Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanga'oonni Afrikaa sirna eebba Hidha Haaromsaarratti maal jedhan?
Pirojektiin humna ibsaa guddichi Afrikaa fi addunyaarrattis pirojektoota gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa wayita eebbifamu aanga'oonni biyyoota Afrikaa adda addaa argamaniiru.
Aanga'oota federaalaa fi naannolee Itoophiyaan alatti Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, Pirezidantiin Jibuutii Ismaa'el Omar Giilee, Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud fi Pirezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir argamaniiru.
Kana malees Ministirri Mummee Iswaatiinii Ruuseel Miisoo Dilaamiinii, Ministirri Mummee Baarbaadoos Amoor Motilii fi Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Alii Yuusuuf sirna kanarratti argamaniiru.
Aanga'oonni Afrikaa kunneen jala bultii eebba pirojektichaarraa eegaluun bakka argama pirojektii kanaatti kan argaman yoo ta'u, turtiisaaniin kutaalee pirojektichaa hunda daawwataniiru.
Pirojketichi akkuma injifannoo Adwaa milkaa'ina uummata gurraachaa [Afrikaa] hundaati kan jedhan MM Abiy, aanga'oota Afrikaa bakkichatti argaman galateeffataniiru.
Injifannoo akkanaa Itoophiyaan galmeessistu kanarratti akka waliin ta'anis dhaamaniiru.
Itoophiyaarraa anniisaa meegaa waatii 200 fudhachaa Keeniyaaf anniisaan hidha kanarraa argamu carraa guddaadha kan jedhan Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo, hidhi kun dandeettii Afrikaan egereeshee ofiin murteeffachuuf qabdu calaqqisiiseera jedhan.
''Guyyaa kana waliin kabajuudhaan obbolummaa biyyoota ollaa keenyaa fi biyyoota yaa'a laga Naayil mul'isaa jirra,'' jedhan.
Hidhi haaromsaa pirojektii Itoophiyaa qofa osoo hin taane mallattoo Paan Afrikaati kan jedhan bulchaan Keeniyaa kun, ''fedhii fi sadarkaa milkaa'inni pirojektoota gurguddoo Afrikaan durfamu irra ga'e kan agarsiisuudha,'' jechuun jajan.
Lakkoofsa uummataa garmalee dabalaa jiruun walqabatee fedhiin anniisaa Afrikaa keessatti akkaan dabalaa jiraachuu kan eeran Pirezidant Ruutoon, pirojektiin akkanaa mul'ata Gamtaan Afrikaa ardittii anniisaan walitti hidhuuf qabate milkeessa jedhan.
Keeniyaan bara 2022 irraa eegaluun waliigaltee bittaa anniisaa waggaa 25f turu mallatteessuun anniisaa meegaa waatii 200 Itoophiyaarraa fudhataa jirti.
Anniisaan kun sarara Itoophiyaarraa hanga Keeniyaatti diriire kiilomeetira 1500 keessa kan darbu yoo ta'u kunis Baha Afrikaa anniisaan walitti hidhuuf sarara baayyee murteessaa ta'edha jedhan Pirezidant Ruutoon.
Yeroo ammaatti biyyisaanii anniisaan ishee barbaachisu meegaa waatii 2500 irra ga'uu kan dubbatan Pirezidantichi, anniisaan dabalataa hidha haaromsaarraa argamu fedhii kana guutuuf abdii akka isaaniif ta'e ibsaniiru.
''Ministira Muummee Abiy waliin dubbanneerra. Mariin keenya itti fufa. Anniisaa madda kanarraa argamurraa qooddachuuf waliigaltee ni mallatteessina. Anniisaa irraa hafu kamuu fudhachuuf qophiidha.''
Keeniyaan dhibdee fi haasaa dhimma laga Naayiliin walqabatu kamiyyuu karaa ijaaraa ta'een furuu keessatti hirmaachuuf fedhii fi qophii akka qabdu dubbatan Pirezidant Ruutoon.
Keenyiyaan wayita Itoophiyaas ta'e biyya kam waliinuu hariiroo tolfatti faayidaa waloo eeguu keessatti kutannoo qabdi jedhan.
Liqii tokko malee qabeenya biyyaa qofaan pirojektii guddaa akkanaa ijaaruun fakkeenya nuuf ta'a kan jedhan Pirezidant Ruutoon, milkaa'ina kanaaf uummata Itoophiyaa fi MM Abiy Ahmadiin galateeffataniiru.
Waggaa lama dura Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf wayita sochii eegaltu kan kan itti mufatan Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud guyyaan kun uummata naannawa kanaaf guyyaa addaati jechuun gammachuusaanii ibsaniiru.
Taateen kun wa'ee pirojektii tokkoo qofa miti kan jedhan Pirezidant Hasan Sheek Mahmuud, dhimmi bishaanii dhimma biyya tokkotti daanga'u osoo hin taane daangaa ce'ee kan hundaaf faayidaa kan kennudha jedhan.
''Naannawa keenya kanatti qindoominaan waliin hojjechuu malee wal dorgomuu fi waldura dhaabbachuun hin barbaachisu,'' jedhan.
''Akkuma MM Abiy waadaa seenan hundi keenyayyuu waliin hojjennee waliin misoomuu feena.''
Mul'anni Somaaliyaa nageenyi, tasgabbii fi misoomni qaxanaa kanaa fedhii fi dantaa qaama hundaa kabajuurratti hundaa'a kan jedhuudha jedhan dureen Somaaliyaa kun.
Pirezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir uummata biyyasaanii bakka bu'uun uummata Itoophiyaan baga gammaddan jedhan.
''Mallattoo tokkummaa, aarsaa fi kutannooti. Uummati tokkummaan mul'ta tokkoof dhaabbannaan waan gochuu danda'u mul'isa,'' jedhan.
Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaan seenaa dheeraa waliin qooddatu kan jedhan Pirezidant Salvaa Kiir, ''kanaaf guyyaa kana kabajna,'' jedhan.
''Milkaa'inni biyya tokkoo akka milkaa'ina hundaati. Waliin taanee qormaata nu mudate gara carraatti geeddaruun misoomna,'' jedhan.
Biyyisaanii Itoophiyaarraa anniisaa fudhachuuf waliigaltee mallatteessuu kan eeran dureen Sudaan Kibbaa kun, hidhi kun magaalota, gandoota, manneen barnootaa, hospitaalota fi walumaagalatti uummatasaaniif abdii akka ta'e dubbatan.
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yusuuf pirojektiin anniisaa elektirikii kun Afrikaaf abdii ta'uu kaasan.
''Maddeen anniisaa elektirkaa Itoophiyaarraa uummata Itoophiyaa fi ollaasheetu fayyadamu.''
''Yaa'ii Jijjiirama qilleensaa Wiixata Finfinneetti milkaa'inaan eegale booda Pirojektiin ammoo fakkeenya gocha jechatti jijjiiramee ta'ee argineerra,'' jedhan dureen Gamtaa Afrikaa kun.
Akka dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaatti yaaddoo Sudaan fi Masiriin qabanis qixa ilaaluun qaba kan jedhan qondaalli kun ''Biyyoonni sadeen karaan ittiin dhimma isaanii fxatan inni filatamaan marii dippiloomaasiin qofa,'' ta'uu dubbatan.
''Biyyoonni sadeen akka mariitti deebi'anin dhaama. Bu'uura waliigaltee bara 2015 Kaartuumitti mallattaa'een mariittti dacha'uu qabu. Furmaanni biyyoota sadeenuu hirmaachise akka argamuuf Gamtaan Afrikaa tumsa ni taasisa.''