Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
AI barattoota yunivarsiitii mo'uu akka danda'u qorannoon ni mul'isa
Qormaanni yuunivarsiitii barattoonni sobaa hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence-AI) fayyadamuun fudhatan kan barattoota dhugaatiin fudhatan mo’uu fi tasuma osoo namoota qormaata soroorsaniin hin baramin darbuu qorannoon argisiise.
Qorattoonni Yunivarsiitii Reading barattoota sobaa 33 uumuun ChatGPT fayyadamuun qormaata moojuulii saayikoloojii digirii jalqabaaf deebii maddisiisaniiru.
Bu'aan barattoota AI fayyadamanii kanneen hin fayyadamin qabxii walakkaa oliin akka caale himaniiru.
Akkasumas barreeffamoonni AI osoo namoota qormaata soroorsaniin hin baramin dhibbeentaa 94’n darbeera.
Dhibbeentaan 6 kan argame sababa garmalee tilmaamamuu akka hin oolle qorannoon barruu Plos One irratti maxxanfame ni mul'isa.
"Keessattuu galmeen AI kan barattootaa dhugaa caalaa qabxii olaanaa ciminaan waan argateef kun yaaddessaadha," jedha.
"Akka kanaan barattoonni AI fayyadamuun osoo hin baratin hatuu danda'u - kana gochuudhaanis qabxii fooyya'aa warra hin hatin caalaa argachuu danda'u."
Qorannicha kan hoogganan Piroofeesara Piitar Sikaarfee fi Piroofeesara Etiyenne Rooyeesh argannoon isaanii barsiisota addunyaa maraaf ''waamicha dammaqiinsa'' ta'uu qaba jedhan.
Akka Dr Sikaarfee jedhanitti, "qormaanni hunda akka hammatu gochuuf qormaata aadaa irraa fagaataniiru."
"Qorannoo keenya akka agarsiisutti AI qulqullina madaallii barnootaa irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hubachuun barbaachisummaa idil-addunyaa qaba."
"Qormaata harkaan barreeffameetti guutummaatti deebi'uun dirqama miti - garuu dameen barnootaa addunyaa rakkoo AI kana furuuf guddachuu qaba."
‘Dandeettii odeeffannoo xiinxaluu fi rakkoolee walxaxaa furuu’
Qorannicha keessatti deebii qormaataa fi barreeffamoonni sobaa moojuulota waggaa tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaaf dhiyaataniiru, osoo warra qormaata soroorsaniin hin beekamin.
Qabxiin barattoonni AI galmeessan kan barattoota digrii jalqabaa dhugaa waggoota lamaan jalqabaa keessatti argatan caaleera.
waggaa sadaffaa irratti ammoo barattootni dhugumaan barachaa turan qabxii caalmaa qabu galmeessan.
Qorattootni akka jedhanitti qabxii kun AI sababoota adda baafamuun rakkisuun qormaata keessa jiraachuu isaa agarsiisa.
Qorannoon amma gaggeeffame kun isa guddaa fi kan jalqabaati.
Dhiibbaa AI barnoota keessatti qabu yaaddoo uumeera. Yuunvarsiitiin Gilaasgoo dhiyeenya qormaata tokko irratti barattootni qaamaan argamanii akka qoraman godhe.
Jalqaba waggaa kanaatti 'Guradian' barattootni digirii jalqabaa hedduun isaanii barreeffamoota isaaniif AI fayyadamaa jiraachuu gabaase.
Garuu %5 isaaniitu waan AI barreesseef osoo hin jijjiiriin [copy paste] gochuu amane.