Yoomif Qajeelchaa warqii dhabuu, Dr Ashabbirii fi qeeqa isarra dhihaaturratti

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Itoophiyaan waltajjii ispoortii guddicha Olompikiirratti qabxii hanqachuun hawaasa keessatti mufii jabaa uumeera.

Olompikii Paarisirratti 10,000m’n kan dorgome Atileet Yoomiif Qajeelchaa, ''osoo fiigicha mataa kiyyaa fiigee jiraadhe medaaliyaa keessaa hin bahu ture,'' jechuun BBC’tti hime.

‘Yoo akkana fiigdan malee jedhanii ajaja nutti kennanii warqii nu dhabsiisani,’ kan jedhu Yoomif, tooftaan hordofan akka isaan miidhe, dogongorris uumamuu ifatti amana.

Meeqa dhamahanii gatii dafqa isaanii atileetiin Ugaandaa fudhachuu dubbata. ‘’Warqii dhabuu keenyatti sadan keenyayyuu baay’ee gaddineerra.

‘’Qabxiin nuti fidne gahaa miti. Kuni balleessaa keenyaan waan ta’e miti. Waan nutti kennameen kan ta’edha.’’

Bulchiinsi Koree Olompikii Itoophiyaas jijjiiramuu akka qabu ifatti hime. Kanneen ‘osoo dhuunfaaf fiigera tahe silaa mo’ata’ jechuun isa qeeqaniif deebii kenneera.

Yeroo himannaan garagaraa garee atileetiksii Itoophiyaa raasaa jiru kanatti, waan keessa turan, miira garee keessa jiru akkasumas yaaddoo qabxii biyyattii BBC'tti haasa'eera.

Turtii addatti gaazexeessaa BBC Ammayyuu Ittaanaa waliin taasise akkaataa gaaffiifi deebiin isiniif dhiheessina. Dhihaadhaa!

'Ni adabamtu nuun jedhan'

BBC: Dorgommiin miira akkami sitti uume?

Yoomif: Miira gammachuu naaf kenna jechuu hin danda’u. Waan dhabuu hin qabne dhabne. Wanti godhaa jedhamne dogongora mataa isaa qaba. Dursinee bahuun keenya akka dhumarratti hin jijjiirreef [saffisa] sababa nutti ta’ee jira.

Hojii gareetiin gammanneerra. Garuu atileetii sadarkaa addunyaatti cimaa ta’e marsaa 25 guutuu fuuldura taatee mo’adha jechuun dogongora, waan ta’u hin dandeenye. Qilleensa situ dhiibaafi jira waan ta’ef.

Wanta nutti kennamedha sadarkaa kanaan kan nu gahe. Medaaliyaa dhabuu keenyaaf sababni guddaan wanta godhaa jedhamne sanadha.

BBC: Warri kana jedhe eenyudha?

Yoomif: Leenjistootattti itti himaa jedhamee isaan nutti himan. Garuu leenjistotatti ajaja kana kan dabarse warra Olompikii gaggeessan akka ta’anidha kanin dhagahe. Nuti kan barbaannu hojii gareeti, yoo kana hin goone itti gaafatamummaa leenjisaafi atileetiin hin fudhata jedhame. Nutimmoo waan nutti himame gochatti jijjiirre.

BBC: Dorgommicha akka agarretti, wal hubataa adeemaa turtan. Baay’ees dhamaatani. Garuu gara xumuraa saffisi keessan laafaa dhufe. Tarii jalqabarraa kaatanii saffisa waan dabaltaniifi?

Yoomif: Eeyyee suni dogongora guddaadha. Qilleensa dhiibaa ooltee, hanga dhumaatti dursitee nan mo’a jechuun ulfaataadha. Baay’ee saffisa deemaa waan turreef rikardiin Olompikii Qananiisaas waggaa 16 booda sakandii 18’n cabe.

[Garuu] saffisa sanaan fixuu hin dandeenye. Dhumarratti caalamneerra jechuudha. Sababa sanaaf kan nu saaxile garuu waan nutti kenname sanadha. Hanga medaaliyaa dhabutti ni taasiseera. Osoo walakkaadhaa kaanee deemnee jiraanne xumuruu dandeenya turre [saffisaan].

