Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mataa ol qabannaa' Itoophiyaa kan ta'e hidha aannisaa guddicha Afriikaa ijaaruuf aarsaa gaafate
- Barreessaa, Kalkidan Yibeltal
- Gahee, BBC News in Addis Ababa
Injinaroota meekaaniikaa dargaggoo Itoophiyaa ta'aniif dursee kan qalbiisaanii hawwatu bal'ina eddoo ijaarsa hidha Haaromsa Guddichaati.
Kanneen dhibbootaan lakkaa'aman haala cimaa keessatti hidha madda anniisaa elektirikii bishaanii Afrikaa isa guddaa ta'ee fi Laga Naayil Cuquliisa (Biluu Naayil) qaxxaamuree jiruuf bu'uura qotaa turan.
Moges Yeshiwaas bara 2012tti ogummaa isaa irratti muuxannoo gaarii argachuuf hawwiin guddaa qabachuun bakka fagoo dhiha Itoophiyaa sana yeroo gahu umuriin isaa dargaggoo waggaa 27 ture.
Xumuramuun pirojektichaa biyyasaa jijjiiruuf kan qophaa'e yoo ta'un alatti jireenya isaas jijjiireera.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) kan biyyattiif anniisaa ibsaa kennuun alatti qaxanichaafis humna elektirikii kennuuf gargaaru Kibxata har'a ifatti eebbifama.
Ol ka'iinsi hidha kanaa kun gammoojjii keessaa km1.78 (1.1 miles) kan diriiru yoo ta'u, olka'iinsa m145 (475 feet) qaba. Akkasumas konkiriitii meetira kiyuubii miliyoona 11n ijaarame.
Kuusaan bishaanii guddaa, 'Haroo Nigat' jedhamu moggaafame kan umamee yoo ta'u, hiikni isaas afaan Amaaraa barii jechuudha.
Hidhi Haaroomsaa kun bishaan laga guddaa sanaa keessaa kan harka caalu argamsiisu laga Abbayyarratti ijaaramuun isaa biyyoota yaa'a gadiin falmii kaasee ture.
Keessattuu wal dhabdeen Masrii waliin umamee ture kan gara waldhabdee dippilomaasiitti geessee ture.
Itoophiyaaf garuu mallattoo boonsa ummataa akka ta'eetti akkasumas ilaalcha Abiyyitti biyya isaa waltajjii addunyaa irratti kan bu'ura cimaarra akka dhaabbatu taasiseedha.
Mogas gaheessa umuriin waggaa 40 yoo ta'u, ''qaama ijaarsa kanaa ta'ukootti gammachuun natti dhagahama'' jedha.
''Guyyaa guyyaan adeemsa ijaarsichaa arguukootti nan gammada ture. Hojii kanas barbaadeen dhufe. Haata'u malee adeemsa yeroo keessa miira hojii ta'usaa badaa dhufe. Akkuma waan carraakootti egereesaa na yaaddeessaa hidhannii ani hidhicha waliin qabu dabalaa dhufe.''
Rakkoowwanis turan. ''Maatii waliin yeroo dheeraaf adda baatee turuun baayyee rakkisaa ture'' jechuun BBCtti himan.
Obbo Mogos bakka ijaarsa hidha Haaromsaatii ka'uun maatiisaanii Baahirdaariitti argaman bira dhaquuf km 400 waggaatti ala lama ykn sadii imalu turan.
Dirreen hidhi kun itti argamus yeroo ho'isaa dabaluutti hanga digrii seenti gireed 45 gaha ture. Kana biraan sa'aatiin hojii dheeraa ta'unsi waan gara biraa ture.
"Shiftiiwwan keenya ganama sa'aatii tokkoo hanga galgala sa'aatii tokkootti kan hojjennu yoo ta'u, laaqanaaf boqonnaa sa'aatii tokko qofa qaba ture. Sana booda hojjettoota shiiftii halkaniif dabarsinee kennine, sababii hojiichii sa'aatii halkanis itti fufuu qaba ture," jedhu Obbo Mogas.
Hojiin Mogas hojiin caasaa ijaarsichaa sirrii akka ta'ee fi sadarkaan ijaarsaa akka eegamu mirkanneessuu ture.
Biyyi Gaanfa Afrikaa waggoota kurnan darbaniif jeequmsa siyaasaa fi waldhabdee sabaatiin raafamaa turteef pirojektiin Hidha Haaromsa Guddichaa humna ummata tokkoomse addaa ture.
Gariin akkuma injinara kanaatti, kallattiidhaan hidha kanarra kan hojjetan yoo ta'u, lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'aman ammoo, hanga ta'e irratti invast godhaniiru.
Namoonni kutaalee jireenyaa hundarraa dhufan ijaarsa hidha kanaatiif gumaacha deeggarsaa taasisuu fi karaa bittaa boondii mootummaan baaseen gumaachaniiru.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waashingitan ijaarsa hidha kanaa maallaqaan deeggarte kan jedhan yoo ta'u, Itoophiyaan garuu hidhichi guutummaan kan maallaqa biyya keessaa akka raawwatame himan.
Dhaabbileen duulli galii walitti qabuu hedduun miseensonni ummataa wayita yeroo hedduu gumaachan argaa turan. Narsiin kilinikaa, Kiroos Asfaaw isaan keessaa tokko turan.
