Namoota addunyaarratti onneen isaanii suuta dulloomu beektuu?

Dubartiin Martinaa Canchii jedhamtu hawaasa Cheemaynay 16,000 ta’an bosona Amaazoon keessaa tokko
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin Martinaa Canchii jedhamtu hawaasa Cheemaynay 16,000 ta’an bosona Amaazoon keessaa tokko

Hawaasi Cheemaynaay hawaasa ganamaa bosona Amaazoon kaaba magaalaa guddoo Booliiviyaa La Paaz irraa km 600 fagaatanii jiraatu.

Dubartiin Maartinaa Canchii jedhamtu hawaasa Cheemaynay lakkoofsaan 16,000 ta’an keessaa tokko.

Jabinni qaamaa dubartiii kanaa warra umuriin ishee gitan irraa adda miti.

Saayintistoonni akka jedhatti, hawaasni Cheemaynaay ujummoolee dhiigaa- arterii fayyaa ta'e qabaachusaanii qorannoon mirkaneessan.

Akkasuma sammuu isaanii kan namoota Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa fi bakkeewwan biroo jiraatan caalaa suuta akka dulloomu ibsan.

Hawaasi Cheemaynaay addadha. Hawaasi kun jireenyisaanii guutummaatti adamoo, nyaata barbaaduu fi qonnaarratti hundaa‘e. Hawaasi kun saamuda saayinsii guddaa ta'e gumaachan.

Gareen qorattoonni hayyuu Antiroopooloojii Yunivarsiitii Niiw Meeksikoo Hilaard Kaaplaan jedhamuun durfaman waggoota 20’f qorannoo gaggeessan.

Juhaan adamoo yeroo baayyee guyyaa tokko hanga lamaaf qophaa'a jira
Ibsa waa'ee suuraa, Juhaan adamoo yeroo baayyee guyyaa tokko hanga lamaaf qophaa'a jira

Cheemaynaay yeroo hunda bakkaa bakkatti socho'u - bineensota adamsuu, biqiltuu dhaabuufi bantii manasaanii xaxachuurratti xiyyeeffatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawaasa kaan wajjiin wal bira qabuun wayita madalaamu guyyaa bakka tokkicha yeroo dheeraaf hin turan.

Fakkeenyaaf bineensa adamsuuf giddu galeessaan sa’aatii saddeet ol turu, km 18 ta'u adeemu.

Hawaasni Cheemaynaay laga Maniquyii jedhamu cinaa kan jiraatan yoo ta'u, magaalaa dhiyoo jirtu bidiruudhaan dhaquuf km 100 irraa fagaata, kanaafuu nyaata warshaa keessatti qophaa'e, alkooliifi tamboo akka salphaatti argachuu hin danda’an.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti, soorata warri Cheemaynaay sooratan keessa kaalorii %14 qofatu coomarraa argama.

Namoonni USA jiraatan soorata isaanii keessaa kaalorii %34 coomarraa argatu.

Nyaanni warrii Cheemaynaay soooratan faayibarii baay'ee kan qabu yoo ta'u,

Kaalorii %72 kaarboohayidireetii irraa argatu, namoonni USA jiraatan isaan waliin wayita madaalaman kaaloorii %52 kaarbohaayidireetiirraa argatu.

Warri Cheemaynaay pirootinii bineensota adamsan kanneen akka simbirroota, jaldeessafi qurxummii irraa argatu. Nyaata isaanii zayitaan waaduu hin beekan.

Warri Cheemaynay pirootinii bineensota adamsaniirraa argatu

Madda suuraa, Michael Guvern

Ibsa waa'ee suuraa, Warri Cheemaynay pirootinii bineensota adamsaniirraa argatu

Pirofeesar Kaaplaaniifi miltoon isaa Maayikil Gurven jedhamu, kan Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Santa Barbaraa hojjatu hayyuu antiroopoloojiiti.

Hayyoonnii kunneen maanguddoonni warra Cheemaynaay mallattoo dhukkuboota yeroo dullumaa namoota rakkisan kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa ykn rakkoo onnee akka hin qabne hubatan.

Sana booda qorannoon bara 2013 maxxanfame tokkotu qalbiisaanii harkise.

Gareen ogeessa onnee Ameerikaa Raandaal Toompsaniin durfamu CT iskaanii fayyadamuun reeffa namoota bara qaroomina Gibxii durii, Inkaa fi Unagan mala muumiin tursiifamanii 137 qoratan.

