'Ajaja mana murtii fudhannee baanee, garuu ammoo nu amansiiseera jechuu miti'- Abukaatoo Obbo Taayyee

Madda suuraa, Facebook
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa oliyyannoo Abbaan Alangaa Obbo Taayyeerratti dhiyeeffateerratti jalamurtii laachuuf har'atti beellamee turus beellama biraa kennuunsaa himame.
Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "Galmeen kan beellamamee ture galmicha qoratanii murtee kennuuf ture. Yeroo garagaraatti beellamamnee 'hin hojjetamne' jedhamaa ture" jedhan.
Abbaan Alangaa himatawwan lama Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Obbo Taayyeen bilisa jedheen irratti oliyyannoo dhiyeeffachuunsaa kan yaadatamu yemmuu ta'u, dhimmichis Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaatti ilaalamaa jira.
Manni murtichaa abbaan seeraa tokko dhukkubsatanii hafuusaanii eeruun dhimmicharratti jalamurtii laachuuf beellama kennaa ture.
"Murtee qofaaf yeroo afraffaaf beellamame" kan jedhan Obbo Abarraan, dhaddacha har'aa irrattis abbaan seeraa galmicha qabatanfii dhukkubsatan jedhaman hojiitti akka hin deebine akka itti himame dubbatan.
Manni Murtichaa dhaddacha Caamsaa 4, 2017 taa'een 'galmicha kan ilaalle ta'us abbaan seeraa galmicha qabatan waan dhukkubsataniif beellamni biraan yaa kennamu' jechuun har'atti beelamee ture.
"Gama keenyaan heera irratti kan kaayame mirgi haqa saffisaa argachuu keenya akka kabajamuuf beellama kana dura turerratti mana murtichaa gaafanneerra" jedhan Obbo Abarraan.
Manni murtichaa oliyyannoo Abbaa Alangaa fi deebii Obbo Taayyee Danda'aa dhiyeeffatan irratti jalamurtii laachuuf ALI Caamsaa 25, 2017'tti beellama qabachuusaas himuunis, "Ajaja mana murtii fudhannee baaneerra, garuummoo nu amansiiseera jechuu miti" jedhan.
Himatawwan lamaan Abbaan Alangaa oliyyate…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deetaa Ministeera Nagaa kan turanfii miseensa Caffee Oromiyaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa, Abbaa Alangaa Federaalaan himatawwan sadi irratti banamanii dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa erga turee booda ALI Adoolessa 30, 2016 himatawwan lamaan bilisa jedhamanii ture.
Himatawwan lamaan kunis Seera Yakkaa Itoophiyaa ALI bara 1996 bahe Keewwata 251/C diina waliin waloomuu kan jedhufii Keewwata 257/E darbaniiru kan jedhanidha.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa keewwatawwan lamaan kana jalatti Obbo Taayyeen, 'Yaadni piropogaandaa (ololli) humnootii farreen nageenyaa 'ABO Shanee fi Faannoo' fudhatama akka argatu yaaduun ergaawwan sochii qaamolee kunneenii deeggaru gama fuula Feesbuukii isaaniitiin qoodaniiru akkasumas bifa qindaa'een ergaawwan hamilee ummataa gadi buusan yookiin dandeettii dandamachuusaa diigan qoodaniiru jedhee ture kan himate.
Haa ta'u malee Obbo Taayyee Danda'aa barreeffamoonni ani qoode mirga yaada bilisaan ibsachuu bu'uureeffachuun kan qoodamanfii nagaa kan lallabani jechuun mana murtii hubachiisanii turan.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataas dhimma tokkoon himata lama hundeessuun hindanda'amu jechuun dabalataan dhimmi Obbo Taayyeen ittiin himataman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu agarsiisu malee mirga nama biraa kan dhiibanii miti jedhee ture.
Haaluma kanaan Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan ofirraa ittisuun osoo irraa hin eegamin bilisa jechuun jalamurtii kennee ture.
Haa ta'u malee Abbaan Alangaa, jalamurtiin mana murtii jalaatiin kenname kun kufaa akka ta'ufii Obbo Taayyee Danda'aa himatawwan lamaan akka ofirraa ittisaniif Dhaddacha Oliyyannoo Yakkaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf oliyyannoo dhiyeeffate.
Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin oliyyannoo Abbaa Alangaarratti deebii ittisaa barreeffamaa kan dhiyeeffatan yemmuu ta'u, manni murtichaas yaada garee lamaanii qoratee jalamurtii kennuuf beellama qabateera.
Gama biraatiin Obbo Taayyeen himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa seeraan alaa mana isaaniitii argameera jedhame akka ofirraa ittisan jalamurtiin kennamuun kan yaadatamu yemmuu ta'u, dhimmichis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa jira.












