Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aayyoon hidhattoota Faannoon butamanii 'qalamuuf albeen nadura kaa'ame' jedhan akkamiin bahan?
Hordoftoota keenya! Odeeffannoon kun qabiyyee miira keessan jeequ of keessaa qabaachuu danda'a.
Maqaan isaanii Aadde Muluu Alamuu jedhamu. Aanaa Noonnoo Ganda Halloo Dinkii jiraatu. Aadde Muluun haadha ilmaan torbaati.
Guyyaa Dilbata, Onkololeessa 10 bara 2018 haleellaa hidhattoonni Faannoo naannichatti raawwataniin namoota seenaa gaddisiisaan isaan mudate keessaayi.
Aadde Muluun guyyaa sana biyyi nagaadha jedhanii ulaa cufatanii ijoollee isaanii xixiqqaa shan waliin mana keessa turan. Irbaata nyaatanii hanga sa'aatiin hirriibaaf ciisan gahutti mucaa xiqqaa hammatanii taa'aa turan.
Galgala sa'aatiin sadi yoo ta'u garuu waan takkaa isaan hin eegnetu mana isaanii lixe.
Ulaa manaa isaan cufatanii turan dhiitichoo hidhattoota Faannootiin keessatti cabsamee jarri kilaashii hidhate qiyyaafannaa isaanii Aadde Muluu fi ijoollee xixiqqaa isaaniirratti taasisan.
"Guyyaan sun Sanbata guddadha. Ani daa'ima xixiqqaa hammadheen taa'aa ture. Gaafa isaan cabsanii ol nutti seenanii qawwee nutti qaban ani ka'een harka kennadhe. 'Daa'imman kiyya na duratti hin ajjeesinaa ana alatti baasaa na ajjeesaan' jedheen" jechuun haala ture yaadatu.
Hidhattoonni kunneen Aadde Muluu ajjeesuurra qabanii deemanii maallaqa kanfalchiisuu wayya jedhanii erga dubbataniin booda harkashee lamaan duubatti hidhanii manaa fi ijoolleeshee gidduudhaa fudhatanii bahan.
Sa'aatii kun raawwatutti ilmi hangafaa Aadde Muluu kan umuriin isaa ganna 20 ta'ee fi maqaan isaa Abbushaa Amaan jedhamu ollaa mana namaa ture. Yeroo walfakkaataa kanatti mucaan hangafaa isaanii kun bakka ture kanatti namoota biroo waliin mana keessatti warra ajjeefame keessaayi.
Aadde muluun garuu odeeffannoo kana hin dhageenye turte. Hidhattoonni kunneen Aadde Muluu fi dubartii ollaa isaanii kan biroo tokko fuudhanii lafa bosonaa fageenya dheeraa miilaan deemsisuu himu.
"Harka nu hidhanii luka duwwaa arrabsoo sabummaa nu arrabsaa, dhakaa mukarra nureebaa bosona keessa nu oofan" jedhu.
Haadha Ijoollee torbaa kan ta'an Aadde Muluu fi dubartii isaan waliin fuudhan kana halkan imala sa'aatii afur caalu miilan deemsisan. Hidhattoonni gaafas isaan fuudhanii deeman nama 50 akka ta'anis tilmaamu.
'Warra nufuudhe keessa warrin ijaan beeku jiru'
Aadde Muluun guyyaa sana hidhattoota Faannoo mana isaanii cabsanii seenuun ijoollee isaanii gidduudhaa isaan fuudhan kana keessaa namoota muraasa ijaan akka bekan himu.
"Warra nufuudhe sana keessaa namoonni ani ijaan beeku jiru. Maqaa isaanii abalu jedheetan hin beeku malee warruman beekudha. Warra kana dura naannoo keenya dhufanii qonna hojjechaa turantu keessa jira" jedhan.
Halkan isaan fuudhan sana gara gammoojjii Gibee keessan bosonuma keessa isaan bulchan.
"Caakkaa keessa nubulchan. Gaafa lammataa qilee tokko keessa nugalchanii achi keessa nu oolchan. Makkalaakayaan dhufee yeroo dhukaasu isaan qilee keessa jiru. Gaafa guyyaa ittaanu ammoo achii nubaasanii lukumaan gara Waanzaa Abasgee nugeessani" jechuun haalaa keessa darban ibsu.
