabbachuu ykn cufamu danda'a.
Haata'u malee, balalistoonni yeroo akkasiitti tilmaamuun atattamaan qubachuuf yeroo qabu.
Balalistonni keessumaa ganama barii ykn yeroo aduun lixxu, yeroo simbirroonni baay'ee socho'anitti dammaqinaan akka of eeggataniif leenji'u jedhu ogeessi aviyeeshinii Pirof. Daag Dirurii, barreeffama barruu The Conversation'f jedhuuf barreessan keessatti.
Haata'u malee, balaan lubbuu namootaa galaafatu sababii haleellaa simbirrootaan ni mudata.
Akka Aviyeeshiniin Federaalaa ibseetti, bara 1988 fi 2023 gidduutti US keessatti xiyyaaronni bineensota bosonaa waliin walitti bu'uun wal qabatee namoonni gara 76 ta'an du'an.
Taatee beekamaan tokko, balaa bara 1995tti naannoo buufata humna qilleensaa Alaaskaatti mudatedha.
Xiyyaarri erga hoomaa simbirroo waliin erga walitti bu'ee booda miseensonni humna qilleensaa Kaanaadaa fi Ameerikaa gara 24 ta'an ajjeefaman.
Haleellaan bara 2009tti simbirroonni balaa "Miracle on the Hudson" jedhu kan fide yoo ta'u, xiyyaarri Eerbaasii homaa simbiroo waliin erga walitti bu'ee booda laga Hudson Niiw Yoork'tti gore.
Haata'u malee, imaltoonnii fi hojjettoonni xiyyaarichaa 155 hundi lubbuun hafaniiru.
Taateewwan kunneen fiilmii Sully bara 2016 jedhamu keessatti kan hojjetaman yoo ta'u, fiilmii kana keessatti Tom Haankis akka balaliisaa xiyyaara Chesley "Sully" Sullenberger taphate.
Balaan Kooriyaa Kibbaa simbirroon mudatee?
Xiyyaarichi dhuguma simbirroota waliin walitti bu'uufii dhiisuu qondaaltoonni ammatti hin mirkanneessine.
Haata'u malee, imalaan xiyyaaricha keessa ture tokko maatiisaatiif barreeffama ergeen, ''simbirroon baallii xiyyaaraa keessa galtee jirti'' waan ta'eef, xiyyaarichi qubachuu dadhabe jechuu miidiyaalee biyya keessaa gabaasan.
Hogganaan kutaa balaa ibiddaa Mu'aan, Lee Jeong-hiyun, akka jedhanitti, haleellaa simbirrootaafi haalli qilleensaa hamaan balaa kanaaf kan gumaache ta'uu danda'a, garuu sababni sirrii ammallee qoratamaa jira.
Ogeessi aviyeeshinii Kiriis Kiingiswuud, balaliisaa xiyyaaraa muuxannoo waggoota 40 ol qaban xiyyaarichi meeshaa qubannaa kan hin qabnee fi karaa eegameen 'flaps' isaa akka hin fayyadamne eeruun, "wanti hundi dhuguma battalumatti akka ta'e" agarsiisa jedhan.
''Akka idileetti motora lama yoo dhabde haala akkasii keessa seenuuf dirqamta,'' jechuun BBC'tti himan.
"Xiyyaarri daldalaa motora tokkoon haala gaarii fi nagaa ta'een balali'uu ni danda'a."
Itti dabaluudhaanis, balaliistonni olka'iinsa gadi aanaa irratti argaman ''yeroo baayyee gabaabaa keessatti murtee guddaa'' waan isaan mudatuuf, yoo haleellaan simbirroo motora lamaan miidhe olka'iinsi murteessaadha jedhan.
Yoo motorri hojii dhaabuutti sirni biraa qaama qubannaa hojjechisuuf gargaaru akka jiru dubbatan.
Haata'u malee, akka Kingiswuud jedhanitti: "xiyyaarichi yoo olka'iinsa xiqqaa, miila kuma hedduu qofarra yoo ta'e, dhuguma xiyyaaricha balali'uu fi bakka nageenya qabu argachuu irratti xiyyeeffachuu qabu."
Ogeeyyiin biroo ammoo dhuguma haleellaa simbirroon qofti balaa kana fideeraa laata jechuun gaaffii kaasaniiru.
''Haleellaan simbirrootaa waan hin baratamne miti, rakkoon garaa jala xiyyaaraa waan hin baratamne miti,'' jechuun gulaalaan Daandii Xiyyaaraa Niiwusii, Jeefrii Toomaas Rooyitarsiitti kan himan.
"Haleellaan simbirrootaa yeroo baayyee kan mudatu yoo ta'u, akkaataa idileetti garuu isaan qofti xiyyaara akka badu hin godhan," jechuun dabalanii.
Ogeessi nageenya daandiiwwan xiyyaaraa Awustiraaliyaa Jeefrii Deel dhaabbata oduu kanaatti akka himanitti, ''haleellaan simbirroonni gommaan xiyyaaraa akka hin baanee dhorku argee hin beeku''.
Simbirroonni yoo keessa seenan hoomaan simbiraa motora xiyyaarichaa irratti dhiibbaa uumuu danda'u, garuu kallattiidhaan hin cufan ture, jechuunis balaliistonni haala kana to'achuuf yeroo ni argatu ture jedhan.