Filannoo Keeniyaa 2022: 'Hooggantoota irraa nagum callaa feena'

Biyti Afrikaa kanneen diinagdeen dursan keessa jirtu Keeniyaan, filannoo biyyaalessaa Hagayya 9, 2022 gaggeessuuf qophiitti jirti.

Wayita filannoon kun gaggeeffamaa jirutti biyyattii keessa jireenyi akkaan qaala'eera, hongeenis hammaateera.

Bulchiinsa Marsabit imaluun jiraattota dubbisneerra. Jiraattuu dira Marsabit kan taate Shukkee Isaaq, namni isheen filattu nagaarratti akka xiyyeeffatu barbaaddi.

Viidiyoon: Eliyaas Muluugeetaa Hordofaa