Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti 'hidhattoonni Faannoo' namoota nagaa hedduu ajjeesan- Jiraattota
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnotti haleellaa "hidhattoonni Faannoo" gaggeessaniin namoonni nagaan 22 ol ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.
Haleellaan kun Aanaa Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti Dilbata, Onkoloolessa 19, galgala raawwachuu himu jiraattonni gandichaa.
Godinota Oromiyaa hidhattoonni Faannoo namoota nagaarratti irra deddeebiin ajjeechaa raawwachuun himataman keessaa Godinni Shawaa Lixaa, Aanaan Noonnoo tokkodha.
Jiraattonni BBCn dubbise akka jedhanitti, qaamoleen hidhatan, kan isaan "Faannoodha" jedhan aanaalee ollaa Godina Guraagee irraa dhufuun Dilbata galgala "haala suukaneessaan" namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatanii deebi'an.
Jiraataan aanichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan haala ture BBCtti akka himanitti, hidhattoonni kunneen aanaalee Godina Guraagee keessatti leenjii fudhachuun dhufanii daa'imman dabalatee namoota nagaa haleelanii deemuu himu.
"Kan mana keessatti dhumanis kan alatti dhumanis waliigala gara namoota 22 ga'aniiru. Gocha kana kan raawwate hidhattoota Faannoo bosona keessa jiraniidha," jechuun ajjeechaan kun halkan keessaa sa'aatii saditti akka raawwate himan.
'Aanaa Noonnotti hidhattoonni kun marsaa jahaffaa namoota nagaa ajjeesuusaaniti'
Aanaa Noonnoo gandoota garaa garaa keessatti yeroo garaa garaatti "hidhattoonni Faannoo" gurmaa'an dhalattoota Oromoo irratti haleellaa gaggeessun namoota nagaa hedduu ajjeesuu isaanii BBCn gabaasaa ture.
Hidhattoonni dhalattoota Amaara ta'aniifi sababa garaa garaan aanicha keessaa buqqa'an Godiina Guraagee keessatti leenji'uun dhufanii haleellaa akka gaggeessan kan himan jiraatan BBCn dubbise kun, namoonni kunneen kanaan dura ''seeran ala'' kan qubataniifi lafasaanii seera qabeessa akka godhataniif mootummaan gaafannaan didanii warra deeman ta'uu himu.
"Inni ammaa kun [haleellaan namoota nagaarratti gaggeeffame] gocha aanaa sana keessatti ta'e isa jahaffaadha.
Gaafa dhufan Oromoo haa ta'u malee, Afaan Oromiffaa haa dubbatu malee daa'ima, manguddoo, dubartii dadhabduu hin dhiisanu; 'ajjeechaa jumlaati' kan isaan raawwatan,'' jedha.
"Ganda Madaalurra [bakka ajjeechaan itti raawwatame] kan jiran duratti seeraan ala qubatan.
Mootummaan ALItti naannoo bara 2016 lafa keessan seera qabeessa taasisuudhaaf heektara lama, lamatti taasisuu qabdu jedheen; jarri sana booda heektaara lama, lama kana hin fudhannu jedhanii buqqa'anii deeman," jechuun madda rakkoo kanaati kan jedhu ibsa.
Namoonni Dilbata ajjeefaman hundisaanii namoota nagaa ta'uu kan dubbatu jiraataan kun, daa'imman xixiqqoo, jaarsoliifi dubartoonni akka keessatti argaman hima.
Jiraatan aanichaa biraa BBCn dubbise namoonni ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatan Godiina Guraagee irraa kan dhufaniifi kanaan dura Aanaa Noonnoo keessa osoo jiraatanuu yaaddoo haleellaa WBO irraa qaban akkasumas saamicha lafaan wal-qabatee baqatanii kan deeman ta'uu ibsu.
"Kanaan dura ofiidhuma isaanitiif buqqa'anii biyya gadhiisanii deeman. Haalodhumasanarraa ka'uuni deddeebi'anii uummata Oromoorratti rakkoo uumaa kan jiran malee uummanni waan isaan miidhe hin qabu," jechuun ibsu.
Milishoonni gandicha haleellaan itti gaggeeffame keessa jiran ittisuuf yaalanis humnasaanii ol ta'uurraa kan ka'e uummata oolchuu akka hin dandeenye, humni dabalataa aanaarraa gaafa birmatee dhufu "hidhattoonni Faannoo" ajjeechaa raawwatanii bosonatti baqachuu dubbatu.
Dhimma ajjeechaa raawwatame jedhameerratti odeeffannoo dabalataaf bulchaa Aanaa Noonnoo Obboo Wandaafraash Luulessaa nu beellamanii boodarra bilbila hin kaasne.
Waggoota muraasa darban keessatti Aanaan Noonnoo bakkeewwan Oromiyaa "hidhattoonni Faannoo" kan mootummaan Finxaaleyyii Amaaraa jedhuun ajjeechaa namoota nagaarratti gaggeessan keessaa tokkoodha.
Kanaan duras aanadhuma kana keessatti halleellaa boombii mana cidhaarratti gaggeeffameen namoonni heddu du'uusaanii gabaasun keenya ni yaadatama.