BBC: Chepteegeen [Atileetii Ugaandaa] yeroo baay’ee dorgommiin xumuramuuf 600m gaafa hafu bahee fiiga, humnas saffisas qaba. Gaafa isin tooraan deemtan isin duuba deema. Of eeggataa deemaa ture. Tooftaafi gamnummaa nu caale jettaa?

Yoomif: Eeyyee, nu caalee argameera. Inni miidiyaarratti [isaan] yoo saffisan saffisuuf, yoo suuta jedhan suuta deemuuf qophaa’een dhufe jedhee dubbate. Maaliin nu caale, sammuudhaan nu caale. Wanti nutti kenname suni akka nu caalu nu godhe.

Hundi keenya beekneeti deemne. Atileetonni kuni akka nurraa hin cinne, garuu waan nutti kenname gochuu yoo hin baanne akka adabbiin nu eeggatudha kan nutti himamee deemne. Kanaaf waan nutti himame sana goonee mo’amneerra jechuudha.

BBC: Kan isinitti himame gaafa Itoophiyaadhaa deemtanimoo erga achi geessan booda?

Yoomif: Gaafa asii deemnudha. Asitti fixnee waliigalteerra geenyee deemne.

BBC: Qabxii nu dhabsiisa jedhanii yaaddoo himachuun hin danda’amu turee?

Yoomif: Ijoolleen hunduu falmani, ayi gochuu qabdu jedhame. Garuu gatii nu kaffalsiseera. Medaaliyaa akka dhabnu nu godheera. Biyyas, nuunis jechuudha.

'Baay'ee na jeeqe'

BBC: Dogongorri akkasii garee Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin mudataa ture. Kanaaf ajaja isiniif kenname qofatu rakkoo uume jettee yaaddaa? Rakkoon biraa hin turree?

Yoomif: Rakkoon biraa ani arge hin jiru. Jalqaba atileetiin sammuun isaa bilisa ta’uu qaba. Wanti achi keessatti jiru si jibbisiisa.

BBC: Wanti godhaa jedhamtan suni ganamaan bahaatii dursaadhaa?

Yoomif: Marsaa kudhan hin guunne kan nutti eegalle. Garuu marsaa 10 kan geessan yoo marsaan tokko saffisa sakandii 65 fi 66 deemamaa jiraatedha nuun jedhan. Yoo sanaan hin deemne garuu ofi keessan dursaa deemaa jedhan. Wanti nuti goone sanumadha.

BBC: Xumurarratti Barrihuun karaa mirgaa saffisa hin eegamneen dhufee inumaa osoo dursee dhufe Chepteegeedhumayyuu waan caalu fakkaata.

Yoomif: Barrihuun hanga duuba sanaa hamma kana deeme dhufu osoo fuuldura jiraate carraa mo’achuu qaba ture saffisa isaatiin jechuudha. Osoo inni warqii fidee jiraate dhamaatiin keenyallee gatii argata ture.

BBC: Shaampiyoonaa Mana Keessaarratti bara 2018 warqii argatte. Baranammoo 10,000m’n yeroo saffisaa qabda turte. 5000m fiiguu barbaaddee dhowwamuu himte.

Hanga ammaa Olompikiirratti medaaliyaa hin qabdu. Maal sitti dhagahame keessumaa dorgommii sanarratti dura aantummaan erga sosso’aa turte booda?

Yoomif: Baay’ee na jeeqee ture. Miilana baay’ee itti qophaa’e. Hojii gareetiin jedhamee dhabuun [qabxii] kiyya baay’ee na miidheera. Osoo dhuunfaa kiyya fiigicha mataa kiyyaa fiigee jiraadhe medaaliyaa keessaa hin bahu ture.

Atileetiin jalqabumaa waliin hojjetaa hin turre. Dogongora guddaadha. Jalqaba atileetiin waliin hojjetuu qaba ture.

'Isa qofatu galchuu danda'a'

BBC: Leenjisaa garaagaraa qabdum bakka gara garaa leenjitu jechuudhaa?

