Biyya hantuuta balleessuuf waraana banteettu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Hantuuta irratti waraanni banameeru jira. Niw Ziilaand duula duguuggaarra jirti.
Duula Predator-Free Miramar jedhamuun karoorri jiru simbiroota naannaa magaalaa gudditti Niw Zilaand, Weellingtan keessa hantuuta balleessuudha. Hunda isaanii.
Duulli hantuuta fi bineensota adamsanii nyaatan biroo balleessuu karoora Miramar qofa osoo hin taanee kan guutummaa Niw Zilaandidha.
Mootummaan duulli kun bara 2050’tti ni xumurama jedhee tilmaama.
Ka’umsi duula kanaa sirna uumamaa adda ta’edha. Bakka bineensoti adamsanii nyaatan bakka hin jirretti, simbirroonni lafa irraa qubachuu fi mana isaanii ijaarrachuu danda’u.
Hantuutaa fi fuliyoo gara Niw Zilaanditti kan fide Jaarraa 13'ffaa keessa Polineezhiyootadha.
Jaarraa ja’a booda ammo jarri Awurooppaa bineensota hoosisan gurguddoo biroon kan simbirroota kana nyaatan gara lafa kanaatti fidaniiru.
Erga dhalli namaa lafa kanarra qubatee booda gosoota simbirroo biyyattii keessaa kurmaana kan ta’an dhumaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Simbirroota kunneen oolchuuf jecha yaaliin yemmuu taasifamu kun jalqabaa miti.
Bara 1960’n keessa, ogeessotni kunuunsa naannoo odoloota xixxiqqoo keessaa hantuuta hunda balleessuu danda’anii turani.
Ta’us bineensota adamsanii nyaatan loluun hanga naannaa bara 2010’tti sochii hawaasaa hin taane.
“Guddachaa dhufee mallattoo biyyaalessaa ta’eera,” jedha oggeessi baayolojii Yunivarsitii Ooklaand fi dursaan piroojektii 2050 kanaa, Jeemsi Raseel.
Bara 2000’n keessa suuraalee fi viidiyoo yemmuu hantuuti hanqaaquu fi cuucii simbiraa adamsan mul’isan, bal’inaan qoodamuu eegalani.
Yeroo sana keessa Niw Zilaand kessatti sababa bineensota adamsanii nyaataniin simbirrooti miiliyoona 26 dhumuu isaanii ogeesoti ni tilmaamu.
Bara 2011 keessa, ogeessi fiiziksii beekkamtii qabu Ser Pool Kalahaan, hawwii fi ilaalcha biyya bineensa adamsee nyaatuurra bilisa taate (predator-free country) jedhutti beekkamtii hore.
Invastimantii fi sochii ga’aan hawwiin kun dhugoomuu akka danda’u Raseel fi ogeessotni kunuunsa naannoo biroo yaada dhiyeessani.
Sana booda namootni siyaasaas yaada kanaan walii galan. Bara 2016 keessa seera tumtoonni biyyatti, bineensota adamsanii nyaatan hamoo jedhaman akka balleeffamiif sadii adda baasaniiru, keessa tokko hantuutadha.

Madda suuraa, Getty Images
Qaamni hawaasaa Predator Free 2050 Ltd jedhamu kan hundeeffame, maloota bineensota kunneen balleessuu yaaluuf maallaqa mootummaa fi dhuunfaa hojiirra oolchuuf kan hundeeffamedha.
Qaama kana jalatti piroojektiin Predator Free Wellington isa guddaadha.
Magaalaa jiraattota 200,000 qabdu kana keessatti bineensota kunneen, keessuma hantuuta naannoo magaalaa kessatti guddaa wal horan kana balleessuuf karoorsa.
Piroojektiin miseensota 36 qabu kun namoota dandeetti hantuuta qabu qaban gara ogeessota bineensota duguuganitti jijjiireera.
