Saadiyoo Maaneen maallaqa kilabiin Sa'udii Al-Naasir dhiheesse qalbiin hordofaa jira

Saadiyoo Maaneen biyyi isaa Senegaaliif Waancaa Afrikaa yeroo jalqabaaf akka kaastu gumaacheera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saadiyoo Maaneen biyyi isaa Senegaaliif Waancaa Afrikaa yeroo jalqabaaf akka kaastu gumaacheera

Taphataan sarara fuulduraa Baayer Muunik Saadiyoo Maaneen maallaqa kilabni Sa’ud Arabiyaa Al-Naasir isa fudhachuuf akka kaffalu beeksise xiyyeeffannoon hordofaan jira jedhe.

Dargaggeessi ganna 31 Maaneen fudhatamni isaa kilabicha keessatti xiqqaateera.

Taphataan lammii Senegaal kuni ganna darbe Liivarpuulirraa Paawundii miliyoona 35’n Baayer Muunik seene.

Gabaasaaleen akka agarsiisanitti Baayer Muunik taphataa sadarkaa idil-addunyaa lammii Senegaal kana dabarsee kennuuf qophiidha.

Leenjisaan kilaba Baayer Muunik Toomas Tuheel, Maaneen ''hanga eegame hin taane,'' jedhan.

Maaneen kilaba Sa’udii Al-Naasir waliin haasa’eera, garuu waliigalteen mallatteeffame hanga yoonatti hin jiru.

Taphataan kuni garasitti yoo imale jifataa duraanii Maanchistar Yunaayitid Kiristiyaanoo Roonaaldoo waliin wal simee taphata.

Yeroo ammaa taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitiid Aleeks Teelees fi taphataan lammii Kirooshiyaa Maarseeloo Biroozoviich ganna kana gara kilabichaatti dabalamaniiru.

Anfiild keessatti milkaa'inaan erga Shaampiyoonsi Liigii fi Piriimiyeer liigii injifatee booda, Maaneen ganna darbe ''qormaata kanaaf yeroon sirrii'' ta'uu ibsuun gara Jarmanitti ce'e.

Haa ta’u malee, gabaasni Maaneen taphataa garee waliin taphatuu Liiroo Saanee buunyaan dha’e jedhu erga bahee booda isatti itti hin tolle.

Ebla darbe Maanchistar Siitiidhaan Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaarratti mo'amuu hordofee dursaa garee irraas buufamuun maallaqaan adabame.

Maaneen bara darbe Muunikiif taphoota 38 taphachuun goolii 12 galche.

Leenjisaan isaa Tuuhel akkas jedhan: ''haalli dorgommii garmalee cimaadha, iddoon jalqabe salphaa miti'' jedhan.

"Maaneenillee sana ni beeka, yaada koo fi yaada kilabichaa ni beeka" jedhan.