Yoomif: Eeyyee. [Fiigicha] 5000m immoo akkan seenu gaafadheen ture. Ergaa gabaabaan, xalayaan gaafadheera. Sii hin galchu waan warqee hin finne naan jedhe [Dr Ashabbir].

Waanuma isin nutti kennitaniin akka warqiin hin dhufne ta’e. 5000m’n irratti ofillee, ummata medaaliyaa narraa eegu kanallee kiisuu barbaada na galchi jedheen. Lakki hin galtu naan jedhe. [Dhimma kanarratti BBC’n yaada aangawaa gabaasa kana keessa dabaluuf yaaliin taasise hin milkoofne.]

BBC: Kan kana jedhu, kan murteessu eenyudha?

Yoomif: Dr Ashabbir [Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa].

BBC: Kallattiidhaan isaan gaafattu isin?

Yoomif: kallattiidhaan gaafadhe. Isa qofatu galchuu danda’a waanan jedhameef kallattiidhaan isuma gaafadhe. [Himannaa filannoo atileetii, fi kaan irratti bulchiinsi Dr Ashabbir himannaan jabaa irratti ka'aa jira]

BBC: Kuni erga 10,000m dorgomtan boodadhaa?

Yoomif: Eeyyee. Hin galtu sana [fiigicha 10,000m irratti] warqii waan hin fidneef naan jedhe. Ragaa guutuu qaba of harkaa. Warqii waan fidneef kan nama jechisiisu miti. Ani dhowwamuu hin qabuun ture. Ani sa’aatii saffisaa lammaffaa qaba bara kana addunyaarraa.

Atileetii tokkoof sadii eeyyamaa, atileetii tokkoof garuu ati mirga hin qabdu warqii hin fidne namaan jechuun anaaf kuni baay’ee kan nama jeequufi hamilee nama buusudha.

Wanta akkasiidha kan Itoophiyaa keessatti deemaa jiru. [Yoomif osooma gara Paaris hin deemin dura erga 5000m’nis federeeshiniin atileetiksii isa file booda koreen olompikii na baase jechuun BBC’tti komatee ture]

'Ari'amuu qabu'

BBC: Mee miira gareen si gaafadha. Nuti fagoodhaa ilaalla, isin kaampii tokko bakka tokko buufattani. Maal haasoftu? Miira akkamiitu jira atileetii gidduu?

Yoomif: Atileetii bira miira gaariitu jira. Atileetiin wal dhabas hin qabu. Wanti filannoorratti yookiin warra teknikii jedhaman bira jiru gaarii miti.

BBC: Fiigicha 10,000m erga dorgomtanii fixxanii booda Salamooniifi Barrihuu wajjiin wanti addatti haasoftan jiraa?

Yoomif: Dogongorri ture kana kana jennee waanuma amma sitti hime waliin haasofne. Hunduu [ejjennoo] kana qaba. Ganamaan baanee deemuun keenya akka gatii nu kaffalchiisedha hundi keenyayyuu kan waliin haasofne.

BBC: Dogongorri kuni irra deddeebiin mudate. Si’achi maal ta’u qaba jetta? Mee waa’ee furmaataa haa haasofnu.

Yoomif: Ummannillee, mootummaan maaltu akka adeemaa jiru beeka. Gadi taa’anii haasa’anii hundeerraa furuu qabu. Yookiin immoo warra hogganan [koree Olompikii warra gaggeessan] irraa ari’uudha. Bu’uu qabu.

Mana mootummaa mitii yoo balleessite maatiin iyyuu si ari’a mitii? Isaanitti mootummaan furmaata barbaaduu qaba jedheen yaada akka kiyyatti. [Akka chaartara olompikiitti mootummaan ispoortii keessa seenuu hin qabu]

'Amma tokko qofti nugusa hin ta'u'

BBC: Qananisaa, Xurunash, fi kaan yoo dorgomu ta’e inuma injifatu abdiin jedhu dur ture. Yeroo ammaa atileetiin akkana abdatamu hin jiru jedhu xiinxaltoonni dubbisne. Ati atileetiidha. Maal jetta?