Namoota kanaaf summii kiyyoo caalaa bu’aa qabuu fi appii GPS kan meeshaa hundaaf odeeffannoo kallattiin dhiyeessu kennameera.
Bakkeewwan bineensoti kunneen itti baayyatanitti kaameraan ka’ameera.
“Yoo hantuuti argame, gartuun karoorsitoota keenya meeshaa isaanii bakka kaa’uu qaban beeku,” jedha hogganaan dhaabbata kanaa Jeemsi Wiilkooksi.
Reeffi hantuuta du’e hundi qorannoof gara laabiraatooriitti ergama. Kunis barbaachisa kan ta’eef summiin kun suuta waan ajjeesufidha.
Hantuuti bineensa hubannoo qabuufi wantoota isaan miidhu danda’an jalaa miliquu baruu danda’anidha.
Hantuutni summi nyaate tokko, bakka kiyyoon sun kaa’ame irraa fagaatee waan du’uuf, Predator Free Wellington milkaa’ummaa isaa baruuf qorannoo gaggeessuu qaba.
“Qorannoo kan gaggeesinu akka summii kanaan du’a adda baasuufi,” jedha Wiilkooksi.
“Dabalataanis; kormaadha, dhaltuudha, dhiyeenya ilmoo godhatetti? Hantuuta tokkomoo maatii hantuutaa adamsaa jirra? Kan jedhu adda baasuu qabna.”
Tarkaanfi eegumsa naannoo kanaan, sinbirrooti yeroo tokkotti lakkoofsi isaanii irratti hir’atee ture amma deebi’anii mul’achaa jiru.
Ta’us duula kanaan kanneen sababa adda addaan waliif hin gallees jiru.
Hundeessaan bakka kunuunsa sinbiraa Zelandiyaa jedhamu, Jeems Liinch karoora bineensota kunneen balleessuu ni deeggara. Ta’us, “rakkoon jiru, kana milkeessuuf ammatti meeshaa ga’aa hin qabnu,” jedha.
Duulli kun dhugumaan kan milkaa’u ta’aa kan jedhu irratti shakkii qaba.
Dabaluunis sinbirri biyyattii harki caalaan, wal horuuf naannoon bineensota adamsanii nyaatan irra bilisa ta’e isaan hin barbaachisu jedha. Muraasni naannoo akkanaa barbaadan bakkeewwan kunuunsa adda addaatti horuu danda’u jedha.
Qorataan kunuunsa nannoo Weeyn Linkilaater yaada Niiw Zilaand bineensa adamsanii nyaatan irraa bilisa taate hundeessu kana waan dhugaa hin taaneetti ilaala.
Waggootii 150 darban keessatti Niw Zilaand lola bineensota akka illeetti, qurupheefi biroo irratti bante hundaan akka mo’atamte ibsa.
Duulli bineensota lubbuu fi hubannoo kana balleessuuf eegalame kun kan hin milkoofne qofa osoo hin taane kan naamusa sirrii hin qabne akka ta’e eera.
“Qabeenya guddaa fi namoota hedduu bobbaasuun, hammeenya guddaa raawwachaa jirra. Akkamiin miidhaa gessisuun homaa nutti fakkaachuu dide?”
Guutummaa biyyatti irratti xiyyeeffachuurra, hawaasni adda addaa karoora madaala uumamaa isaani akka adda baafataniif eeyyamuun galma kanarra akka waan gaarii ta’e hima.
Jiraattonni Ookilaand hantuuta fi bineensa poosam muraasa waliin jiraachuu danda’u, jiraattonni odola Isteewaart ammo sinbira akka kiwii fi muttonbirds jedhaman eeguu irra filachuu danda’u.
Dhimma naamusaa irratti deebiin cimaa fi hatattamaa ta’ee hin jiru. Lammileen Niiw Zilaand hedduun gosa bineensaa tokko oolchuuf gosa bineensa biraa balleessuun akka waan sirri ta’etti murteessaniiru.












