Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Murtii Olaanaa VOA tajaajilatti akka deebi'u ajaje
Manni murtii federaalaa bulchiinsi Tiraampi carraa hojii VOA keessaa cufe hundaafi deeggarsa maallaqaa irraa dhaabee ture akka deebisuuf ajaje.
VOA qofa osoo hin taane miidiyaalee deeggarsa maallaqaa karaa US argataa turaniif amma tajaajilichi akka kennamu ajaje. Manni murtichaa VOA diiguun seeraa fi heera biyyattii kan cabsedha jedheera.
Hojjettoonni VOA 1,300 tahan isaan keessaa gaazexeesitoonni 1,000 tahan murtoo Tiraampiin hojiirraa dhorkamuun boqonnaa waggaa akka bahan tahaniiru.
Waayit Haawus VOA ''farra Tiraampii'' fi ''mankaraarsaa'' jechuun ibse.
Sagantaan Raadiyoo VOA yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa piroopaagaandaa Naazii qolachuuf jecha hundaa'e.
Tamsaasi isaa afaanota adda addaan yoo tahu addunyaa guutuutti tamsa'a.
Murtoo Tiraampi hordofee seenaa dhaabbatichaa waggaa 80 keessatti yeroo jalqabaaf osoo sagantaa hin tamsaasiin ture.
Abbaan seeraa Rooyis Laambeerti bulchiinsi Tiraampi ''osoo miidhaa inni hojjettoota, kontiraakteroora, gaazexeessitootaa fi fayyadamtoota miidiyaa irratti qabu xiyyeeffannoo keessa hin galchiin fudhate,'' jedhan.
Hojjettoonni dhaabbatichaa hojii isaanii murtee aangoo pirezidaantummaatiin fudhatameen duratti akka deebi'aniif tarkaanfii fudhachuu akka jalqaban bulchiinsa Tiraampiif ajaja dabarsaniiru.
Radio Free Asia fi Middle East Broadcasting Corporate sagantaalee jedhamaniifis murtoo wal fakkaataa dabarsan.
Dabalataan murteen Tiraampi Danbii Biroodkastiingii Idil-addunyaa fi aangoo Koongireensii cabseera jedhan abbaan murtii kun.
''Waayillankoo fi ani murtee kanaan gammanneerra. Ha atahu malee, murteen amma darbe kun tarkaanfii xiqqoodha. Mootummaanis murtoo kana ol iyyachuu danda'a waan taheef'' jette Hogganaan VOA Waayit Haawus, Paatii Wiidaakuswaaraa.
''Murtee seeraan alaa sagalee VOA callisiise hanga dhumaatti falmachuu hin dhaabnu. Waa'ee Ameerikaa dhugaa jiru karaa madaalawwaa taheen addunyaatti himuutti hanga deebinutti ni falmanna.''
Tiraampi VOA gabaasa madaalawwaa hin dhiyeessu jechuun tarkaanfii guddaa warra fudhatu keessatti eeruun isaa ture.
Tiraampi akkuma aangootti ji'a Amajjii darbe deebi'een nama isaaf amanamaa tahe Kaarii Leek VOA akka gaggeessuuf muude.
Kaarii Leek filannoo 2020 irratti yeroo Tiraampi sagaleen najalaa hatameera jedhu yaada isaa deeggaraa ture.
Ji'a Bitootessaa keessa Tiraampi Ejensii Miidiyaa Addunyaalessaa [USAGM] seera jiru kamiinuyyuu guutummaan
USAGM fi Waayit Haawus murtee kana irratti ammatti deebii hin kennine.