Chaayinaafi US Taayiwaan irratti wal-waraanuuf deemaa jiruu?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa waa’ee Taayiwaan irratti Chaayinaa erga akeekkachiisanii torbee tokkoon booda, Beejiin ammoo “Taayiwaan biyya of-dadeesse ta’uu qabdi kan jedhu kamiyyuu nan balleessa” jechuun dhaadatte.
Dilbata darbe Ministeerri Ittisaa Chaayinaa Weey Faangee, “US waa’ee Taayiwaan irratti waadaa seente cabsuun walabummaa Taayiwaan dhaadhessaa jirti; dhimma keessoo Chaayinaa keessa seentees laaqaa jirti,” jechuun komatan.
"Yaadicha ifa gochuuf: Taayiwaan, Chaayinaa irraa fottoqsuu kan barbaadu kamiyyuu waraanuf duubatti hin jennu. Gatii barbaachisu hunda kaffallee lolla.
''Hanga dhumaatti lolla. Chaayinaan loluu malee filannoo biraa hin qabdu,” jedhu Weeyi Faanges gumii nageenyaa Eeshiyaa Siingaapooritti taa’ame irratti haasaa taasisaniin.
Chaayinaan yaada kana kan dhiyeessite haasaa dhiyeenya Joo Baayidan Chaayinaan xayyaarota waraanaa ishee gara Taayiwaanitti erguun “abidaan taphataa jirti” jedhaniin booda.
Chaayinaan humnaan Taayiwaan yoo weerarte US oddoolittii bira dhaabattus hin haalle.
Taayiwaan yeroo dheeraf akka biyya walabaatti of-waamtus, Chaayinan ammoo oddoolli Taayiwaan qaama kiyya jetti.
Taayiwaan US michuu koo cimtuudha jettee ittiin boonti; kanaaf ammoo Washingtan Taayiwaanif deeggarsa waraanaa taasisuuf seera ishee dirqisiisu baaftee qabdi. Wal-gaarreffannaan kun kan dhufe bara kana keessa Chaayinaan xayyaarota waraanaa si’a heddu gara daangaa qilleensa Taayiwaanitti erguu isheerraa kan ka’eedha. Kuni ammoo US doonii waraanaa gara oddoola Taayiwanitti akka ergitu ishee dirqisiise.
Kanaaf US fi Chaayinaan wal-waraanutti deemaa jiruu?

Madda suuraa, TAIWAN PRESIDENTIAL OFFICE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sodaan jiru Chaayinaan Taayiwaan yoo weerarte waraanni ni ka’a jedhuudha. Kanaan dura Beejing oddoola Taayiwaan humnaan deebistee akka fudhattu dhaadataa turte.
Xinxaaltonni heddu garuu ammatti kun Chaayinaaf abjuudha jedhu. Chaayinaan dhuguma waraanan Taayiwaan mootee of-jala galchuudhaf dandeettii isaa qabdii kan jedhu falmii yeroo dheerati; Taayiwaanis gama isheetin humna qilleensaa fi humna galanaa cimaa ijaaraa jirti.
Humnaan Taayiwaan weeraruun Chaayinaa qofaaf osoo hin taane, addunyaa gatii guddaa akka kaffalchiisu Chaayinaa jalaayis hin dhokanne jedhu namoonni heddu.
"Waan baay’etu deemaa jira, garuu Chaayinaan Taayiwaan weeraruu yoo barbaadde dhaabbattee ilaaluu qabdi, keessumattuu rakkoon waraana Yukreen jiru kanatti. Diinagdeen Chaayinaa kan Raashiyaa caalaa addunyaa wajjin kan walitti hidhameedha,” jedhu Inistiitiyuutii Qorannoo Kibba Baha Eeshiyaatti qorataa kan ta’an Williyaam Choong.
Jeneraal Weeyi Dilbata darbe akka jedhanitti ijannoon Chaayinaa Taayiwaan wajjin “karaa nagaa walitti makamuu akka barbaaddu fi humna kan fayyadamtu sababni dirqisiisu yoo jiraatedha.
Tarkaanfii humnaa akka fudhattu kan taasisu keessaa tokko Taayiwaan ifatti bilisummaa yoo labsatteedha. Pirezidaantin Taayiwaan gama isaanitiin irra deddeebin Taayiwaan biyya of dandeessedha jechu.
Lammiilen Taayiwaan muraasni Chaayinaa wajjin walitti makamuu deeggaraniis baay’en isaanii garuu Taayiwaan biyya walabaa akka taatu barbaadu.
US gama isheetin waraanni gatii kaffalchiisu Eeshiyaa keessatti akka gaggeeffamu akka hin feene beeksistee jirti.
Ministeerri Humna Ittisaa US Liyood Oostin gumii nageenyaa Siingaapporitti gaggeeffamee ture irratti argamuun haasaa godhaniin US Taayiwaan biyya of-dandeesse akka taatu hin deeggartu akkasumas “Waraana Qabbanaa’aa haaraa” hin feetu jedhan.
"Waa’ee Taayiwaan irratti lamaan isaanituu waraanan dhaadatu, cimaa fakkaatanii mul’achuu barbaadu, ijannoo isaanii irraa duubatti deebi’aniiru akka jedhaman hin fedhan,” jedhu ‘S Rajaratnam School of International Studies’ tti qorataa kan ta’an Koolin Kooh.
Jeneraal Jeen Weeyi fi Oostin gumii Marii Shangri-la Singaaporitti ta’e cinaatti wal-arganii haasa’uun isaanii yaada gaaridha, sababni isaa “lamaanuu gadi taa’anii mariyachuuf, walii galuuf akkasumas walii galuu dhabuu isaanii wal hubachuuf illee fedhii akka qaban” agarsiisa jedhu Koolin Kooh.
Itti dabaluunis, jalqabbiin kun biyyoonni humna waraanaa jabaa qaban kun lamaan marii dhugaa akka gaggeessaniif carraa isaanif bana jedhu.
‘National University of Singapore’ tti dhimma Chaayinaa irratti hayyuu kan ta’an Dr. Laan Choon ammoo, Chaayinaan xayyaarota waraanaa gara Taayiwaanitti erguun yookin piroppaagaandaa facaasun Taayiwaan obsa fixachiisuu dandeessi jedhu.