Imala lafoo dadhabsiisaa fi fageenya dheeraa kana keessatti yeroo deemuu dadhabanii 'dadhabne' jedhan reebichi akka irratti raawwatamaa tures himu.
Eenyummaa keenya waan beektuf ajjeefamuu qabdi
Aadde Muluun erga harka hidhattoota kanaa bu'anii dubartii isaan waliin qabamte kana waliin tokkoon tokkoon isaanii birrii miliyoona tokko tokko kanfalanii akka gadhiifamantu itti himame.
Hidhattoota Faannoo manaa isaan butanii dhufan kana akkuma Aadde Muluun Ijaan beekan warri hidhattootaas isaan beekaniiru. Kun ammoo carraa lubbuun gadhiifamuu Aadde Muluu gaaffii guddaa keessa kan galche ta'e.
"Dubartiin na waliin qabamte Afaan Amaaraas hin beektu. Isheen birrii kaffaltee haa baatu jedhan. Anaan ammoo 'isheen afaan keenyas, eenyummaa keenyas waan beektuf maallaqa kaffaltee yaa ajjeefamtu' jedhanii natti murteessani" jedhu.
'Naqaluuf albee qopheessanii nadura kaa'an'
Dubartiin Aadde Muluu Waliin qabamte birrii kuma 300 isaaniif kanfalamee akka gadhiifamtu murteessan. Aadde Muluun garuu lubbuudhaan akka isaan biraa gadhiifamtu hidhattoonni kunneen hin feene. Sababni isaa ammoo 'nubeekti' kan jedhuudha.
Isaan alattis mucaa dhiiraa hangafaa isaanii kan ganna 20 guyyicha akka ajjeesanis bakka too'atamanii jiran kanatti afaan hidhattootaa irraa dhagahan.
"Ilma kee immoo meeshaadhaan dhoofnee ajjeesnee jirra. Mucaakee bareedaa sana ajjeesnee dhangalaasnee jirra. Sih ammoo albeedhaan siqaluuf siiqopheessinee jirra' naan jedhan. Albee nadura qabanii 'gaheen kee kanatu si eeggata' naan jedhan" jedhu.
Albee ittiin qalamta jedhaniin kana yeroo ija dura kaa'an rifatanii iyya keessaa fuudhuu yaadatu.
"Albee ija dura nakaa'an sana arginaan rifadheetan iyye. Oggaan iyyu' hanga sa'aatiinkee gahutti hin teessuu' jedhanii sadafiidhaan adda keessa nadhahan. Naburuqsanii baayyee nadhiige" jedhan.
Aadde Muluun holqaa fi bosona keessa halkan sadii bulan. Halkan afraffaa irratti garuu mala ittiin albee isaaniif qaramee ija dura taa'e kana jalaa bahan yaaduu himu.
"Gaafa guyyaa afraffaa 'fincaanin fincaa'a' jedheen gaafadhe. 'Hin fagaatiin asumatti fincaa'i' naan jedhanii naa heeyyaman. Ani achii baanaan hamma humnakoo fiiguuf murteeffadheera" jedhu.
"Sababnisaas humna kiyya kanaan fiigee jalaa bahuuf osoo hin taane albee sanaan qooda naqalan duuban rasaasaan haa na ajjeesan jedheen" jedhu.
Guyyaa sana carraan Aadde Muluu waliin ture. Holqa fincaaniif bahan kanaa baanaan bosona keessa hanga humna isaanii fiigicha jalqaban.
Hidhattoonni isaan butan garuu akka isaan yaadan duuka bahanii rasaasa itti hin dhukaasne. Kunis sababa qaba ture jedhu Aadde Muluun.
"Yeroon sun guyyaa waan ta'eef makkalaakayaanis naannoo sana waan jiruuf yoo dhukaasan bakka nuti jirru baru jedhanii waan sodaataniif natti hin dhukaasin hafan" jedhu.
"Fiigee fiigeen warra shumburaa facaasaa jiruttan bahe. Isaan bira darbeen gara daandii guddaatti bahe. Boqoolloo keessa sa'aatii dheeraan fiige. Achii karaa guddaatti baanaan baajaajii argadheen gara magaalaa gale" jechuun haalaa lubbuun itti oolan BBCtti himan.