Namoonni adaduma dullooman coomni, kolestrooliifi wantoonni biroo walitti qabamuun ujummoolee dhiigaa furdisuu ykn jabeessuun dhibee ‘atherosclerosis’ fidu.

Mallattoollee kana reeffa namoota durii mala addan tursifaman 47 keessatti arginuun rakkooleen kun haala jireenya ammayyaatiin dhufu tilmaama jedhu kan falleessudha.

Gareen qorattootaa lamaan walta’insaan qorannoo CT iskaanii dhalattoota Cheemaynaay 705 ta’an, kanneen umuriin isaanii waggaa 40 ol ta'e kaalsiyeemii koroonarii arterii (CAC) isaanii qoratan.

Kaalsiyeemii koroonarii arterii kun mallattoo ujummoon dhiigaa cufamuu fi carraa dhukkuba onneetiin qabamuu akeekuuf gargaaru.

Qorannoon isaanii jalqaba bara 2017 barruu dhimma fayyaa Za Lanset jedhamurratti maxxanfame, dhalattoonni Cheemaynaay umuriin isaanii waggaa 75 ol ta'e keessaa %65 Kaalsiyeemii koroonarii arterii hin qaban.

Walbira qabamee yoo ilaalamu, lammiileen Ameerikaa umrii waggaa 75 ol keessaa %80 mallattoolee kaalsiyeemii koroonarii arterii qabu.

Nama miila duwwaa deemu
Ibsa waa'ee suuraa, Warri Cheemaynay guyyaatti giddugaleessaan si'a 16,000 hanga 17,000 ni tarkaanfatu

Kaaplaan akkas jedhe: “Ujummoolee dhiigaa arterii maanguddoo Cheemaynaay ganna 75 ujummoolee dhiigaa nama Ameerikaawaggaa 50 wajjin wal fakkaata” jedhe.

Waraqaan qorannoosaa marsaan lammaffaan bara 2023 maxxanfame. Barruun kun akka jedhutti, sammuun maanguddoota Cheemaynaay sammuu namoota biyyoota industiriin guddatan kanneen akka UK, Jaappaanii fi US keessa jiraatanii caala jabaadha.

''Namoota umrii ga'eessummaa keessa osoo jiranii dhukkuba Alzaayimarii qaban tokkollee hin argine - waan ajaa'ibaati,'' jedhe doktorri lammii Booliiviyaa qorannicha qindeesse Daani'el Iid Roodriigeez.

Umrii namoota Cheemaynaay shallaguun qorattoota hanga tokko isaan dhibee ture.

Warri Cheemaynaay gariin isaanii lakkoofsa lakka’ullee hin baranne.

Saayintistoonni nama tokko baruuf umrii ijoolleesaaniirratti ka’umsa godhachuun shallagaa turan.

Hildaa fi Paabilon mana isaanii dura wayita taa'an suura agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Hildaa fi Paabilon mana isaanii dura wayita taa'an suura agarsiisu

Hildaan maanguddoo yoo ta’an, dhiheenya kana maatiin ishee booyyee qalaanii “guyyaa dhaloota ishee waggaa 100ffaa” kabajuu dubbatan.

Maanguddoo waggaa 78 ta'uu kan himan Juhaan ammoo bineensa adamsu.

Qajjisni rifeensa matasaanii ammayyuu gurraacha, iji isaanii sirriitti waa hubataaf, fi hirreen harkasaanii ammayyuu cimaadha. Maanguddoo kanatu booyyee bosonaa adamsa.

Waa’een dullumaa itti dhagamu “Kanarra wanti hunda caalaa rakkisaa taʼe qaama kooti. Kana booda fagoo deemuu hin danda’u, yoo baay’ate guyyaa laman deema” jedhan.

Obbo Juhaan qawwee fi xiyyaan bineensa adamsu
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Juhaan qawwee fi xiyyaan bineensa bosonaa adamsu

Maartiinaan kan maanguddoon kun jedhan mirkaneessite.

Dubartoonni Cheemaynaay biqiltuu jatata jedhamu, kan bosona keessatti marguun bantii manaa xaxuun beekamu.

Biqiltuu jatata argachuuf Maartiinaan sa’aatii sadii deemtee, dugdatti baattee bakka irraa dhuftetti deebiti.