Yoomif: Dhugaadha. Qananiisaan fa'i jiraannaan akka warqiin dhufu gaaffii hin qabu. Qananiisaan Olompikii sa’aatii saffisaa 27:01 [daqiiqaa] fiigeeti mo’ate. Nutimmoo 26:43 fiigne. Atileetiin asitti kutee deema kan jettu hin jiru [yeroo ammaa]. Eessaa akka sitti dhufullee hin beektu. Yeroon amma tekinolojiin ta’eera [hunduu] haala ammayyaan hojjeta.

Akka yeroo sanaa nama tokko qofa miti kan nugusa ta’u yeroo kanatti. Hundi atileetiin qixa ta’e sitti dhufa. Haalli amma itti deemaa jirru hojii garee kan jedhu kanaan booda waan hojjetu natti hin fakkaatu. Namni lama dadhabsiisee namni tokko yoo mo’a ta’e sirriidha.

Garuu sadan keeyyuu wal jijjiirii deemi kan jedhu yoo ta’e, atileetii kamiyyuu muruu hin dandeessu sa’aatii kanatti. Otoo murama ta’e nutu ofirraa kutee deemee mo’a ture. Sa’aati ariifataa fiigaa turre. Kanaaf atileetiin hunduu qixadha. Adiinillee gurraachillee si hordofa.

Kennaan namaa garaagara. Kennaan Qananiisaafi kan Yoomif tokko miti. kennaan Hayileefi Barrihuu ykn Barrihuu tokko miti. Dandeetti garaagaraa qaba. Wanti hundiyyuu jabaataa dhufeera. Akka salphaatti nama mo’uu waan dandeessu miti.

BBC: Olompikiirratti qabxiin Itoophiyaa gad bu’aa jira akka argaa jirrutti. Wantoonni ijoo atileetiksii Itoophiyaa gad qabaa jiran maali?

Yoomif: Ani sababa bulchinsaati jedheen ilaala. Bulchiinsi gaaraa qajeelaa yoo ta’e wanti jala jiru qajeelaa ta’a. Sababa biraa hin beeku. Atileetin fiigicha dhuunfaarratti sa’aatii ariifataa fiiga, morkattoota amma nu caalan caalaa oolla.

Wanti amma hubataa jirru, fiigicha biyyaarratti sammuu bilisaa hin qabnu. Yeroo hunda jeequmsa, iyyatu jira. Bulchiinsa sammuu bilisaa nuuf kennu qabaachuu qaba atileetiin tasgabbii barbaada waan ta’ef.

'Dadhabbiikoo natu beeka'

BBC: Yoomif gaafa dhuunfaaf fiigu ni injifata, gaafa biyyaa ta’e akkasii miti jedhanii kanneen si qeeqan jiru. Maali isaaniif deebiin ati qabdu?

Yoomif: Akkuman jedhe fiigichi sammuu bilisa barbaada. Wanta akkasii yeroo dheeraaf deddeebi’ee na mudataa ture. Seentee fiiguufi barreessuun tokko miti. Nama arrabsuun ni salphata. Ani akkasittin fudhadha.

Kan dadhabbiisaa beeku anadha. Kan dadhabu, kan dafqu ana waan ta’ef waan akkasiif bakka hin laadhu. Gara fuulduraatti biyya kiyya bakka bu’ee medaaliyaa fidee kiisa jedheen abdadha.

BBC: Karoorrikee itti aanu maal ta’a jechuudha?

Yoomif: Wanta murteesse hin qabu. Bara 2019 medaaliyaa kanan fide shaampiyoonaa addunyaa Dohaarratti. Ergasii medaaliyaa dabalee hin fidne. Hawwiin kiyya yeroo hundaa warqii nyaachuudha waan ta’ef sana milkeeffachuu barbaada tiraakirra turee.

BBC: Dorgommiirra gaafa mo’uu dhabdan, miidhamtan nama jeeqa. Yeroo qormaata akkasii kana akkamiin keessa baatu? Tajaajilli gorsaa jiraa?

Yoomif: Atileetiin dafqaa oola. Isa qabxii dhabduurratti namoonni jechoota, hamlee si cabsan fayyadamanii si arrabsu. Kuni nama jibbisiisa. Sana hunda keessa dabarree hojii keenya itti fufuudha.

BBC: Guddaa galatoomi!

Yoomif: Isiniis galatoomaa!