'Amma yaaddoo hamaa keessan jira'
Aadde Muluun carraa dhiphaa ta'een harka hidhattootaatii bahanii ijoollee isaaniitti makamuutti hedduu gammadan. Garuu mucaa isaanii hangafaa hidhatoonni Faannoo gaafa sana namoota kaan waliin ajjeesan awwaala isaa hin argin hafuun miira isaanii akka jeequ dubbatu.
Gama Biraan ammoo hidhattoonni isaan harkaa bahuutti haaloo qabachuu oduu waan dhagahniif halkan hunda yaaddoodhaan bariisisu.
"Intalli nafaana qabamte ergan ani achii badee gadhiifamte. 'Mana ishii nibeekna ijoollee ishee waliin ajjeesna' jedhanii akka natti dhaadatan natti himte. Galtus nuharkaa hin baatu warra hafe wajjin fixna jedhanii nutti dhaadatu" jedhu.
Erga Kamisa darbe ijoollee isaaniiti galanii halkanoota darban kana halkan hunda 'amma nutti seenanii nuqaluu' kan jedhu hirriiba akka isaan dhoowwu BBC'tti himan.
"Halkan hantuutnuu yoo balbala tuqxe naasuu keessan seena. Bakkuma ilma kiyya dhabe kanattin anis du'a malee lafa kiyya gadhiisee deemuummoo hin barbaadu. Jarri nurraa hafuu hin heddu" jedhan.
Erga haleellaa Onkololeessa 10 bara 2018 sanaatii hawaasni naannoo isaanii gadda namoota dhumaniirratti 'deebi'anii dhufuu laata' kan jedhu yaaddoo keessa jiraachuus dubbatu.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Ganda Halloo Dinkiiti haleellaa "hidhattoonni Faannoo" guyyaa sana raawwataniin namoonni nagaan 22 ol ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himanii ture.
Jiraattonni BBCn dubbise akka jedhanitti, qaamoleen hidhatan, kan isaan "Faannoodha" jedhan aanaalee ollaa Godina Guraagee irraa dhufuun Dilbata galgala "haala suukaneessaan" namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatanii deebi'an.
Haleellaa kanaan namoota ajjeefaman kana keessaa daa'immanis keessatti argamu.
Jiraataan aanichaa "Kanaan dura ofiidhuma isaanitiif buqqa'anii biyya gadhiisanii deeman. Haalodhumasanarraa ka'uuni deddeebi'anii uummata Oromoorratti rakkoo uumaa kan jiran malee uummanni waan isaan miidhe hin qabu," jechuun ibsu.
Haleellaan Onkololeessa 10 raawwatame kunis aanichatti haleellaa marsaa ja'affaa akka ta'e himu jiraattonni.
"Inni ammaa kun [haleellaan namoota nagaarratti gaggeeffame] gocha aanaa sana keessatti ta'e isa jahaffaadha.
Gaafa dhufan Oromoo haata'u malee, Afaan Oromiffaa haa dubbatu malee daa'ima, manguddoo, dubartii dadhabduu hin dhiisanu; 'ajjeechaa jumlaati' kan isaan raawwatan,'' jedhu.
Haleellaa Guyyaa sana raawwatameen lakkoofsi namoota ajjeefamanii jiraattonni nama 22 jedhanis Bulchaan Aanichaa Obbo Wandaafraash Luulessaa garuu lakkoofsi namoota ajjeefamanii 12 jedhanii ture.
Gama biraatiin hidhattoonni aanichatti haleellaa raawwatan kunneeniifi hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan isaan Shanee jedhaniin "wal quba qabu" kan jedhan angawaan kun, "lamaansaanii asumatti dhukaasu. Noonnoon walakkaa jirti, Shaneen gara Kaabaatiin isaan kun immoo gara Kibbaatiin jiru" jedhan.
Dabaluunis "Ummata keenyarra miidhaan gurguddaan gahaa kan jiru karaa finxaaleyyii Amaaraa caalaa Shaneedha kan biyya kana goolaa jiru. Isaan kanaafillee hulaa saaqee affeeraa kan jiru Shaneedha" jechuun komatan.
Haleellaan guyyaa Dilbataas wayita waraanni mootummaa hidhattoota WBO kan isaan Shanee jedhaniin irratti oppireeshiniif bahetti raawwatamuusaa himanii ture.