Hiriira deeggarsaa Hidha Abbayyaaf Finfinneetti bahameerratti maaltu jedhame?

Hidhi Itoophiyaan dhiibbaa guddaa jala ijaartee xumurte ergaan isaa ijoo ''ni dandeenya'' jedhudha jedhan Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee.

Hidhi Haaromsa Itoophiyaa Guddichi (GERD) xumuramuu ilaalchisee hiriirri deeggarsaa magaalaa Finfinneetti adeemsifameera.

Hiriira kanarratti kan argaman Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee Hidhi Abbayyaa ''injifannoo guddaadha xiqqeessinee hin ilaallu'' jedhan.

''Ergaan isaa nuyi lammiileen Itoophiyaa ni dandeenya,'' isa jedhudha jechuunis dubbatani.

Itoophiyaan hidha kana ijaaruuf dhaabbilee alaarraa deeggarsa dhabduus lammiileen akkasumas gumaacha baankiin Daldala Itoophiyaa taasisen ijaaramuu danda'eera.

Ijaarsi kunis kadhannaarraa adda bahuu akka dandeenyu agarsiisa jedhan Pirezidant Taayyeen.

Itoophiyaan hidha bishaanii laga dheeraa addunyaa, Abbayyaa, irratti waggoota 14 darbaniif ijaaraa baate jalqaba torban kana eebbisiisteetti.

Eebba kanarrattis dureewwan biyyoota ollaa Itoophiyaa argamaniiru. Ijaarsa isaas jajuun dubbataniiru.

Aangawoonni Itoophiyaa ijaarsa hidha kana akka injifannoo guddaatti ilaalu.

Haa ta'u malee, bishaan na duraa xiqqeessa kan jettu Masriin guyyaa eebbaas yaaddoo himatteetti.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach hidhi kuni ''bu'uura ijoo bayyanachuu Itoophiyaa'' jechuun ibsan.

''Hidhi Haaromsaa Itoophiyaan akka dandeessu kan mul'isedha'' kan jedhan Aadde Adaanach, lammiilee ala jiraatan dabalalee kanneen gumaacha taasisan mara galateeffatan.

''Kanneen qofaa keenya fayyadamna jedhan bakka jiran iyyanii, keessaafi alaan nu himatani, nurratti wal tumsan, ijoo dubbii addunyaa nu godhani.

''Waraana harka jalaafi wal waraansa waliinii akkasumas duula miidiyaa waan danda'an hunda nutti duulan, nu laaffisuufis yaalan.

''Ta'us, lammiileen Itoophiyaa tokko taanee kutannee yeroo kaanu dhiibbaan kamuu nu dhaabsisuu waan hin dandeenyeef,'' ijaarraa eebbaaf geenye jedhan.

Hiriira kanarratti Pirezidantiin Itoophiyaan alatti Muummee Itti-aanaa Taamasgan Xuruunaa, Ajajaa waraana Itoophiyaafi kaan hirmaataniiru.

Lammileen Itoophiyaa hedduun akkuma dandeettiifi humnasaanitiin, maallaqaan, ogummaadhaan, humnaan, kaan ammoo dhimma hidhicha irratti abukaatoo ta'uun dhiibbaa dippilomaasii biyyatti irra ga'uu malu afaan qabachiisaa turan.

Kanneen hiriira bahan barjaa dhaadannoon garagaraa irratti barraa'e qabatanii mul'ataniiru.

Sagantaa kanarratti Raayyaan Ittisaa, Poolisiin Federaakaafi Poolisiin Finfinnee agarsiisa waraanaa mul'isuun gabaafameera.