Innis naannoo Tigraay bakka waraanni waggaa lamaaf keessatti gaggeeffame irraa ta'us, yeroo karoorri ijaarsa hidha kanaa jalqaba bara 2011tti labsamee kaasee yeroo danda'etti ijaarsa hidhichaaf gumaacheera.
Innis boondii mootummaa yeroo 100 ol akka bite dubbata. Yeroo wal waraanaa yeroo tajaajilli bu'uuraalee kan akka baankii Tigraay keessatti addaan citutti, boondii bittaa addaan kutuuf dirqamee ture.
Kaka'umsi Obbo Kiroos kan madde haasawa jalqaba pirojekticha ilaalchisuun Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Meles Zenawiin, lammiileen Itoophiyaa hundi walitti dhufuun hidha kana deeggaruun dirqama jedhan irraa akka ta'e dubbatu.
Abbaan ijoollee shanii kun BBC'tti akka himanitti, ''hanga sarara xumuraa isaatti waanan danda'u hundaan gargaaruuf ofiifan waadaa gale,'' jechuun BBC'tti hime.
Amma tarbaayinoonni hundi hojjachaa jiraniin, humni kun Itoophiyaaf garaa garummaa akkamii fiduu akka danda'u yaadni garagala.
Hidhi kunis dandeettii isaa guutuudhaan humna annisaa MW 5,100 maddisiisuu danda'a. Kunis kan biyyattiin hidha kana malee oomishturra dachaan ol kan ta'uu fi manneen miliyoona kudhaniin lakkaa'amaniif dabalataa biyyattii keessatti ibsaa dhiyeessuuf human gaha.
Sun ammoo, bu'uuraaleen misoomaa humna anniisaa kana gara kutaalee biyyattii adda addaatti geessuuf ijaaramu irratti hundaa'a.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa Dr Haabtaamuu Itafaa BBCtti akka himaniitti, ummata gara miiliyoona 135 keessaa walakkaan isaanii ibsaa elektirisitii argataa hin jiran.
''Waggoota dhufan shan keessatti jijjiruu kan barbaadne isadha. Yaadni keenya bara 2030tti yoo xinnaate ummanni biyyatti harki 90 elektirsitii akka argatan gochuudha'' jedhan.
Kibba Itoophiyaa magaalaa guddittii Hawaasaatiin ala ganda qonnaan bulaa Alaamuuraa keessa kan jiraatu dubartiin ganna 35 Aaddee Geetenesh Gabisoo, warra garaagarummaa hidhi Abbayyaa fiduu danda'u tilmaamaa jiran keessaa tokkodha.
Jireenyi Addee Geeteenesh kan namoota miliyoonaan lakkaa'aman baadiyyaa Itoophiyaa keessaa ni calaqqisiisa.
Godoo xiqqoo, keenyaa dhoqqeetiin ijaarame fi magaala Hawaasa irraa fageenya km 10 qofa qabaattus, Aadde Geetenesh, abbaan warraa ishee fi ijoolleenshee sadan ibsaa hin argatan.
Nyaata bilcheefachuuf naannoo qonna isaanii isa dhiyoo jiruu irraa qoraan ibiddaa guurratti.
Ibsaadhaaf ammoo gaazii keeroosiiniin hojjetu fayyadamu. Abbaan warraashee, Obbo Germesaa Gaalchaa fayyaa maatii isaaf yaaddoo qabu.
"[Geetenesh] duraan ija gurguddaa fi bareedaa qabdi ture. Garuu aarri waggoota kana hunda ishee miidhaa jira. Ijishees bishaaniin guutameera," jedhu.
"Osoo aarri ijoollee koo ukkaamsee maalan godha jedheen yaadda'a."
Aaddee geeteenash kan yoo galgalaa'u, yeroo tokko tokko ifa moobaayiilii abbaa warraa isheetti fayydamtu, halkan ibsaa argachuun waan ishee haalaan hawwiituudha.
''Mana koo keessatti ibsaan yoo ifu arguun barbaada. Amma meeshaaleen elektirikii kaan omaa miti. Ibsaa harkan keessaa argachuudha amma kanan barbaadu,'' jechuun BBCtti himte.
Isaanis garaagarummaa ibsaan Hidha Guddichaa jireenya isaanii keessatti fidu arguuf hawwaa jiru. Haata'u malee, Ministirri Bishaaniifi Ijanarjii, Dr Haabtaamuun bu'uraalee misoomaa diriirsuun babal'isuun baayyee akka gaafatu kaasan.
Ibsaa magaaloota xixqqoofi olaawwan baadiyaa hundaan gahuudhaaf ganaa sararrii kiilomeetira kumaatama dheeratu diriirfamuu qabaata.
Haata'u malee Inijinar Mogas annisaan Laga Abbayyaatiin maddifiifame garaagarummaa olaanaa taasisa jedhu.
Innis ilma yeroo inni hidha kanarra hojjatu dhalate qaba. m"Hanga barbaadu isaaf ta'uu dadhabuunkoo nan jibba," jedha.
"Haata'u malee, waanan gumaache irraa kan ka'e, egeree isaa ifa akka ta'u nan beeka, yeroo guddatus kana itti himuukootti baay'een boona."jedha.