Eeggataa kan ture Taammiraat Tolaa rikardii Olompiikii fooyyessuun warqee injifate

Atileetiin Itoophiyaa Taammiraat Tolaa Fiigicha maaraatoonii Olompikii Paariis riikardii dorgommichaa cabsuun injifate.

Taammiraat Tolaa dorgommii kana gara jalqabaa ka'ee dursuun hanga dhumaatti saffisa isaa eegee xumuruun riikardii cabseera.

Taammiraat dorgommii kanaaf eeggataa kan ture yoo ta'u atileet Siisay Lammaa miidhamuu hordofee hirmaannaa guutuu argate.

Daandiin fiigichi kun irratti gaggeefame irraan gadeefi tabba qabaachuun atileetotatti qormaata ta'ee riikardii cabsuun ni ulfaata osoo jedhamu Taammiraat seenaa dalaguu danda'eera.

Atileetiin Beljiyeem Abdii Bashir Lammaffaa Atileetiin Keeniyaa Bensoon Kipruutoo sadaffaa ta'uun xumuran.

Atileet Dheeressaa Galataa shanaffaa ta'uun xumure.

Injifannoon Tamamiraa Itoophiyaaf hiika addaa kan qabu yoo ta'u, Itoophiyaan olaantummaa dorgommii kanaan Keeniyaan dhiyeenya qabaachaa turtetti xumura kan godhedha.

Injifannoon warqee Maaraatoonii Olompikii waggoota 24 booda Itoophiyaatti deebi'e.

Yeroo dhumaaf warqeen Olompikii maaraatoonii Itoophiyaan kan injifatte bara 2000 Gazzaaheny Abarraatiin ture.

Atileetiin ganna 42 Qananiisaa Baqqalaa 39ffaa ta'uun yoo xumuru, morkataasaa jabaa kan ta'e atileetiin Keeniyaa Eliiyuud Kipchoogeen ammoo injifannoo walitti aanu sadaffaaf osoo abdatamuu osoo hin xumuriin hafeera.

'Jireenya koo keessatti injifannookoo isa guddaadha'

Atileet Taammiraat Tolaa yaada injifannoosaa booda kenneen ''Baayyee gammadeera, har'a abjuukoo galmaan gaheera'' jedhe.

Akka gaariitti qophaayeera. Shaakallii cimaa na namoosisu hojjedheera. Jireenyakoo keessatti kun milkaahina guddaadha'' jechuu Wold Athletics gabaaseera.

Eggaataan turee kan jedhe Taammiraat Siisaay erga midhamee booda wayita waamamu abjuukoo milkeessuu akkan danda'u nan baree'' jedha.

Olompikiirratti injifachuun ulfaataa ta'uu dubbatee ofitti boonuu fi hedduu gammaduu dubbate.

Taammiraat akkamiin eeggatummaarra gara hirmaannatti dhufe?

Atileetotni sadii Itoophiyaan olompikaratti maaraatooniin akka dorgaman jalqaba filatte Qananiisaa Baqqalaa, Dheeressaa Galataafi Siisaat Lammaa turan.

Dorgommiichaaf torban muraasni yeroo hafu Siisaay Lammaa shaakalarra osoo jiruu miidhame.

Eeggataa ta'ee qabamee kan ture Taammiraat Tolaa bakka Sisaay akka bu'u godhame.

Siisaay waayee kanaa yoo dubbatu ''anaatu addunyaarraa sa'aatii saffisaa gaarii qaba ture'' jedha. Sa'aatiin qabu 2:01:48 dha.

Osoo rakkoon fayyaa isa hin qunnamne ta’e ''Warqii fida jedheen yaada,'' jechuun hime.

''Ani miidhame, biyyimmoo miidhamuu itti hin jiru kanaan waliigallee innillee [Taammiraat Tolaa] akka seenu ta’e,'' jechuun dorgommii dura BBC’tti dubbate.

Seenaan injifannoo Taammiraat seenaa Olompikii Room isa Abbabaa Biqilaa itti injifateen walfakkaata.

Abbabaan injifannoo gurraachota jalqabaa kan galmeesse akkuma Taammiraat eeggataa ta'ee osoo jiruu Atileet Waamii Birraatuu, kan injifannoo saniif eegaman miidhamuu isaaniitiin ture.